Keeniyaatti lallabaan wangeelaa pirezidaantitti raajii himuuf masaraa deemuf ture to'atame

Keeniyaatti lallabaan wangeelaa gara masaraa deemeen ''ergaa raajii Waaqayyo natti hime'' pirezidaantii biyyattii Wiiliyaam Ruutotti hima jedhee ture to'annoo jala ooluu poolisiin beeksise.

Tajaajilaan kun Lixa Keeniyaatti waldaa Jerusalem Mowar Church jedhamutti tajaajilaa wangeelaa yoo ta'u, pirezidaantii biyyattiitti ''waanan himu Waaqayyo raajii natti dubateera,'' jechuun ture kan gara masaraa mootummaa biyyaattii (state house) imaluuf ture.

Nama maqaan isaa Yoosef Cheengee jedhamu kana, Roobii Caamsaa 17, 2023 bulchiinsa Hoomaa Beey mandara Ruuruu jedhamu keessatti poolisiin to'ate.

Miseensota waldaa isaa kan ta'an namoonni biroo sagalis isa waliin to'atamaniiru jedhe poolisiin.

Hoomaa Beeyitti qorataa yakkaa kan ta'an Abeed Kaavoo akka jedhanitti, tajaajilaan kun miseensota waldichaa wajjin kan to'atamaniif tarii barsiisa nama burjaajessu qabatanii ka'an yoo ta'e adda baafachuuf akka ta'e hime.

Poolisiin naannichaa akka beeksisetti Yoosef Cheengee waldaa isaa keessatti namoota dhukkubsataniif nan kadhadha jedhee mana keessatti hidhee tursiisa.

Miidiyaan biyya keessaa ammoo akka ibsetti, namoonni shan mana tajaajilaa kana keessatti hidhamanii turan poolisiidhaan baraaramaniiru.

Poolisiin Keeniyaa dabalataan akka ibseti waldaan Yoosef Cheengee gaggeessaa jiru seera qabeessa miti.

Sababni isaa ammoo seeran hin galmoofne waan ta'eef.

Lallabaan wangeelaa kuniifi michoonni isaa isa waliin hidhaman mana murtiitti dhiyaachuf akka jiranis himame.

Dilbata darbe Yoonas Cheengee, "Guyyoota 21 keessatti pirezidaant Ruutoo argee waan Waaqni natti hime akkan itti hin himne yoon dhorkame waan hamaatu biyyattii mudachuuf jira," jechuun gaazexeessitootatti hime.

Bifuma wal-fakkaatun Keeniyaa keessatti namichi ani tajaajilaadha jedhee of waamu, 'soomtanii yoo sagaddan Yesuus argitu' jechuun namoonni heddu nyaata dhiisanii akka du'aniif sababa ta'e jechuun hidhamee qorannaan irratti gaggeeffamaa jira.

Sababa burjaajii namichi kun amantoota irratti uumen namoonni barsiisa isaa fudhatanii nyaata diduun osoo soomanii du'an 200 caaluu poolisiin Keeniyaa beeksisee ture.