'Ajjeechaa Batteerratti qorannoo mootummaan gaggeessurraa yaaddoo guddoon qaba' -ABO

Alaabaa ABO

Madda suuraa, Getty Images

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) ibsa haaraa baaseen ajjeechaa qondaala siyaasaa isaa duranii, Obbo Battee Urgeessaarratti raawwatame ilalachisee qorannoo mootummaan gaggeessuurra amanta akka hin qabne ibse.

Obbo Batteen Kibxata barii qaamolee ammatti eenyummaan isaanii adda hin baaneen iddoo hedduu rasaasaan rukutamanii erga ajjeefamanii booda reeffi isaanii Ebla 9, 2024 qarqara magaala Maqiitti argame.

Poolisiin magaalaa Maqii ajjeechaa kanarratti qorannoo gaggeessaa akka jiruufi namoota 13 ajjeechaa kanaan shakke to'annoo jala oolchuu BBC'tti himeera.

Namoota buufata Poolisii geeffaman keessaa quxusuun Obbo Battee Miiloo Urgeessaa, shakkii dhibdee maatiitu jira jedhuun to'annoo Poolisii jala ture.

Kantiibaa magalaattii dabaltee qaamoleen mootummaa waliin hidhata qaban dhibdeen maatii sababii du'a Obbo Battee ta'uu akeekaa turan.

Miseensonni maatiifi namoonni isaan beekan garuu ajjeechaan kun qaamolee mootummaan raawwatamuu hin oolle jedhanii amanu.

Mootummaan naannoo Oromiyaa ajjeechaa kanaaf mootummaatti quba qabuun fudhatamu hin qabuu jechuun balaaleffatee akka qoratus ibseera.

ABOn garuu ajjeechaan kun qaamolee mootummaan raawwatamuu ragaalee akeekaan namoota ''ijaan argineerra'' jedhan irraa argachuu ibsa isaa keessatti eere.

Dhaabichi qabxiilee ragaa amanamaa irraa qaba jedhee tarreesse keessaa tokko Obbo Batteen Peensiyoona Abeebee Giraazmaach jedhamu keessaa qaamolee nageenyaan fudhatamuudha.

Obbo Batteen wayita kutaa ciisa isaanii keessaa baafaman reebamaa waan turaniif ''baayyee iyyaa turan'' jedheera dhaabichi.

''Egduun hoteelichaa (peensiyoonichaa) gocha kana argaa ture, ragaa akka hin taane butamee/ dhabamsiifameera ykn ajjeefameera.''

ABOn ibsa isaa kanaan akkas haa jedhu malee BBCn addatti himannaa kana hin mirkaneeffanne.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Batteen iddoo balfi gatamutti geeffamanii qaamolee nageenyaarraa rasaasa deddeebifamee dhukaafameen ajjeefamuu namoonni ijaan aargan himuu kanneen reeffi isaan bineensaan akka hin nyaatamne eeganis ''butamuu ykn ajjeefamuu'' ABO ibseera.

Kanarraa ka'uunis qorannoon qaama mootummaan godhamu amanamaa akka hin taanee fi gara darbaa jiraachuu dhaabbilee idil-addunyaa fi hawaasni akka hubatuu qabu dhaameera dhaabichi.

Mootummaa Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaa fi kanneen mirgaaf falman ibsa Komishiniin Mirga namoomaa Itoophiyaa qorannoo walabaa fi haqa-qabeessaaf waamicha itti godhe qoodataniiru.

Dabalataanis, qorannoon walabaa qama idil-addunyaan akka gaggeefamus gaafataniiru.

Obboleessi Obbo Battee, Miiloo Urgessaa Kamisa darbe sirna awwaalchaa booda to'atamuu dura yaada BBC'f kenneen haqa obboleessa isaa gara dabarsuuf duulamaa jiraachuu ibsee ture.

Rakkoon maatii lubbuu wal balleessuuf geessisu akka hin jirre kan hime Miiloon, ''dhugaa gara dabarsuuf tattaaffii saalfachiisaa godhamuudha'' jechuun wal dhibdee maatiin jira jedhamuun waan hin fakkannedha jedhe.

Obbo Batteen ABO keessatti qondaala damee siyaasaa hoogganaa kan turan yoo ta'an, irra deeddeebiin hidhamanii, mana hidhattis sadarkaa lubbuu isaaniif yaadessuundhukkubsatanii turan.

Ji'a tokko duras gaazexeessee biyya Faransaayi waliin to'atamanii, torban tokkoo oliif hidhamanii gadhiifamunsaanii ni yaadatama.