'Raayyaan miidiyaa' Paartii Badhaadhinaa oduu sobaa fi odeeffannoo dogongorsu facaasuurratti hirmaachuu qorannoon BBC saaxile

Miseensonni Paartii Badhaadhinaa keessumaa damee waajjira magaalaa Finfinnee jalatti socho’aniifi ''raayyaa miidiyaa’’ jedhamuun waamaman namoota mootummaa qeeqaniifi morman irratti gama Fesbuukiin barreeffamootaafi fakkiiwwan odeeffannoo sobaa akkasumas ‘haasaa jibbinsaa’ jedhamuu danda’an tamsaasuu keessatti akka hirmaatan qorannoon BBC’n taasise mirkaneesse.
Hooggantoonni aanaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee ajaja caasaalee dhaaba sadarkaa aanaarra jiraniin keessumaa maqaa gaarii mootummaaf tolfachuuf duula dogongoraa Fesbuukii irratti akka hirmaatanis qorannichi bira gaheera.
BBC’n gabaasa kanaafis magaalaa Finfinnee keessatti hooggansa aanaa, miseensa paartii, hoggantootaafi ogeeyyii kominikeeshinii magaalaa Finfinneefi waajjiraalee mootummaa federaalaa keessa hojjatan dubbiseera.
BBC’n ergaawwan caasaaleen dhaabaa aanicha keessatti argaman gareewwan WhatsApp fi Telegiraama ergaawwan duula miidiyaa hawaasummaaf walii deebisan argeera.
Gareewwan kana keessatti hoggantoota aanaafi miseensota ‘raayyaa miidiyaaf’ ajajoota kennamaniifi raawwii isaanii hordofeera. Daataawwan Feesbuukiis walitti qabuun xiinxaleera.
Kaampaaniin Fesbuukii bulchu, Meta’n deebii BBC’f kenneen ''akkaawuntiiwwan sobaa’’ fayyadamuun maxxansoota Fesbuukii ''mootummaa Itoophiyaarratti yaadota qajeelaa baay’ee ibsan’’ qorannoon akka irra gahe ibseera.
Akkaawuntiiwwaniifi peejiiwwan ykn fuulawwan sobaa sochii kana keessatti hirmaatan irrattis tarkaanfii fudhachuu kan ibse yoo ta’u, akkaawuntiiwwan BBC’n hordofaa tures akka balleeffaman taasifamaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa gama isaan ammoo caasaan ‘raayyaa miidiyaa’ jedhamu ''akka hinjirre’’ deebii BBC’f barreeffamaan deebiseen waakkateera.
Keessumaa waajjirri muummee dhaabichaa ''keessumaa ‘barreeffamoonniifi suuraawwan’ oduu sobaafi haasaa jibbinsaa jedhamanii lakkaa’aman [tamsa’aniiru] jechuun kan ibsame tasumaa fudhatama hin qabu,’’ jedheera.
BBC’n miseensonni ‘raayyaa miidiyaa’ paartii Badhaadhinaa Fesbuukiirratti duula gaggeessan ilaalchisee bu’aan qorannoo ji’oota sadiif taasise gabaasa kana keessatti qindaa’eera.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Baatii sadii dura ALI Amajjii 02, 2016 guyyaa keessa sa’aatii sagalii eegalee ''Abuuna Peexiroos biyyaa baqatan’’ jedhan fesbuukii lammiilee Itoophiyaa baay’eerratti faca’uu eegalan.
Maxxansawwan fesbuukii suuraafi barreeffamaan qindaa’anii kan faca’an kun Barreessaan Olaanaa Qul. Sinodoosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abuuna Peexiros Finfinneedhaa gara US imaluu isaanii hordofeeti.
Dureen amantaa Phaaphaasii Ijoo Niiw Yoork fi naannawichaa ta’an kun biyyaa kan bahan ''adeemsa hojii idilee ifa ta’e hordofuun’’ akka ta’e odeeffannoon bataskaanicharraa BBC’n argate ni agarsiisa.
Guyyaa sana barreeffamoonni ijoo sadii faca’an seensa ''Oduu Ammee, Abuuna Peexiroos biyyaa baqatan’’, ''lammii Ameerikaa kan ta’an Abuuna Pheexiroos biyyaa baqataniiru,’’ fi ''dhugaawwan lammiin Ameerikaa Abuuna Pheexiroos biyyaa baqachuu isaanii duuba jiran!’’ jedhan qabu.
Barreeffamoonni kunneen duree amantaa kana ''mana lubummaa keessa caasaa siyaasaa dhokataa hoogganuu’’ fi ''maallaqaafi qabeenya baay’ee mana lubbummaa ta’e fudhatanii baduun’’ himataniiru.
Barreeffamoota sadii keessaa baay’inaan kan qoodame ykn faca’e ''Oduu Ammee, Abuuna Pheexiroos biyyaa baqatan’’ kan jedhu. Barreefamni kun Amajjii 2 fi 3, 2016 qofa akkaawuntiifi peejii fesbuukii garagaraarratti yoo xiqqaate si’a 1,004 akka maxxanfame BBC’n mirkanesseera.
Barreeffamni suuraawwan giraafiksii waliin maxxanfame kun Amajjii bultii 2 qofaa yoo xiqqaate si’a 898 Fesbuukiirratti qoodameera.

Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa ''oduun miidiyaalee hawaasummaarratti afarfamaa jiru baay’ee dogongora’’ ta’uu ibsuun barii isaa ture dhimmicha kan waakkatte. Waa’ee dhimmichaa gaaffii BBC’n dhiheesseef Abuuna Pheexiroos yaada kennuu akka hin barbaanne ibsaniiru.
Ergaan kuni erga faca’ee ji’a tokko booda ''biyyaa baqataniiru’’ kan jedhaman Abuuna Pheexiroos gara Itoophiyaa deebi’anis buufata xiyyaaraa Boolee Finfinnee argamurraa gara dhufanitti akka deebifaman taasifamaniiru.
Barreeffamoonni guyyaa sana waa’ee ''biyyaa baqachuu’’ duree amantichaa facaafaman, oduu sobaa baratame san hin turre. Wal dhabde mootummaa fi bataskaanattii jidduu Amajjii waggaa darbe eegaleen kan wal qabatu ta'u ragaaleen ni eeru.
Mootummaan ALI Amajjii bara 2015 dureewwan amantaa Qul. Sinoodosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaarratti bahaniif ''deeggarsa kenneera’’ jechuun qaamolee lamaan gidduu dhibdeen hammaateera.
Barana baatii Amajjii keessa ammoo haasaani dureewwan amantaa bataskaanattii hidhattoota deeggaruun taasisan hordofee dhibdeen itti fufe.
Barreeffamoota Barreessaan Olaanaa Qul. Sinoodosii Abuuna Pheexiroos biyyaa baqachuu isaanii ibsan waliin suuraawwan walqabatan achi dhuftee isaanii maddoota ibsan keessaa tokko gareen WhatsApp caasaa aanaalee waajjira paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee akka keessatti argamu BBC’n hordoffii taasiseen mirkanesseera.
Gareewwan WhatsApp kun caasaaleen aanaa dhaaba biyya bulchuu miidiyaalee hawaasummaa irratti ergaawwan akka faca’u barbaadan kan ‘raayyaa miidiyaaf’ itti dabarsanidha.
BBC’n gareewwan WhatsApp kanneen keessaa tokko keessatti miseensota ‘raayyaa miidiyaa’ fi aangawoota gidduu ergaawwaniifi ajajawwan darbaa turan akkasumas duulawwan gaggeeffaman hordofaa tureera.
Gareen WhatsApp kun waajjira paartii aanaa tokko kutaa magaalaa Qirqoos waajjira damee paartii Badhaadhinaa jalatti buludha.
Amajjii bulti 2, 2016 miseensonni garee kanaa suuraawwan 19 fakkii Abuuna Pheexiroos fi barreeffamoota biyyaa baqachuu isaanii ibsan fesbuukiirratti akka gadhiisan ajajni kennameeraaf.
Kanneen garee kana hoogganan [admin] suuraawwan kana gaafa ergu miseensonni garee kanaa suuraawwan kana fuulawwan fesbuukii ''informal’’ ta’aniirratti ''bal’inaan’’ akka facaasan ajaja dabarseera.
Ergaan miseensota ‘raayyaa miidiyaaf’ ergame ''ergaa kana fuulawwan [fesbuukii] informal ta’an hundarratti bal’inaan akka tamsa’u dammaqinaan qindeessaa. Caasaan keenya qooda hin fudhanne akka hin jiraanne. Hunduu haa hirmaatu!'' ajaja jedhu kan qabatedha.

Suuraawwan garee WhatsApp irratti ergaman kanneen fesbuukiirratti qoodamaa turan waliin wal fakkaatoodha. Barreeffamoonni sadan garuu miseensota garee kanaaf akka hin ergamne BBC’n hubateera.
Raayyaan miidiyaa paartii Badhaadhinaa duula kana keessatti akka hirmaatan kan taasise caasaa aanaa paartii kutaa magaalaa Qirqoos qofa miti.
Miseensonni paartii Badhaadhinaa kutaa magaalaa Boolee keessatti argamanis suuraafi barreeffamoota Abuuna Pheexiroos ''biyyaa baqachuu’’ isaanii ibsan akka ergamaniif nami hooggansa aanaa keessa jiraniifi maqaan isaanii akka dhahamu hin feene mirkaneessaniiru.
Miseensonni hooggansa paartii aanichaa garee WhatsApp irratti suuraafi barreeffami kan ergame ajaja ''duula [campaign] gaggeessaa’’ jedhu waliin ta’u maddi kuni ibsaniiru.
''[Barreeffamni gareerratti ergame] lammummaa Abuuna Pheexiroos ibsuun ‘biyyaa baqatan’ jedha. ‘Lammummaa alaa qaban dahoo godhachuun sanadoota sobaa garagaraa qopheessuun biyyaa karaa seeraan alaa bahaniiru’ jedha,’’ jechuun barreeffamni garee WhatsApp irratti gadhiifame fesbuukiirratti kan faca’e waliin akka wal fakkaatu BBC’f mirkaneessaniiru.
Dhimmi Abuuna Pheexiroos duula fesbuukii tokkicha qofa qindeessummaa caasaa aanaa waajjira paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinneen taasifame miti.
Miseensota 'raayyaa miidiyaa' fi ajajoota kennamuuf
Caasaaleen aanaa waajjira paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee maqaa mootummaa bareechuuf barreeffamoota, suuraafi viidiyoo bifa duulaan irra deddeebiin faca’aa akka ture BBC’n mirkanesseera.
BBC’n gareewwan telegiraamii shan biroo caasaaleen aanaa paartii Badhaadhinaa kutaalee magaalaa Aqaaqii Qaallittii, Nifaas Silk Laaftoo, Lammii Kuraa, Gullalleefi Kolfee Qaraaniyoo ergaa itti wal ergan argateera.
Miseensonni Paartii Badhaadhinaa BBC’n dubbise akkasumas hoggantonniifi ogeeyyiin kominikeeshinii dhaabbilee mootummaa federaalaa fi Finfinnee keessa dalagan duulawwan fesbuukii kan gaggeeffaman miseensota ‘raayyaa miidiyaa’ paartiichaa fi hoggantoota aanaaleen akka ta’e ibsaniiru.
Duulawwan kan taasifamanis ''seenessi’’ mootummaafi paartii ''olaantummaa akka qabaatan’’ akka ta’e maddeen dubbataniiru.
‘Raayyaa miidiyaa’ jedhamuun kan waamaman liigii dargaggootaafi dubartootaa keessatti miseensa ta’un kan hirmaatan akkasumas namoota ‘hawaasa dammaqsu’ jedhaman akka ta’an BBC’n namoota dubbiseerraafi ergaawwan garee WhatsApp fi telegiraamii gubbaa walii qoodaman irraa hubateera.
Hoggantoonni aanaalee magaalaa Finfinnee sochii akkanaarratti akka hirmaatan nami hoggansa aanaa keessa jiran akkasumas maddeen hoogganaafi ogeessa kominikeeshinii ta’an afur BBC’tti dubbataniiru.
Ergaa gareewwan WhatsApp fi telegiraamii waajjira paartii aanaa kutaalee magaalaa Qirqoos fi Yakkaa keessatti walii ergaman irratti hordoffii BBC’n taasise waan maddeen jedhan kan mirkaneessudha.
Garee telegiraamii aanaa kutaa magaalaa Yakkaa jala argamuufi miseensota 30 ol qabu keessatti ergaawwan qoodaman, miseensonni garichaa waajjiraalee bulchiinsa aanicha garagaraa keessatti hooggansarra akka jiran kan agarsiisudha. Namoonni BBC’n hooggansa aanaa keessa akka jiran mirkaneesse garicha keessa jiru.
Hoggantoonni aanaalee magaalattii keessatti argaman hundi ''kallattii’’ paartiirraa kennameen akkaawuntii fesbuukii tokko caalaa akka qabaatan taasifamuu maddeen sadii BBC ibsaniiru.
Akkaawuntiin dabalataa akkanaa gareewwan WhatsApp fi telegiraamii irratti ''fuula ykn peejii informaal’’ jedhamee eerama.
Hirmaannaan hooggantoonni aanaa miidiyaa hawaasummaarratti taasisan fedhiin qofa kan taasifamu akka hin taane odeeffannoowwan BBC’n argate ni mul’isu.
Itti fayyadamni miidiyaa hawaasummaa hoggantootaa ajandaa gamaggamaas akka ta’e hooggansi aanaa magaalaa Finfinnee, hoogganaan kominikeeshinii kutaa magaalaafi ogeessi kominikeeshinii biiroo magaalaa Finfinnee tokko keessa hojjetan BBC’tti himaniiru.
Gamaaggamni hojii aanaalee Finfinnee keessatti taasifamuufi ''kallattiin siyaasaa’’ kennamu ''koree qindeessituu hooggansa koorii [core]’’, namoota shan caasaa bulchiinsa aanaa akkasumas paartiirraa walitti dhufan of keessatti qabateen akka ta’e hooggansi aanaa tokko ibsaniiru.
Gamaggama koree kanaan taasifamuurratti itti-fayyadamni miidiyaa hawaasummaa ajandaa tokko ta’e akka dhihaatu kan dubbatan maddi kun, ''kaampeeyinii [duula] godhaa jedhamee ajandaa kennameerratti [miseensi hooggansa tokko] yoo hin hirmaanne itti gaafatama.
''Hooggansa [aanaa] 30 wayii keessaa hammana kan ta’u hirmaateera’ jedhama. Iskiriin shoot [suuraa kaafamee] gara gubbaatti ergama. Gara kutaa magaalaa [dabarfamee] abaluun hirmaateera, abaluun hin hirmaanne’’ jedhama jechuun dhimma itti gaafatamummaa hordofsiisu akka ta’e hubachiisu.
Kutaa magaalaattis ta’e gamaggamni kun akka adeemsifamu hoogganaan kominikeeshinii kutaa magaalaa tokko BBC’tti dubbataniiru.
Hoggantoonni paartii gamaaggama gaggeessan, maxxansoota fuulawwan mootummaa fi paartiirra jiran ilaalchiee ''maaliif like [jaalachuu], share [qooduu] hin gootan,’’ gaaffii jedhu hirmaattotaaf akka dhiheessan ibsaniiru.
Gareewwan WhatsApp fi telegiraamii caasaalee siyaasaa aanaalee garagaraa irrattis hirmaannaan miidiyaa hawaasummaa miseensotaa irra deddeebiin ni ka’a.
Miseensonni raayyaa miidiyaa iskiriin shootii ‘like, comment fi share’ gochuu isaanii agarsiisu akka ergan akka gaafataman ergaawwan garee kana keessatti walii deebiifaman irraa BBC’n hubateera.
Miseensonni hooggansa aanaaleefi raayyaa miidiyaa linkii akka ergan akkasumas miseensonni paartii akkaawuntii fesbuukiin isaanii cufame [lock] barbaachisummaa ‘inspection [hordoffiif]’ jecha akka banan ergaawwan gareewwan kana keessatti dabarfamanii mul’ataniiru.
Miseensonni hooggansa aanaalee bulchiinsa magaalaa Finfinnee sochii miidiyaa hawaasummaarratti taasisaniifi tatamsa’ina oduu sobaafi haasaa jibbinsaa keessatti qooda qaban ilaalchisee yaada bulchiinsa magaalichaa argachuuf yaaliin BBC irra deddeebiin taasise hin milkoofne.
Hooggantuun Biiroo Kominikeeshinii Magaalaa Finfinnee Aadde Innaataalam Mallasa, gaaffiin xalayaadhaan akka isaaniif dhihaatu gaafatanii BBC’n xalayaan dhiheessuus isaan garuu deebii hin kennine.
Waajjirri muummee Paartii Badhaadhinaa gama isaan deebii barreeffamaan BBC’f kenneen caasaa paartichaa keessatti gurmaa’inni ‘raayyaa miidiyaa’ jedhamu akka hin jirre ibsuun dhimmicha waakkateera.
Paartichi maqaafi fudhatamummaa mootummaa akkasumas aangawoota olaanoo karaa nam-tolcheen guddisuufis ''kaayyoo miidiyaa hawaasummaa idileerraa adda ta’een sochii adda akka taasisu’’ deebii kenneen ibseera.
Miseensonni paartiichaa ''fuulawwanis ta’e akkaawuntii dhuunfaasaan irratti ejjennoowwan paartichaa akka tarkaanfachiisan’’ fi paarticharratti ''wallaalummaanis ta’e beekaa duula banaman qajeelfamoota paartichaarratti hundaa’un deebii akka kennan akka jajjabeessu,’’ ibseera.
Waajjirri muummee kun ''miidiyaa hawaasummaa gaarummaan fayyadamuun ala [miseensonni paartichaa] akkaawuntii sobaa akka bananis ta’e ergaawwan tokko [monotonous] akka dabarsan tasa hin godhu,’’ jechuun ofirraa ittise.
Duula fesbuukiin 'fudhatama oomishuu'
Jijjirama siyaasaa waggaa jahaan dura bulchiinsi Ministirri Muummee Abiy Ahimad gara aangootti akka dhufu taasisaniin booda, dhiibbaan miidiyaa hawaasaa siyaasa Itoophiyaa keessatti qabu ‘‘baayyee olaanaa’’ ta’uu, Daareektarri Olaanaan Wiirtuu Mirgootaafi Guddina Dimokiraasi, Obbo Bafiqaadu Haayilu ni dubbatu.
Mormiin keessumaa bara 2008’tti Naannoo Oromiyaatti cimee ture keessumaa kan inni hoogganame rogeeyyii siyaasaa fesbuukii irratti tooftaa fi kallattii mormii agarsiisaa turaniin.
Mormii kanaan gara aangootti kan dhufe bulchiinsi MM Abiy Ahimad, yeroo ammaatti ‘‘rakkoon fudhatamummaa kan mudateen akka fakkaatu’’ Obbo Bafiqaaduun ni dubbatu.
Obbo Bafiqaaduun akka jedhanitti, ‘‘baay’ina ummatasaaniin guddaa kan ta’an akka naannoo Oromiyaa, Amaaraa akkasumas naannoo Somaalee dhiibbaan isaa baayyee olaanaa ta’e keessatti tasgabbii dhabiinsi mul’atu’’ fudhatamni haphachuu isaaf sababawwan ijoodha jedhu.
‘‘Nageenyi bora’u kana waliin wal qabatee rakkoolee diinagdee, sarbamoota mirga namoomaa, daangeeffamu sochii lammiilee fi rakkoolee biraa baayyeen fudhatama mootummaa miidhaa dhufeera.
‘‘Olaantummaan seeraa laaffateera, [akkasumas] malaammaltummaan dabalaa jira jedhan baayyee jiru,’’ jechuun sababoota biraas tarreessu.
Sababoota kanneeniin komiiwwan ummata biratti uumaman miidiyaalee hawaasummaa irratti calaqqisiifamuun isaanii ‘‘ilaalcha (impression) MM deeggartootaafi jaallattoota baayyee hin qaban jedhu’’ uumeera jedhanii akka amanan ibsu Obbo Bafiqaaduun.
Maxxansawwan Ministira Muummee jala ykn viidiyoowwan isaan irratti mul’atan jala ‘‘yaadawwan leellisuun itti baayyatu, dhugaafi kan uumamaa hin fakkaanne’’ yoo kennaman hubachu kan dubbatan Obbo Befiqaaduun, sochiin kunis ‘‘mala fudhatamaa fi kabaja’’ mootummaan sababii adda addaatiif dhabe ‘‘oomishu’’ akka fakkaatu himu.

Madda suuraa, Getty Images
Garee WhatsApp Aanaa kutaa Magaalaa Qiirqoos kan BBC’n ilaale keessatti, Ministirri Muummee mana maree bakka bu’oota ummataatti dhiyaachuun wayita ibsa kennaniitti, ykn haasaan isaanii miidiyaalee mootummaatiin wayita dabarfamuutti, yaadni (comment) afaanota garaa garaatiin qophaa’an miseensota raayyaa miidiyaaf ergama.
Sochii miseensota raayyaa miidiyaa, ALI Amajji 28, 2016 gaafa Ministirri Muummee Abiy raawwii hojii mootummaasaanii baatii jahaa ilaalchisuun gaaffii miseensota paarlaamaatiin dhiyaateef ibsa kennuuf argamaniitti ture akka fakkeenyaatti haa fudhannu.
Guyyaa sanatti miseensonni garee WhatsApp akka barreeffamoota yaada Ministirri Mummee Abiy, mootummaa fi Paartii Badhaadhinaa leellisan barreessaniif ergameefiira. Toora Ministirri Mummee walgahicha kallattiin dabarsaa ture jalatti yaanni Afaan Amaaraafi Afaan Oromootiin kennaman 93 turan.
Oolmaan paarlaamaa kutaa jalqabaa Fesbuukii Ministirri Mummee irratti kallattiin yoo darbeetti yaadni kuma 10 kennameera. BBC, meeshaa (tool) yaadawwan Fesbuukii bifa galmeetiin baasuu dandeessisuutti fayyadamuun kanneen kuma shan ta’an haala akka tasaa (random) ta’een qorannichaaf filateera.
Qorannoo yaadawwan filataman irratti taasiseen, barreeffamoonni garee WhatsApp keessatti ergaman yoo xinnaate yeroo 160 yaadni ittiin kennameera.
BBCn Waajjirri Ministira Mummee toora Fesbuukii Abiy Ahimad irratti sochiin akkasii akka gaggeeffamu beekaa laata jechuun gaaffiin dubbii himtuu waajjirichaaf dhiyeesse deebii hin arganne.
Barreeffamoonni yaada haala akkasiitiin qophaa’an kan irratti kennaman yeroon biraa ammoo, yeroo sagantaan ‘‘Aqaaqiidhaa hanga Bosonaatti’’ jedhu Fesbuukii Korporeshinii Birodikaastingi Itoophiyaa (EBC) irratti kallattiin dabarfameedha.
ALI Amajjii 8 fi 9, 2016 sagantaa kutaa walitti fufiinsa qabu lamaan dhiyaate kanaanis, kan wayita Ministirri Muummee Abiy Ahimad ‘‘pirojektoonni gurguddaan’’ magaalaa Finfinnee keessatti ijaaramaniif adeemsa irratti argaman aangawoottan isaanii daawwachiisan ittiin agarsiifameedha.
Guyyoota sagantaaleen kunneen itti tamsaafamaniitti, miseensonni garee WhatsApp barreeffamoota Afaan Amaaraa, Oromoofi Ingiliziitiin qophaa’an 128 toora EBC irratti akka yaada kennaniif ergameefiira.
BBCn xinxala yaadawwan sagantaa guyyaa jalqabaa darbe irratti kennameerratti taasiseen, barreeffamoonni miseensota garee WhatsApp’f ergaman 49 yeroo 108 yaada kennamuun argamaniiru.
Yaadawwan kutaa tokkoffaa sagantichaa irratti kennaman, barreeffamoonni caasaalee Paartii Badhaadhinaatiin kan qophaa’an fakkaatanis yeroo baayyee yaada akka kennan (Comment) akka godhan kan agarsiisudha.
Sagantaan kun wayita tamsa’utti akkaawuntiiwwan facebook fi marsariitiiwwan barreeffama walfakkaataa irra deddeebiin yoo yaada kennan mul’ata.

Barreeffamoota kanneen keessaayis tokko ''qabeenya uumamaa kan hubatan Ministirri Mummee Dr Abiy Ahimad eddoowwan uumamaa bareechuu fi bu’uraalee misoomaa guutuufiin akkasumas bakka boqonnaa turistootaa ammayyaa hojjachuurratti argamu’’ kan jedhudha.
Akkaawuntiiwwan Fesbuukii garaagaraas barreeffama kana yoo xinnaate yeroo 78 komenti taasisaniiru. Barreeffamoonni Afaan Ingiliiziin qophaa’an gara biraatis yeroo 100 ol akka yaadaatti kennamaniiru.
Waajjirri Paartii Badhaadhina Magaalaa Finfinnee, keessattuu barreeffamoonni, Suuraalee fi viidiyoowwan pirojektoota bulchiinsi magaalaa hojjachiisu dinqisiifatan qopheessuudhaan, haala duulaatiin irra dedeebiin akka tamsaasu BBC hordoffii garee WhatsApp Badhaadhina aanaa irratti taasiseen mirkaneesseera.
Sirna eebba Godaambaa Yaaddannoo Adawaa baatii Guraandhalaa keessa raawwate torbaniin dura, duulawwan pirojakticha leellisan gaggeeffamaniiru.
Bitootessa keessattimmoo sababii misooma koridarii daandii bulchiinsi magaalaa gaggeessaa jiruutiin, namoota gamoowwaniifi manneen naannawa Piyaasaatii diigaman balaaleeffatan kan qeeqan, suuraalee bifa duulaatiin facebook gubbaatti akka qoodaman taasifamaniiru.
Yaadawwan miidiyaa hawaasummaa irratti ‘‘namoota baayyee hiriirsuudhaan daboodhaan (mob)’’ qoodaman to’achuudhaaf haala qindaa’een dulliiwwan taasifaman, gara ‘‘yaadaa ykn dogongorsuutti’’ akka jijjiraman Awustiraaliyaa, Yunivarsitii Moonaashiitti qorataa Seera Mirgoota Namoomaa Dijitaalii, Dr Yoohaannis Iniyew ni dubbatu.
Dr Yohaannis akka jedhaniitti, akkaawuntiiwwan mootummaa deeggaran sochiileen ‘’lammii sirrii fakkaachuun’’ taasisan keessattuu tibba filannootti yaada namoota filatanii burjaajjeessuu akkasumas ‘‘bu’aa dandeettii anamtaa fi murteessuu miidhuu’’ danda’a.
Kana malees sochiin miidyaa hawaasummaa ''bal’inaan to’achuun’’ taasifamu, mala ''namoonni osoo mootummaa hin deeggarsa yaadasaanii si’ominaan barreessan waltajicha keessaa akka bahan’’ ittiin taasifamu ta’u dubbatu qorataan kun.
Duula ''haasaa jibbinsaa'' fakkaatan mormitootaafi qeeqxota irratti taasifaman
Hojiin ''raayyaa miidiyaa hawaasaa’’ maqaa mootummaa ykn paartii leellisuu qofa miti. Fuula Feesbuukii yaada mootummaa mormu qoodan irratti miseensonni ''raayyaa miidiyaa hawaasaa’’ barreeffama qopha’ee isaaniif kenname yaada akka kennanii (komeent) akka godhan BBC’n mirkaneesseera.
Haala kanaan yaada Fesbuukii irratti qoodaniin barreefamni qophaa’ee deebiin itti kenname keessaa Ministar Deetaa Ministeera Nagaa duraanii Obbo Taayyee Danda’aa tokko.
Erga hidhamanii ji’a afur kan tahe Obbo Taayyeen Mudde 1, 2016 xalayaa aangoorraa ka’uusaanii agarsiisu waliin yaada Ministira Mummee Abiyiin akkaan qeequ qoodanii turan.
Ministirri Mummee, ''gara jabeessa dhiiga namaan taphataniidha,’’ kan jedhan Deetaan Ministira Nageenyaa duraanii kun, halkanuma barreeffamicha qoodan sana to’annoo jala oolfaman.
Halkan sana hoogganaan (Admin) garee WhatsApp barreeffamoota 23 Obbo Taayyee akkaan qeeqan miseensootaaf ergan. ''Wanbadee’’ Deetaan Ministeera Nagaa kan turan Obbo Taayyeedhaan, jechuun barreefamoota maqaa xureessan yeroo ergan geessituun barreefama Obbo Taayyee Fesbuukii isaaniis jalqabaa waliin qabsiisuudhaan.
Hogganaan garee kanaa, ''hoggansi hunduu, miseensi, deeggaraa fi raayyaan miidiyaa hawaasaa yaada qindaa’e irratti kennaa. Share fi like gochuun garuu gonkumaa dhorkaadha,’’ ajaja jedhu dabarsaniiru.
Maxxansa Obbo Taayyeen qoodan irratti ala 14,600 ol yaadni kennameera. Kunneen keessaa BBC’n 5000 adda baasuun yaalii qorannoo taasiseen, barreeffamoonni kara WhatsAppi’chaan ergaman yoo xiqqaate ala 365 maxxansa Fesbuukii Obbo Taayyeen qoodan irratti komanti godhamuu mirkaneesseera.
Qaamoolee 'raayyaa miidiyaa hawaasaa’’ Paartii Badhaadhinaan duulli itti geggeefame keessaa hogganoota TPLF ni argamu
''TPLF Amajji darbe gamaaggama ji’oota fudhate yeroo taasisaa turetti dura taa’aa paartichaa Dr Dabirtsiyoon Gabiramikaa’elii fi miseesa koree hojii raawwachiiftuu kan tahan Fatilwarqi Gabiragizaabiheer waliigalteen Piriitooriyaa akka hin raawwatamneef ''gufuu’’ tahuu isaanii, suuraaleen agarsiisan garee WhatsApp'chaa irratti qoodamaniiru.
Suuraawwan qindaa’uun miseensoota garee sanaatiif qoodaman 20 keessaa, Dr Dabirtsiyooniifi ''fakkaattiiwwansaa’’ jechuun kan eeraniin aanga'oota Naannoo Tigraayi biroos suuraan ''vaayirasii uummataa’’ jechuun waamu keessa aragama. Suuraan kunis ala 330 Fesbuukii irratti maxxanfamuu BBC’n mirkaneesseera.
Dhuma baatii Onkololeessa irra bulchiinsa yeroo Naannoo Tigaaraayiitti, aangoo Ittaanaa pireezidantiin gorsaa pireezidantii kan turan, Alam Gabirawaahiid, barreessaa olaanaa kaabinee kan turan Obbo Amaanu’el Asaffaa fi aanga'oonni kaan itti gaafatamummaa isaanii irraa yeroo ka’anitti, suuraaleen qabiyyee wal-faakkaataa garee WhatsApp'chaarratti ergamanii turan.
Suuraalee Fesbuukuu irratt qoodamuu isaanii BBC’n mirkaneesse 20 keessaa tokko Obbo Gabirawaahidiin ''Ye Tigraayi naqarsaa’’ jechuun waama.
Kanneen faallaa mootummaa dhaabbatan ilaalchisee ibsawwan akkasiitti fayyadamuun akka ''haasaa jibbaatti,’’ lakkaa’amuu danda’u, Qorataan Seera Mirgoota Namoomaa Dijitaalii Dr Yohaannis Inniyew dubbatu
Mootummaan Ministira Mummee Abiy Ahimad, ''haasaa jibbinsaa fi odeeffannoo sobaa ittisuu fi to’chuuf'' jechuun bara 2012'tti labsii baasee ture. Seerri kun kan bahe, ''jibbaa fi haasaa sobaa tahe jedhamee tamsaafaman seeraan ittisuu fi to’achuudhaaf barbaachisaa ta'ee waan argameefiidha,’’ jedha labsii bahe kun.
Haasaan jibbiinsaa miidiyaa hawaasaarrattitamsa'u yakkaan akka nama gaafachiisu kan kaa'e labsiichi, namni kana raawwatee argame hidhaa salphaa hanga waggaa sadiin akka adabamu kaa’eera.
Itti gaafatamummaa seeraa kana kan kaasan Dr Yoohaannis, ''haata'u malee mootummaan yakka kana gaafa raawwatu seerichahojiirra oolchuun baayyee rakkisaadha. Filmaanni jiru waan soroorsuu qabiyyee jedhamudha,’’ jechuun murteessummaa tarkaanfii kaampaanii miidiyaa hawaasummaan fudhatamu ibsu.
Waajjirri Mummeen Paartii Badhaadhinaa deebii BBC'f kenneen, miseensonni paartiichaa ''odeeffannoo sobaa fi haasaa jibbaa ta'utti fudhatamu danda'anii fi suuraalee tamsa’aniiru,’’ jedhamuun ''gonkumaa ibsa fudhatama hin qabnedha,’’ jechuun waameera.
Tamasa’uu oduu sobaa fi haasaa jibbaa, ''akka paartiittis ta'e akka mootummaatti kan cimsinee irratti qabsoofnuufi dhimma guyyaa guyyaadhaan itti saaxilamnu kana sababiin nuti raawwachu itti dandeenyu hin jiru,’’ jechuun sochii akkanaa keessatti hirmaannaa akka hin qabne ibseera.
''Farajjuun kunis fudhatama kan hin qabnee fi kan yaadaafi gochaa paartichaa hin ibsinedha,’’ jechuun deebii isaarratti kan barreesse paartiichi, paarlaamaadhaanis seera ''oduu jibbaafi odeeffannoo sobaa ittisuuf ni dandeessisa jedhu'' bakka raggaasisuus yaadateera.
Waajirri mummee paartichaa, '''oduu jibbaa' fi 'odeeffaanoo sobaa' dhiisiitii, wayita dogoggorriwwan ixxiqqaan uumamuyyuu sirreeffama gochaa kan turre yoo ta'u, ammallee gochaawwan wal-fakkaataan raawwataman qabatamaan yoo argine kanneen raawwatan irratti tarkaanfii sirreeffamaa barbaachisu akka fudhannu ibsuu barbaanna,’’ jedheera.

Madda suuraa, Getty Images
Tarkaanfii Meettaan fudhate
Dhaabbata haadhoo Feeuukii tahe Meettaan sochiileen miidiyaa hawaasaa bifa duulaatiin gaggeefamu, ''amala sobaa qindaa’e’’ (coordinated inauthentic behaviour) jechuun waamani.
BBCn odeeffannoowwan qorannoo raayyaa miidiyaa paartii badhaadhinaarratti taasiseen argate irratti bu'uurreeffachuun, gaaffii Meetaadhaaf dhiyeesseen, kaampaaniichi amalli sochii qindaa'e jiraachu mirkaneessuun, tarkaanfii fudhachu ibseera.
Meettaan deebii karaa imeelitiin BBC'f kenneen, ''akkaawwuntiiwwan sobaatti’’ fayyadamuudhaan maxxansawwan ''yaadoota gaarii agarsiisan baayyeen, fuula Fesbuukii ''mootummaa Itoophiyaa’’ irratti kennamusaanii qorannoo taasiseen irra qaqabu beeksiiseera.
Gochaan kunis imaammata amala sobaa dhaabbatichaa akka sarbuu kan ibse kaampaanichi, ''tuuta akkaawuntiiwwaniifi fuula Fesbuukii’’ (a cluster of accounts and Pages) haquu isaa deebiicha irratti himeera.
Dubbii himaan Meettaa, ''tuuta akkaawuntiiwwaniifi fuula Fesbuukii imaammata amala sobaa dhaabbatichaa sarban haqneerra. Akkaawwuuntiiwwaniifi toorriwwan muraasnis sirna awutoomaatikii keenyaan haqaman.
Akkaawwuntiiwwan kunneenis maxxansawwan waa’ee mootumamaa Itoophiyaa haala nam-tolcheetiin tamsaasni isaanii akka dabaluuf yaada kennuun, sochii dogongorsaa fi hin barbaachifne (spammy) keessatti hirmaataniiru'' jechuun deebii imeeliin BBC'f kennaniin ibsaniiru.
Dhaabbatichi garuu sarbama jedhe kanaan wal qabatee akkaawuntiiwwan fesbuukii fi fuulawwan meeqa akka haqe hin beeksisne. BBC’n yeroo dhaabbatichaaf gaaffii dhiyeessetti, akkaawuntiiwwan akka fakkeenyaatti eeraman, guyyaa deebiin imeelii itti kennamee fi guyyoota isaan dura turanitti maqfamuusaanii BBC’n hubateera.

Miseensa ''raayyaa miidiyaa hawaasaa’’ tahuun olola Paartii Badhaadhinaa tasaasuuf akkaawuntiiwwan hojiirra oolan qabiyyee wal-fakkaataa qabaachuu BBC’n akkawuntiiwwan 200 irratti hordoffii taasiseen arguu danda’aeera.
Kaayyoo kanaaf akkaawwuntiiwwan faayidaarra oolan kan fayyadamtoota Feesbuukii idilee hin fakkaatu. Suuraafi barreeffamni enyummaa isaanii ibsus irraa hin mul’atu.
Akkaawunttiiwwan kunneen irratti suuraan Ministira Mummee Abiyyiifi Kantiibaa magaalaa Finfinnee suuraawwan piroofaayiliidhaaf faayidaarra oolan keessaati.

Madda suuraa, Getty Images
Suuraawwan ''meeggaa piroojektii’’ mootummaa ijaarsise akkasumas barreeffamoota Paartii Badhaadhinaafi Raayyaa Ittisaa ibsan suuraa waliin qindaa’an akkaawuntiiwwan kunneen irraatti suuraa piroofaayilii tahuun mul’atu.
Akkaawuntiiwwanmuraasni immoo suuraawwan artistoota dubartootaa akka fayyadamanis BBC’n bira gaheera.
Miseensonni ''raayyaa miidiyaa hawaasaa’’ waajira Paartii Badhaadhinaa Naannoo Oromiyaa xiqqoo hin taane haala adda taheen suuraa wal-fakkaatu akkaawuntii isaaniif fayyadamu.
Akkaawuntiiwwan suuraa wal-fakkaataa fayyadaman caasaa godina tokko jalatti miseensota argaman tahuu horodoffii taasiseen BBC’n hubachuu danda’eera.
Caasaawwan mootummaa naannichaa keessaa godinooti Arsii Lixaafi Baalee Baha ani argamu. Miseensonni raayyaa miidiyaa hawaasaa godina Jimmaa immoo suuraa ''raayyaa miidiyaa hawaasaa dijitaalaa’’ barreeffama jedhu kan Afaan Ingiliiziifi Afaan Oromoon irratti barreeffame fayyadamu.
Meettaan mootummaa Itoophiyaa wal-qabatee akkaawuntiiwwan akkasii irratti tarakaanfii fudhachuun kana jalqabaa miti.
Yeroo waraanni Tigraayi jalqabe akkaawuntiiwwan Feesbuukii 62, fuula(pages) 49 fi gareewwan 26 imaammata ''amala sobaa qindaa’e’’ cabsan akka haqe ibsee ture.
Akkaawunttiiwwan kunneen ergaawwan qoodan keessaa, ''Paartii Badhaadhinaa fi Ministira Mummee Abiy Ahimadiin,’’ kan ilaallatan akka tahe Meettaan Waxabajjii 2013 A.L.I ibsa baaseen beeksisee ture.
Meettaan qorannoo taasiseen gochaa kana duuba namoonni dhuunfaa turan, Bulchiinsa Netwarkii Odeeffanoofi Nageenyaa waliin hidhata qabaachuus akka hubate ibseera.
Mootummooti ''amala sobaa qindaa’e’’ fayyadamuun dhimma haaraa akka hin taane qorataan mirga namoomaa dijitaalaa Dr Yohaannis ni dubbatu. Keesumaa yeroo rakkoon siyaasaafi nageenyaa isaan mudatu mootummaan hawaasa to’achuuf sochii akkanaa akka raawwatan ibsu.
Qorattoonni Okisfard bara 2012 olola gama qindaa’een miidiyaa hawaasaa irratti tamsa’anirratti qorannoo taasisaniin yoo xiqqaate biyyoota 70 keessatti duulli siyaasaa dogoggorsaa akka adeemsifamu mirkaneesseera. Qorannicharratti biyyoota eeraman keessaa Itoophiyaan tokko.
Misitirrii Mumee Abiy gara aangotti dhufuu isaaniin dura yeroo jiru akkaawuntii sobaa fayyadamuun duula miidiyaa hawaasaa irratti adeemu kan qindeessu dhaaba mootummaa akka tahe qorannoo kanarratti gabaafameera.
Akkaawuntiiwwan kunneenis mootummaaf deeggarsa kennuufi mormitoota qeequuf tajaajilaaf oolu jedha.
Miseensota ''raayyaa miidiyaa'' durgoon kaffalamuuf
Koominikeeshinii mootummaa keessatti waggoota 15f kan hojjatan maddi BBC’tti haasa’an tokko, miseensota paartii fayyadamuun olola mootummaa Feesbuukii irratti maxxansuun bara dhumaa ADWUI karooraa dhimma ture akka tahe dubbatan.
Mootummaa irratti mormiin adeemsifamu ALI bara 2008 jabaachaa gaafa dhufu Waajirri Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa duraanii ogeessota dhimmi kun ilaallatuuf leenjii kennaa akka ture yaadateera.
Tahus paartilee ijoo afur ADWUI hudeessan gidduutti garaagartummaan yaadaa bal’achaa waan dhufeef karoora ture hojiirra oolchuun hamma barbaadame hojiirra akka hin oolle himan.
Duulli yeroo amma hojiirra oolaa jiru kuni isa wagga saddeet dura karoorfame waliin akka wal-fakkaatu kan ibsan maddi kuni.
Mootummaafi Paartiin Badhaadhinaa karoora qophaa’e ture hojiirra oolchuun ''milkaa’aniiru’’ jedhanii akka yaadan eeraniiru.
Duula bifa qindaa’een geggeefamuun dabalataan, itti fayyadama miidiyaa hawaasaa fi sirna shallaga(algorithm) irrattis leenjiin ammallee Paartii Badhaadhinaa caasaa garagaraa keessattii kennamu.
Miseensota paartii fi ogeessota koominikeeshiniif leenjiiwwan kennaman keessa xiyyeeffannoon tokko, ''piroojektiiwwan misoomaa biyyattii’’ ilaallatan irratti ''uummataaf odeeffannoo qaqqabsiisuu,’’ kan jedhu dha.
Waajirri mummee Paartii Badhaadhinaa deebii BBCf kenneen, ''maalummaaafi fayyadama miidiyaa hawaasaa, akkatti appiiwwan hojjetan isaaniin fayyadamuun ammo uummataaf akkamiin odeeffannoo tamsaasuun akkan danda’amu,’’ hogganootaafi miseensotaaf leenjii akka kennu ibseera.
Paartiin kuni, ''kuni ammoo addunyaarratti hawaasni siyaasaa hundi waan raawwatuufi raawwachuu qabu tahuu amana,’’ jechuun hojimaata baratame tahuu ibseera.
Fuula Feesbuukii mootummaafi paartii irratti hordoftootaafi hirmaattota baayyisuuf tattaaffii taasifamu waajiraaleen Finfinnee keessatti argaman lama namoota, ‘like’, ‘share’ fi ‘comment’ hamma qacaruutti akka gahame maddeen waajiraalee lamaan kanaa BBCtti himaniiru.
Haala kanaan fuula Feesbuukii isaanii iarratti hordoftoota baayyifachuuf Waajira Dargaggootaafi Ispoortii Magaalaa Finfinnee, akkasumas Waajira Misooma Humna Namaa fa’i dha.
Maxxansawwan BBC’n fuula Feesbuukii kunneen irratti hordoffiifi xiinxala taasiseen maddeen irraa odeeffannoo argame wajjin wal-fakkaataa dha.
Waajirri Ispoortiifi Dargaggoo magaalaa Finfinnee dhimma kanarratti gaafatame, ''namoonni dhuunfaa dhimma kanaaf qacaramaniifi kaffaltii argatan hin jiran,’’ jechuun wakkaateera.
Waajirichi itti fayyadama miidiyaa hawaasaa ilaalchisee dargaggootaaf leenii akka kennu daarektarri quunnamtii hawaasaa waajirichaa Obbo Mahaarii Tamasgan leenjii kana warreen fudhatan akkaawuntii isaanii irratti hirmaannaa akka qaban ibsaniiru.
Obbo Mahaariin, ''dargaggoonni waajira keenyaa waliin hojjetaniifi maatiin ispoortii fuula Feesbuukii dhaabbatichaa irratti qabiyyeewwan bahan ‘like’ fi ‘comment’ ofiisaanii akka kennan leenjii kennina.
Kanneen leenjii fudhatan keessaa irra deddeebiin ‘comment’ gochaa jiraachuu malu,’’ jedhaniiru.
Itti gaafatamaan Waajira Pabliik Sarviisiifi Misooma Humna Namaa Dr Xaasaw Gabireen immoo gochaan akkasii jiraachuusaaf, ‘’odeeffannoo hin qabu,’’ jechuun dubbataniiru.
Dhimmicha qulqulleessuun deebii akka kennan waadaa seenanillee deebisanii bilbilaan argamuu hin dandeenye.
Akka BBC’n maddeensaarraa odeeffatetti namoonni 11 gochaa kana raawwachuuf qacaraman fuula Feesbuukii waajiraalee lamaanii irratti hirmaannaa taasisu.
Namoonni kunneen miseensota paartii akkasumas aanaalee fi kutaalee magaalaa keessatti ogeessa koominikeeshinii tahuun hojii idlee kan raawwatan tahuu maddi dhimiichaaf dhihoo tahan BBCtti himaniiru.
Maddi kun dabaluunis, ''namni tokko akkaawuntii Feesbuukii saddeetii hanga kudhanii qaba'' jedhan.
Qabiyyeewwan waajiraaleen kunneen maxxansan fuudhaniis fuula kurnan sanarrattis ‘share’ godhu. Namoonni kunneenis gochaa isaanii kanaaf ''bifa durgoodhaan’’ akka kanfalamu maddi kuni ibsaniiru.
BBC’n qabiyyeewwan Feebuukii horofuuf kan sirni ''Crowd Tangle’’ fayyadamuun odeeffannoo argateen baatii Sadaasaa fi Mudde irraa jalqabee maxxansawwan Feesbuukii waajiraalee lamaan irratti lakkoofsi akkaawuntiiwwan hirmaatanii haala olaanaa taheen dabaleera.
Yeroon kun maddeen keenyi namoota dhuunfaa kunneeniif qacarriin rawwatame yeroo jedhan waliin wal-fakkaata.
Yeroo baayyee qabiyyeewwan fuula sana irratti bahan irraa akkaawuntiiwwan komeentii kennan wal-fakkaatoo yoo tahan, fuula waajiraalee lameen kanarrattis akka hirmaatan mirkaneesseera.
BBC’n gochaa kanarratti kan hirmaataniifi akkaawuntiiwwan 16 namoota dhuunfaa lama wajjin hidhata qaban adda baaseera.
Qorataan Mirga Namoomaa Dijitaalaa Dr Yohaannis, qabiyyeewwan mootummaa wajjin hidhata qaban irratti haala qindaa’een komeentii kennuun, ''yaada bilisaan ibsachuu osoo hin taane kaanin qaanessuu dha.
''Sochiin akkasii, fayyadamtoota ukkaamsuu, kanneen si’oominaan barreessan waltajjii kanarraa akka bahan gochuu akkasumas yaada ofii bilisaan ibsachuufi miga odeeffannoo argachuu akka daangessu,’’ eeraniiru.












