Dubartoota reebamanii daldala saal-qunnamtii seensifaman

Ibsa waa'ee viidiyoo,
Dubartoota reebamanii daldala saal-qunnamtii seensifaman

Dubartoonni Uzbeek lama dirqisiifamanii Hindii keessatti daldala saalqunnamtii seenan reebicha, doorsisaafi haleellaa saalaaf saaxilamuu ifa godhaniiru.

Kunneen namoota daddabarsanin reebamuufi doorsifamuu BBC Hindiitti dubbatani.

Hojii gaarii Dubaayitti argattu jedhanii daddabarsitoonni dubartoota biyyoota Giddugala Eeshiyaa keessatti jireenya gad-aanaa jiraatan gowwomsuun shakkaman lama poolisiin Hindii hidheera.

Daddabarsitoonni Dubaayi isin geessina jedhanii waadaa seenanii achii karaa Neppaal gara Hindii isaan fidu.

Baay’een isaanii Hindii keessa ‘’socho’uu akka hindandeenye’’ fi sababa seera immigireeshinii cabsan himannaa jedhun Hindii keessaa bahuu akka hin dandeenye dubbatu.