Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dureen Iraan sirreeffamtootaaf dhiifama taasisan
Hogganaa Olaanaan Iraan kanneen mormii mootummaa irratti hirmaatan dabalatee, sirreeffamtoota ''kuma kudhan'' ta'aniif dhiifama taasisan.
Miidiyaan mootummaa biyyattii dhiifamichi hoogganaan olaanaa Ayaatolaah Alii Khaameeniin haalarratti hundaa'uun kan kenname ta'u gabaasan.
Dhiifamni kunis jala bultii yaadannoo guyyaa warraaqsa Isaalaamaa 1979 waliin kan wal qabatuudha.
Fulbaana darbee ajjeechaa dubartii sababii seera safuu cabsite jedhamuun poolisiin erga to'atamteen booda mana hidhaa keessatti ajjeeffamte hordofee hiriirrii gaggeeffamaa ture.
Mahsaa Amiinii kan umuriin waggaa 22 mataatti hijaaba sirriin hin aguggannee jedhamuun to'annoo jala oolfamte ture.
Aanga'oonnis mormicha akka ammalleen itti fufaa jiru kana akka waan ''humnoota biyya alaatiin deeggarameetti'' ibsan.
Gareewwan mirga namoomaatiif falman ammoo daa'imman 70 dabalate mormiitoonni 500 ol ta'an ajjeefamuufi kanneen 20,000 ta'an to'atamu himu.
Mormiin biyyattii guutuutti taasifamaa jiruuf erga addabbiin du'aa jalqabaa hojiirra oolfamee qabee hir'ataa dhufe.
Miidiyaan Mootummaa Iraan, dureen biyyaa dhiifama kana kan taasisan erga hogganaan haqaa dargaggoonni hidhaman kunneen kanneen hololaa fi dhiibbaa humnoota biyya alaatiin kan jeequmsa keessatti hirmaatan ta'u xalayaa barreessaniif booda ta'u gabaaseera.
Xalayichi dargaggoonni baayyeen gochaasaaniitti gaabbuu fi dhiifama gaafachu himeera.
Haata'u malee kanneen yakka cimaa kan akka biyya biraatiif basaasuu, ajjeechaafi qabeenyaa mootummaa barbadeessuun himataman dhiifama hin arganne.
Tarkaanfiin kunis kanneen lammii biyya biraa qabaniif yeroo sanatti to'atamaniif hojiirra hin oolu.