Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa’el viidiyoon CCTV namoonni butaman hospitaala Al-Shifaa geeffamuu agarsiisa jette
Waraanni Israa’el haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 raawwate booda viidiyoo namoonni butaman hospitaala guddicha Gaazaatti argamu geeffamuu agarsiisa jette ifoomsite.
Dubbi himaan Waraanaa Israa'el akka jedhanitti, namoota butaman keessaa loltuun tokko achitti ajjeefamte.
Isaan keessaa Nohaa Marsiyaanoo, shamarreen umrii 19 miidhaan salphaan irra geenyaan hospitaala Al-Shifaatti erga geeffamtee booda ajjeefamte jedhan.
Israa’el, hospitaalichi bakka wiirtuu ajaja Hamaas jettu kanatti boolli lafa jalaa argameera jette.
Hamaas himannaa kana ni haale.
BBC'n viidiyoo Raayyaan Ittisa Israa'el Dilbata darbe dhiyeesse kana addatti mirkaneessuu hin dandeenye.
Dubbi himaan Waraana Israa’el Daani’el Hagaarii gaazexeessitootaan ''mana dhoksaa naannoo hospitaala al-Shifaa cinatti argamutti ugguramte turte jennee maatii Nohaatti himne,'' jedhan.
"Haleellaa xiyyaaraa Israa’el naannoo sanatti raawwatteen shororkeessitoonni Hamaas Nohaa Maarsiyaanoo uggure ajjeefamee, isheerra ammoo miidhaa salphaa du’aaf hin qaqqabsiifnetu gahe.
Nohaan hospitaala Shifaa geeffamte, achitti shororkeessaa Hamaas biraatiin ajjeefamte" jedhan.
Hamaas kanaan dura Aadde Maarsiyaanoon haleellaa xiyyaaraa Israa’elin akka ajjeefamte kan hime yoo ta’u, haleellaan xiyyaaraa Israa’el Sadaasa 9,2023 ta’uu ibse.
Sana booda Hagaariin viidiyoo CCTV kan inni Onkoloolessa 7,2023 ganamaati jedhe bane.
Guyyaa sanatti Hamaas haleellaa tasa kibba Israa'elitti baneen Israa'eloonni 1,200 ajjeefamanii fi 240 ol butaman.
Viidiyoon sun namoota butaman lama hospitaalaatti yeroo geeffaman agarsiisa.
Hospitaalli al-Shifaa Gaazaatti hospitaala guddaafi ammayyaati.
Hidhattoonni qawwee hidhatan viidiyoo CCTV Onkoloolessa7, 2023 kanarratti ni mul'atu.
Namoota butaman keessaa tokko waan isaan jedhan didaa ture.
Warra butaman keessaa tokko ammoo siree dhukkubsatoonni irra ciisaniirra jiraachui viidiyoon sun agarsiisa.
Waraanni Israa’el Hamaas wiirtuu ajaja bal’aa hospitaala guddicha kaaba Gaazaa jalaa qabaachuu akka mirkaneessituuf dhiibbaa guddaatu irra gahaa ture.
Viidiyoo Israa’el gadhiifte kana Ministeerri Fayyaa Gaazaa Hamaasiin hogganamu dhugummaa vidiyoo mirkaneessu hin danda’u jedhe.
Ministeerichi tajaajilli fayyaa Gaazaatti jeeqamuufi kufaatiisaatiif guutummaatti kan ittigaafatamu Israa’eli jedhe.
Kanaan dura Waraanni Israa’el viidiyoo, boolla lafa jalaa balbala qabu agarsiise ture.
Kun gamoowwan hospitaalichaa heddu ''Hamaas akka dawoo bu'uuraalee misoomaa shororkeessummaa itti fayyadamaa ture ta’uu 'ifatti mirkaneessa''jedhan.
Ameerikaan Hamaas al-Shifaa dabalatee hospitaalota Gaazaa akka wiirtuu ajajaa fi kuusaa meeshaa waraanaatti fayyadamuusaa odeeffannoo basaasaa akka qabdu ibsiteetti.
Israa'el waajjirri muummee Hamaas hospitaalicha kana keessa jiraachuusaa mirkaneessuuf basaasa Ameerikaa caqastee jirti, garuu Ameerikaan opporeshinii waraanaa xiqqaa ta'uu mala jetti.
Israa’el dhimmi kun qabatamaa ta’uu fi ragaa akka argatteen dhiyeessuuf fedha akka qabdu himte.
Michoonni Israa’el waraanaa Israa’el Hamaas dhabamsiisuuf kaayyeffadhe jettu deeggaraniiru, garuu miidhaa namoota nagaarra gahu dabalatuutti dhiphachuu himan.
Ministeerri Fayyaa Hamaas hoogganamu akka jedhutti, erga waraanni eegale lakkoofsi namoota Gaazaatti du’anii 12,300 gaheera.
Namoonni 2,000 ol caccabaa gamoo jalatti awwaalamu hin oolle jedhame sodaatama.
Mootummaan Ministira Muummee Israa'el Beenjamin Netaaniyaahuu maatii namoota butamanirraa dhiibbaan itti cimaa jira.
Warra miseensonni maatiisaanii Hamaasiin butaman mootummaan namoota butaman akka gadhiisisu gaafata jiru.