'Paasteriin' Keeniyaa 'dinqiidhaan daa'ima nan uuma' jedhu daa'ima hatuun himatame bilisa bahe

'Paasteriin' Keeniyaa 'ulfa dinqisiisaa uumeera' ykn raajiidhaan dhabduuf (maseentuuf) ulfa uumuu nan danda'a' jechuun beekamu himannaa daa'imman hatee daldaluu ykn seeraan ala daddabarsa jedhu irratti dhiyaaterraa bilisa bahe.

'Paasteriin' maqaan isaa Gilber Deyaa jedhamuufi nama falmsisaa akka ta'etti beekamu kun, lallaba karaa TVtiin dabarsuun beekama ture.

Yakka ittiin himatame kanarraa bilisa kan jedhame ammoo ragaan gahaa ta'e dhibuu isaarraa kan ka'eenidha.

Namni kun waggoota 20 dura daa'imman shan hateera jedhamee ture kan himatame. Haata'u malee, abbaan alangaa Paaster GilberDeyaa daa'imma shan hatii isaaf ragaa dhiyeessuu hin dandeenye jedheera manni-murii Keeniyaa.

Akka himanni irratti dhiyaatee turtetti, namni kun daa'imman shan hatee dubartoota ulfaa'uu dhabanii rakkataniif kennee ture.

Namni paasteriidha ofiin jedhu kun, waggoota kudhanii oliif bilisa akka ta'e falmachaa ture kun bara 2017 keessa UK irraa qabamee gara Keeniyaa geeffame.

Waa'e amala Mr. Deyaa ilaalchisuun yaaddoofi shakkiin kan dhalate bara 2004 keessa wayita inni waldaa Kiristaanaa Landan keessatti banatee gaggeessaa jirutti ture akka qorannoo BBCtti.

Dubartoonni ulfaa'uu hin dandeenye waldaa Kiristanaa Gilbert Deyaa kan Peekhaam, Landan Kibba-bahaatti argamutti waaqeffatan akka ijoollee 'dinqii/raajii' [mircale' babies] argachuu danda'an itti himamee ture.

Haata'u malee, ijoolleen jedhaman garuu magaalaa guddoo Keeniyaa, Naayiroobiitti kilinikoota xixiqqoo daandiirraa maqanii gola keessa jiran keessatti "dhalatan". Abbaan alangaa akka jedhetti, daa'imman kunneen maatii iyyeeyyii Keeniyarraa hataman.

Mr Deyaan booda gara Iskootilaand deemuun bara 2006 keessa ajaja akka seera idil-addunyaatti bakka argametti haa qabamu jedhu Keeniyaan baasteen hordofee magaalaa Edenbirhaa keessatti qabame.

Dhaddacha Wixata taa'amerratti abbaan seeraa Roobsan Ondiyeekii abbaan alangaa ragaa quubsaa ta'e dhiyeessuu hin dandeenye jedhe.

Mr. Deyaan mana-murtii keessaa ala bahee bakka deeggartoonni isaa gammachuun itti cookanitti, warra mana-hidhaa keessatti isa arguu barbaadaniif dhiifama gochuu dubbate.

"Ani har'a ba'aa kana fakkaatu, waanjoo qoleekoorratti fe'ame kanarraa biisa ta'eera... Kabajan qabu na jalaa balleesseera," jechuun rippoortarootatti dubbate.

"Akka waan ani hattuu daa'immanii ta'eetti maqaa na balleessuun gaddisiisaadha," jedhe itti dabaluun.

"Amma bilisa ta'uu kootti nan galateeffadha. Amma ergama kiyya Yesuus lafa kanarratti natti kenne itti fufsiisuufan deema."

Tarii akka gara UKtti deebiyuu danda'uu malus akeekeera.

Bara 2011 keessa haadha warraa Mr Deyaa kan turte Marii Deyaa, daa'ima tokko riffeeral hospitaala magaalaa guddoo Keniyaa, Naayiroobii keessaa hatuun yakkamtuu taatee hidhamtee ture.

Dubartiin kun daa'ima hatte kana sobdee nan dahe jettee turte.