Aanaa Abargaallee keessatti hanqina nyaataafi qorichaan namoonni 47 du'aniiru

Haadha daa'ima reef dhalattu waliin ciistu

Madda suuraa, SOLOMON MEAZA

Aanaa Abargaallee kan godina saba Waagihimraa keessatti argamtuufi humnoota TPLF’n qabamtee akka turte himamu keessatti hanqina nyaataafi qorichaan namoonni 47 lubbuun darbuu bulchiinsi aanichaa fi namoonni maatii isaanii dhaban BBCtti himaniiru.

Bulchaan aanichaa Obbo Alamuu Kiflee waggaa lamaa ol aanichi to’annoo TPLF jala akka ture himuun Roobii Bitootessa 20/2025 A.L.I humnoonni kunneen gadhiisuu himan. Raayyaa Ittisaa fi humni addaa naannichaa iddicha seenus ibsaniiru.

Kana hordofuun odeeffannoo jiru addaan baasuun namoonni 47 ol hanqina qorichaafi nyaataan lubbuun isaanii darbuu himan.

Namni Kiroos Galaaw jedhaman haadha warraa obboleessa isaanii da’umsa irratti du’aan dhabuu isaanii BBC’tti himaniiru.

Muluneesh jechuun kan maqaa waaman namni kuni, haati daa‘ima isaanii sadaffaa da’uuf guyyootaaf ciniinsifachuun booda gidiraan dahanis, dhiigni baayyeen waan dhangala’eef wal’aansa osoo hin argatiin lubbuun darbuu danda’eera jedhan.

''Guyyoota shaniif ciniinsifattee deesse. Yeroo dhiigni dhangala’u geejibni gatii hin turreef siree irrattii baannee karaa jalqabne. Abargallee irraa Saqooxaa galuuf miilaan guyyaa tokko adeemsisa garuu karaa irratti nu jalaa duute,'' jedhaniiru.

Muluuneesh ijoollee waggaa torbaafi saddeetii qabdi. Daa’imni haaraa dhalates fayyummaa gaarii irra jira jedhu Obbo Kiroos.

Waraanichaan wal-qabatee ijoolleen isaanii waggaa 16 fi 22 jalaa ajjeefamuus dubbataniiru.

Bulchaan aanichaa Obbo Alamuu humnoonni Tigraay rakkoo nageenyaa tokko malee naannicha gadhiisanii bahuu ibsuun qondaaloti naannoo uummata dubbisuu isaanii himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

‘’Bu’uuraaleen misoomaa fi tajaajilli hin jiru, hanqinni qorichaa jira akkasumas dhaaboti lafa homaa tajajila kennaa hin jirre dha,’’ jedhu.

Aanaa bu’uuraalee misoomaan ala tahee tureen, aanaa isaan kaan irraa adda kan bahan jiraattonni rakkoo hamaa keessa turuu isaanii bulchaan kuni ibsaniiru.

Kanaanis ganda Abargaallee keessa namoonni 47 ol hanqina nyaataa fi qorichaan lubbuun isaanii darbuu bulchaan kuni BBCtti himaniiru.

Haadholiin yeroo da’umsaa lubbuun isaanii darbe jiraachuus himaniiru.

Akka isaan jedhanitti ammas hanqina qorichaan, dhukkuba busaan namoonni rakkataniifi tajaajila fayyaa hin arganne jiru.

Obbo Kiroos, ‘’aanicha keessa namni hundi rakkoorra ture. Beelaanis namni du’eera. Mootummaan erga galee booda furmaata fida jennee abdanna,’’ jedhu.

Obbo Alamuun humnooti mootummaa naannicha to’achuun wal-qabatee, ‘’qorichaafi calalatuu bishaanii akkasumas nyaata dhiyeessuuf hojjechaa jirra,’’ jedhaniiru.

Kanneen naannoo isaaniirraa buqqa’anii turan gara qe’ee isaaniitti deebisuuf hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Aanaa Abargaallee keessatti namoonni kuma 80 ol tahan akka jiraatan yoo tahu, kanneen keessaa kuma 37 buqqa’annii magaalaa guddoo godinicha Saqooxaa keessa akka jiran bulchaan dubbataniiru.