Ajjeechaa Obbo Batteerratti maatiifi ogeessi fayyaa maal jedhan?

Obbo Battee Urgeessaa

Madda suuraa, REPORTER NP

Roobii Ebla 10, 2024 ganama bakka balfi itti gatamuu reeffii isaanii kan argame namni siyaasaa Obbo Battee Urgeessaa, rasaasaan iddoo baayyee rukutamanii ajjeefamuu Ogeessi fayyaa reeffasaanii argan himan.

Hakiimni eenyummaa isaanii akka dhoksinuuf gaafatan Roobii kaleessaa reeffa Obbo Battee Urgeessaa arguu BBC'tti himaniiru.

''Qaamnisaa mataadhaan alattii iddoo jahaa madaa qaba'' jedhan.

''Mataarra iddoo shanii madaa qaba. Dugdarraa iddoo sadii. Cinaacha biitaarraa madaa guddaa qaba. Garaa gara gadiirraa fi sarbaa irraa madaa tokko tokko qaba. Walumaagalatti mataa isaa dabalatee madaa gara 11qaba.''

Ogeessa kanaan madaawwan kunnneen martuu rasaasaan kan uumamaniidhaa? jenne gaafanne.

''Eyyen nuuf rasaasa fakkaata. Kuun kan rasaasni galeen, kuun kan rasaasni ittiin baheedha. Hundi karaa rasaasni seene miti.''

Mataa bakka rifeensi jiru qofa madaan rasaasaa uumame shan jiraatus fuullisaa madaa akka hin qabne ogeessi kun himaniiru.

Qorannoon Foorensiikii waan hin gaggeefamneef rasaasni qaama isaanii keessatti hafuufu dhiisuu adda baasuun akka ulfaatus dubbatan. Ammoo lakkoofsi madaa mataarra jiruu shan ta'uun tarii rasaasni qaama keessa seenee hin baane jiraachuu mala shakkii jedhu akka uumus himan.

''Lakkoofsi madaa mataa shan ta'uun shakkii uuma, osoo kan rasaasni seenee bahe sadii ta'ee silaa madaan jaha ta'uu qabaayyu. Raajiin hin kaane waan ta'eef (rasaasni) hafuus danda'a.

Raaffii raajii (altiraasaawundii) akka hin kaane ogeessi kun mirkaneessaniiru.

'Poolisiin osoo nuti reeffa bira hin gahiin qala'aa fudhatee sokke'

Sirna awwaalchaa Obbo Battee Urgeessaa

Madda suuraa, Faajjii Caalchisaa

Ibsa waa'ee suuraa, Sirni Awwaallchaa Obbo Battee Urgeessaa Waldaa Masarta Kiristos Maqiitti raawwatame
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obboleessi Obbo Battee Urgeessaa yaada BBCf kenneen, namoota naannicha jiran irraa odeeffannoo bilbilaan isaan qaqqabeen Roobii ganama sa'aa lamatti reeffa isaa arguu himan.

Wayita arganis qaamasaa bakka hedduurra madaan akka ture himan.

''Bakka meeqa akka rukutame ogeeyyii reeffa illaalantu gabaasa hojjetee qaama ilaallatuuf kenna. Rasaasa jahaan rukutamuu garuu suurrii isaas kaafamee isinis argitaniittu ta'a'' jedhan.

''Mataasaarra baayyee dhahame. Irra deddeebiin rukutame. Rasaasa meeqaan mataasaa akka dhahan garuu hin beeku. Cinaachis dhahameera.''

Battala reeffasaa argan haala ture yoo himan ''mataadhaan gombifamee, saqqiisaatiin harkasaa boodatti hidhanii ture. Soorata bineensaa akka ta'uuf reeffumasaatillee balleessuuf yaalan'' jedhan.

''Maali gara jabinni hamma kana gahu?'' jechuun bifa gaaffiin ibsau.

Reeffi Obbo Battee Urgeessaa kan argame qarqara magaalaa, naannoo Girrisaa Maazooriyaa jedhamu, iddoo balfi itti gatamu ta'uu jiraataan magaalicha tokkos BBCtti himaniiru. Yaadni kun maatiirraa odeeffannoo dhageenyeen wal sima.

Maatiin odeeffannoo argateen bakka Obbo Batteen itti gataman gahuu isaanii dura Poolisiin rasaasa ittiin ajjeefame 'guurratanii deemuu namootni ijaan argan nutti himaniiru'' jedhu obboleessi.

Ergasi reeffa kaasaanii gara hospitaalaa wayita geessanittis ta'e achii booda qaamni nageenyaa akka hin argamne himan.

''Eegneet dadhabne Poolisii. Nu dursee gahee, qalawaa(rasaaasa) sassaabbatee, suura reeffaa kaafatee dhiisee deeme. Nu waliin hospitaala geessee qorannoo hojjechiisuu qaba ture.''

Poolisiin kana raawwatee bakka sanii deemuu namoota ijaan arganirraa dhagahuus himan.

Reeffi akka hin kaane qaamni nageenyaa dhorkaa ture odeeffannoon jedhu garuu sirrii akka hin taane dubbatan.

Obbo Batteen Peensiyoona Abbebee Giraazmaach jedhamu guyyaa tokko bulanii guyyaa lammataatti halkan fudhatamanii ajjeefaman.

Halkan sana qaamni iddoo ciisaa isaaniitii fuudhee deeme eenyu akka ta'e ''mootummaan dhuguma mootummaa dhugaa yoo ta'e qoratee ifa nuuf haa godhuu'' jedhu Obboleessi.

Dhugaansaa akka bahu haqni akka bahu mootummaan waan irraa eegamu akka godhus gaafatan.

Eenyummaa namoota ajjeechaa kana raawwatee akka hin qulqulleeffannes ibsan.

'Dhibdee maatiin ajjeefame kan jedhamu gara dabarsuufidha'

Kantiibaan magaalaa Maqii Obbo Dilboo Urgeessaa yaada sagalee Ameerikaaf kennaniin ajjeechaan kun sababa dhiibdee maatiin mudatee jechuun himanii ture. Qorannoon akka gaggeefamus dubbatanii ture.

Obboleessi Obbo Battee garuu ''dhibdeen maatii tokkollee hin jiru, dhugaasaa gara dabarsuuf, uummata keessatti burjaajii uumuuf yaalii godhamuudha'' jechuun BBCtti himan.

''Isa ajjeesanii quufuu dadhabanii, ammas dhugaasaa warra balleessuu barbaadanitu yaada dadhabaa hamma kanaan burjaajii uumuu barbaadanii.''

Maatii keessa Obbo Batteetti gocha gara jabinaa akkasii raawwachuu mitii yeroo inni dubbatu rifaatuufuu jala hin deebifnuu'' jedhan.

Jiraataan magaalittii kan biraan maatii Obbo Batteetti siiqaanis ''osoo dhibdeen wayii jiraatee ni dhageenya ture. Kuni dubbii dhugaa hin fakkaannedha'' jedhan.

Obboleessi Obbo Battee qaamaa mootummaaf dhaamsa dhaamaniin ''mootummaan yoo danda'e dhugaasaa, haqasaa uummataafi maatiif haabaasu, ifa haa godhu. Yoo kana gochuu hin danda'u ta'e dhugaasaa dabsuufimmoo akka hin yaalle'' jedhan.