Guyyaan Dubartoota Addunyaa maaliif Bitootessa 8 irra oole?

Dubartii Afrikaa Kibbaa

Madda suuraa, Getty Images

Waa'ee Guyyaa Dubartoota Addunyaa gama miidiyaanis tahe, hiriyoonni ogguu haasawan dhageessanii beektu ta'a.

Garuu guyyaan kun maali? Yoom? Guyyaan walfakkaataa dhiirootaaf qophaa'e ni jiraa?

Odeessa kanaan waan ittaanu qixeessineerra.

Akkamiin jalqabe?

Clara Zetkin looks to the camera

Madda suuraa, Corbis / Hulton Deutsch

Ibsa waa'ee suuraa, Kilaaraa Zetkin Guyyaa Dubartoota Addunyaa bara 1910tti eegalte

Guyyaa Dubartoota Addunyaa yookis gabaabumatti IWD jedhamuun kan beekamu, sochii mirga hojiirraa kan jalqabe ennaa tahu, Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin (UN) beekamtii guyyaa qabudha.

Tokko jedhee kan eegale 1908 keessa ture. Gaafas dubartoonni 15,000 daandiiwwan Magaalaa Niiw Yoorkirra sa'aatii hojii fooyya'aa, kanfaltii dabalataa fi mirga filachuu gaafachuun hiriira bahan.

Waggaa tokko booda Paartiin Soshaalistii Ameerikaa, Guyyaa Dubartootaa Biyyoolessaa isa jalqabaa labse.

Guyyichi kan idiladdunyaa akka tahu yaada kan dhiyeesse, dubartii rogeettii soshaalistii fi mirgoota dubartootaaf falmitu Kilaaraa Zetkiin jedhamtu turte.

Yaadashee kanas Konfiransii Hojjettoota Dubartoota Idiladdunyaa Koppanhaaganitti qophaa'e irratti dhiyeessite. Sagantaa kanarra dubartoonni 100, biyyoota 17 irraa walitti qabamanii turan - yaadashee kanaanis guutummaatti waliigalan.

Yeroo jalqabaaf bara 1911tti Ostriyaa, Denmaark, Jarmanii fi Swiizarlaanditti kabajame.

Guyyichi ifatti kabajamuun beekamtii kan argate 1975tti ogguu UN guyyicha kabajuu eegaledha. Dhaadannoo kabaja guyyichaa jalqabaa UN 1996tti beeksise: "Kan Dabre Jajjabeessina, Egereef ni Karoorsina" kan jedhu ture.

Guyyaan Dubartoota Addunyaa, dubartoonni hawaasa, siyaasaa fi diinagdee keessa gaheen qaban eessarraa kahee akka as gahe kan ittiin yaadatamudha. Haatahu malee har'as, dhimmoota walqixummaan korniyaa dhabamuun walqabatee mormiin hubannoo uumuu ni gaggeeffama.

Bitootessa 8 maaliif ta'e?

A demonstration for International Women's Day in Sao Paulo, Brazil, in 2023

Madda suuraa, Getty Images

Yaadni jalqabaa Kilaaraa Guyyaa Dubartoota Addunyaa guyyaa murtaa'e tokko hinqabu ture.

Guyyaa tokkotti akka tahu sababni itti ta'eefis bara 1917 keessa dubartoonni Raashiyaa "daabboo fi nagaa" barbaanna jechuun mormii dhageessisan ture. Mormiin kun guyyoota afuriif erga adeeme booda, mootiin biyyattii (Tsar) aangoo akka gadhiisuuf dirqame, mootummaan yerootiis dubartootaaf mirga filachuu kenneef.

Guyyaan mormiin dubartootaa itti eegale akka lakkoofsa dhaha Juliyaaniin, Dilbata Guraandhala 23 ture. Guyyaan kun gara kaalaandara Girigooriyaanitti deebi'u Bitootessa 8 (March 8) ta'a - har'as guyyuma kanaan kabajama.

Namoonni maaliif haalluu siddisaa uffatu?

Street vendors selling purple flower necklaces for IWD

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Haalluun siddisaa gara caalu guyyicha wajjin kan hidhata qabuufi 'haqaa fi kabaja' mul'isa

Siddisa, magariisaa fi adiin haalluu guyyichaa (IWD)ti jedha marsariitiin Guyyaa Dubartoota Addunyaa.

"Siddisni haqaa fi kabaja mul'isa. Magariisni ammoo abdii. Yaada falmisiisaa tahus, adiin ammoo qulqullummaa mul'isa. Haallun kun Yuniyenii Hawaasummaa fi Siyaasaa Dubartootaa (WSPU) UK bara 1908 irraa madde," jedha.

Guyyaan Dhiirota Addunyaa jiraa?

Eeyyeen, gaafa Sadaasa 19.

Garuu bara 1990'oota irraa qabee kabajamuu eegale, ammoo UN irraa beekamtiis hin arganne. Addunyaarra biyyoota 80 ol tahan keessa kabajama.

Akka qopheessitoonni jedhan guyyichi "duudhaa eeyyeentaa dhiironni addunyaa kanatti, maatiisaanii fi hawaasaaf fidan" irratti kan xiyyeeffatedha.

Kana malees kanneen eeyyeentaan (positive) fakkeenya tahan leellisuu, fayyummaa dhiirootaarra hubannoo uumuufi hariiroo korniyaa fooyyeessuunis kabajama.

Guyyaan Dubartootaa akkamiin kabajama?

Women with flower bunches

Madda suuraa, China News Service / Getty Images

Guyyaan Dubartoota Addunyaa biyyoota hedduu keessatti ayyaana biyyoolessaati. Raashiyaatti guyyoota sadii fi afur naannoo Bitootessa 8 jiranitti, gurgurtaan abaaboo dachaan dabala.

Chaayinaatti guyyichatti dubartoonni guyyaa walakkaa hojiirraa bilisa akka tahan ni kennamaaf.

Xaaliyaanitti ammoo, guyyaa kana ilillii keelloo mimosa jedhaman walii kennu.

Ameerikaatti, ji'i Bitootessaa Ji'a Seenaa Dubartootaa jedhamuun yaadatama. Labsiin pireezidaantii biyyattiin labsamu, waggaa waggaan milkaa'inni dubartoota Ameerikaa itti leellifama.

Dhaadannoon 2024 maali?

Women walking in the streets wearing scarves covering their faces

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Afgaanistaanitti dubartoonni mirga barachuu argachuuf falmatu

Dhaaddannoon UN kan bara 2024 "Dubartootarra invast gochuu, Misooma saffisuu" kan jedhudha. Yaadni kunis tarkaanfiiwwan walqixxummaa koorniyaa irratti bajanni gahaan ramadamaa akka hinjirre agarsiisuuf.

"Walitti bu'insi fi qaala'insi gatii biyyoonni %75 tahan bajata [tajaajila] hawaasaaf ramadan akka hir'isan taasisa. Kun ammoo dubartootaa fi tajaajila isaan barbaachisan irratti dhiibbaa fida," jedha UN.

Maaliif guyyaan kun barbaachise?

IWD demonstration in Lima, Peru, on 8 March 2023

Madda suuraa, Fotoholica Press

Waggoota dabran keessa dubartoonni biyyoota akka Afgaanistaan, Iraan, Yukireen fi US keessaa mirgoota isaaniif falmachaa jiru. Waraana, haleellaa fi jijjiirama seeraa biyya isaanii keessatti tahaa jiraniin falmu.

Dubartoonni Baha Jiddugaleessaa keessa jiran, waraana Israa'el fi Filisxeemiin haleellaan hamaa irra gaheera. Ogeeyyiin UN akka jedhanitti, ragaalee qabatamaa Gaazaatti haleellaa dubartootaafi ijoollee dubraarra gahuu isaan qaqqabuu himan. Isaan keessaa gudeeddii humnoonni Israa'el qaqqabsiisan keessatti argamu.

Gama kaaniin Hamaas haleellaa Onkololeessa 7 Israa'el irraan gaheen, haleellaan saalaa fi miidhaan qaamaa hamaa dubartootaarra gahuu, BBCn odeeffateera.

Afgaanistaan keessa, ijoolleen dubraa umriin isaanii barnoota sadarkaa tokkooffaan ol tahe, manneen barnootaa irraa Taalibaaniin dhorkamaniiru. Kunis walqixxummaa barnoota dubartootaa akkaan danqeera.

Cart with women and children fleeing Sudan for Chad

Madda suuraa, Abdulmonam Eassa / Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kanneen waraana Sudaaniin qe'eerraa buqqa'an 10 keessaa sagal dubartootaa fi daa'immani

Waraanni Sudaan keessaa waraana biyyattii fi RSF jidduu adeemaa jiru, dhiibbaa hamaa dubartootarraan gahaa jira.

Dubartootaa fi ijoolleen dubraa iddoowwan RSF to'atee jiru keessa butamuun, gudeedamaa jiraachuu UN ibseera. Kana malees akka heeruman dirqisiifamaa jiraachuu fi maallaqaaf ugguramanii akka jiranis himameera.

Gara Iraanitti ogguu ceenu ammoo, ji'i Fulbaanaa erga shamarreen ganna 22 Maahsaa Amiinii lubbuu dhabde waggaa tokko ta'eera.

Shamarree kana poolisiin safuu biyyattii, seera cimaa dubartoonni rifeensa isaanii akka haguugan ajaju cabsiteetti jechuun erga to'atee booda, to'annoo jala wayita turtetti lubbuun dabre.

Woman in Mexico marching to celebrate the decriminalisation of abortion in the country in 2023

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bara 2023'tti Meksikoon uggura ulfa baasuurra keesse laaffisteetti

Gama kaaniin ammoo, bara dabre keessa jijjiiramni gaariinis mul'ateera.

Onkololeessa 2023, Kongiresiin Arjentiinaa seera 'Olimpia Law' jedhamu raggaase. Seerri kunis haleellaa saalaa gama onlaayinii jiru qolachuufi kanneen yakka kana dalaganis akka seeratti dhiyaatan kan godhudha.

Aminastii Intarnaashinaal dameen Arjentiinaa akka jedhutti, biyyattiitti dubartoota sadii keessaa tokko midhaan gama onlaayini irra gaha.

Taiwanese woman with crossed hands in front of her face

Madda suuraa, SAM YEH / Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taayiwaanitti fiilmii Netflix irraa hordofee, himannaawwan miidhaa saalaa kan dabalan ogguu tahu, sochiin MeToo irra deebi'ee akka dagaagu godheera.

Kana hordofee paartiin biyya bulchu Democratic Progressive Party, seeronni farra-qoccollaa saalaa cimse. Kanaanis bakkeewwan hojii hundi, haala qoccollaan itti gabaafamu akka mijeessan irraa eegama.

Bara dabre keessa Meeksikootti ulfa baasuun seeraan ala tahuurraa seera-qabeessa tahuutti cehuu hordofee, gareeleen mirgoota dubartootaaf falman guddoo gammadan.

Dhiyeenya kanas Seeneetiin Faransaay, ulfa baasuun mirga dubartootaati jechuun heera biyyattii keessa akka galu sagalee caalmaan mirkaneesseera - kunis addunyaarraa isa jalqabaati.

Waancaa Kubbaa Miilaa Dubartootaa Addunyaa Awustiraaliyaa fi Niiw Ziilaanditti qophaa'e, deeggartoonni miiliyoona lamatti siqan daawwataniiru. Kunis rekordii amma dura ture 600,000'n kan caale ture.

Hawaasni ispoortii dubartootaaf fedhii qabu akka dabales kan agarsiisedha. Akka qorannoon haaraa agarsiisetti, bara 2023 UK keessa lakkoofsa rekordii miiliyoona 46.7 ta'een, dorgommii atileetiksii dubartootaa televizhinii irraan daawwataniiru.

Jennifer Hermoso of Spain celebrates with the trophy during the FIFA Women's World Cup

Madda suuraa, Marc Atkins/Getty Images

Faallaa kanaan garuu, oduun gammachuu injifannoo Waancaa Addunyaa Dubartootaa Ispeen, taatee ijoo tokkoon golgame. Maalii jennaan, hoogganaan jaarmiyaa kubbaa miilaa biyyattii duraanii Luwis Rubiyaales, taphattuu Jenii Hermoosoo hidhiirra dhungate.

Hermoosoon dhungoon sun fedhiishee malee akka raawwate eeruun, Rubiyaalees irratti himata bante. Amma hojii kan gadhiise Aabba Rubiyaales, himannaa kana ni haala.

Taateen kun aadaa qoccollaa saalaa kubbaa miilaa dubartootaa keessaa fi ala jirurratti mariin akka gaggeeffamu karra saaqeera.