Barataa lammii Itoophiyaa dorgommii saayinsii idil-addunyaa injifachuuf dorgomaa jiru

Barataa Abeel Asaffaa mucaa wagga 18ti. Innis dorgomtoota 30 dorgommii saayinsii idil-addunyaa irratti dorgommii xumura walakkaatiin hammataman keessatti argama.

Dorgommiin dhaabbata mit-mootummaa ‘Breakthrough’ jedhameen qophaa’e kunis, kan wagga waggaan gaggeeffamu yoo ta’u, bara 2022'tti hirmaachuuf dorgomtoonni 2,400 iyyatanii turan.

Dorgommichis yaadi-rimee saayinsii, herreegaafi fiiziksii walxaxaa fi gadi fagoo ta’e haala namoota beekumsa saayinsii hin qabneen salphaan akka hubataniitti viidiyoo sakondii 90 dhiyeessuudha.

Dhaabbatichis barattoonni yaadawwan saayinsii walxaxaafi gadi fagoo ta’an akka haala hirmaachisaa fi qabatamaa ta’ee viidiyoodhaan akka dhiyeessaniif jajjabeessa.

Abeel dorgommii kanarratti yaada dambalii sagalee irratti xiyyeeffatu dhiyeesse.

Saayinsiin isaas ‘Noise cancellation’ jedhama. Innis attamiin sagaleewwan naannawatti dabalamuun seenan haquun haala itti danda’amu kan hubachiisuudha.

Viidiyoo kana dabalatee, viidiyoowwan marsaa dorgammii kanarratti filataman toora facebook dhaabbatichaa fi Youtube irratti kan fe’aman yoo ta’u, ummannis sagalee akka itti kennuuf dhiyaateera.

Viidiyichis Facebook fi Youtube irratti yoo sagalee ummataa olaanaa (like) baay'ee argateef dorgomaan sun gara dorgomtoota filatamoo 15'tti dabalama.

Marsaan kenniinsa sagalee marsaa kanaas hanga Wiixataa Fulbaana 19, 2022tti kan itti fufuu yoo ta’u, guyyoota ittaananiitti ammo hojiiwwan filatamtoota 15 keessatti hammataman ifa ni taasifamu.

Adeemsawwan kanneen keessa darbee dhumarratti kan injifatuu, badhaasa carraa barnoota doolaara kuma 250 argata.

Barsiisaa/barsiiftuun barataa injifatee hojii kalaqa saayinsii kanaaf kakaasee ammo, badhaasa doolaara kuma 50 akkasumas manni barnootaa injifate ammo badhaasa doolaara kuma 100 argatu.

Dorgommii cimaan irratti gaggeeffamu kana irratti dorgomtoota filatamoo 30 keessa seenuu kan danda’e Abeel, dorgommicha injifachuu ni danda’a jedhamee abdatameera.

Dorgommii Breakthrough Chaalleenj bara kanaatiin dorgomtoota filatamoo 30 keessatti kanneen galan keessaa barattoonni Ameeriikaa, Kaanaadaa, Chiilii, Chaayinaa, Kirooshiyaa, Hindi, Iraaqi, Niiwuuzilaand, Filiippiin, Tiriindaadii fi Tobeegoo, Afriikaa KIbbaa fi Yunaayitid Kingidan irra keessatti hirmaataniiru.

Waggaa lamaan duras barattuun lammii Itoophiyaa takka injifattee akka turte kan yaadatu Abeel, bara kana garuu dorgomaan lammii Itoophiyaa isa qofaa akka ta’e hima.

Barataa Abeel Asaffaa eenyu?

Abeel kan dhalate Finfinnee keessatti yoo ta’u, maatii isaa waliin gara Ayiirlaandi kan imale mucaa baatii 11 ta’eeti.

Maatiin isaas erga waggoota saddeetiif Ayiirlaandi keessa jiraataniin booda Ameeriikaa galuun achi jiraachu eegalan.

Achittis mana Barnootaa Reedmandiitti barnootasaa sadarkaa tokkooffaafi lammaffaa barateera.

Barnoota isaatiinis baayyee cimaadha. Sadarkaa barnoota hundaan qabxii olaanaa galmeesse.

Barnoota sadarkaa lammaffa isaas kan xumure gosa barnoota hunda ‘A’ galmeessuuni.

Akkasumas qormaata Ameerikaa fi Kaanaadaatti keennamuufi ‘Advanced Placement’ jedhamunis gosa barnootaa hundaan ‘A’ galmeessuun Yunivarsitii Sitaandford galu danda’eera.

Ammattis yunivarsitichatti saayinsii Kompitaraatiin barataa waggaa jalqabaati.

Ijoollummaa isaatii qabee saayinsii fi teeknooloojiif jaalala olaanaa kan qabu Abeel, osoo mucaa umrii waggaa saddeetii jiru ture kan hojiiwwan kalaqaa hojjachuu eegale.

Maatiin isaas damee saayinsii kompitaraa kan baratan waan ta’aniif, waan isaan hojjatan ilaalaa, beekumsa isaa cimfataa adeeme.

Abbaansaa kompitaraan (coding) waan eebbifameef, yoo inni hojjatu jala deemee hojjataa akka ture kan dubbatu Abeel, kunis fedhii hojiiwwan kalaqaa rakkoolee furan hojjachuu akka itti uumee dubbata.

Daa’imummaanis yaadawwan kalaqaa dinqisiisoo ta’an maddisiisuun maatii, barsiisota isaafi namoota isa beekan dinqisiisaa ture.

Haatiisaa Wubi’ayyahu Zawudee, ‘‘Yeroo baay'ee yaada kaasee akkuma qoosaatti bira dabarree, booda garuu bifa qorannootii maxxanfamanii ykn yoo hojiirra oolanii agarru ni dinqiisiisa’’ jetti.

Abeel kan itti gaafatamummaan itti dhagahamu, waan xiqqoo ilaalee kan baayyee hojjatu fi yaadawwan kalaqaa rakkoo furan hedduu kan qabu ta’u dubbatti haatii isaa.

Mana keessatti meeshaalee isa barbaachisan guutuunii fi yaadaan deeggaruun bira taree deeggarsa addaa akka hin gooneef kan dubbattu haati Abeel, beekumsa isaa caalaa kan gabbifate filannoowwan teeknooloojii ammayyaa jiran barnootarra oolchuun akka ta’e dubbatti.

Kalaqawwan isaa keessa muraasa

Maatii isaatiif ilma lammataa kan ta’e Abeel, barnoota isaa sadarkaa lammaffaa xumuruun dura, hojiiwwan kalaqaa hedduu hojjateera. Isaan keessaayis:

  • Wayita mucaa waggaa torbaa osoo jiruu aappii fakkiiwwan bifa suuraa ykn viidiyoon jiraniif hin barbaadamne baasee fakkii gara biraatiin bakka buusuu gargaaru hojjateera.
  • Waggaa saddeettaffaa isaatti ammo sirna pirojaktarii sochootuu fi haala salphaa ta’een bilbila harkaatiin fayyadamuun danda’u hojjateera.
  • Barreeffamoota qubee Laatiiniin barraa’an fakkii kaasuun, gara afaan biraa barbaadamuutti geeddaruu fi Appii ‘Piiksipiik’ jedhamuufi fayyadamaan afaan barbaadeen sagalee akka dubbisuu gargaaru hojjateera.
  • Mana barnootaa itti barataa ture Reedimandiitti, hiriyoota isaa waliin dhaabbata barattoonni hojiiwwaniifi yaaliiwwan teeknooloojii fi saayinsii itti hojjatan hundeessuun gargaaraa Daareektara Teeknooloojii ta’un hojjataa jira.
  • Akkasumas sooftiweerii kaameeraa kompitaraa to’achuu fi suuraawwan kaasuuf dandeessisuu qophesseera.
  • Appiiwwan adda addaa fi taphawwan dhugaawwan yaadaa (virtual reality) gabbiseera.
  • Geemiwwan bilbilaa suura kaasuu fi namaaf qooduu, kallattiin haasa’uu fi sagalee kennuu ykn erguu danda’an kan JPS fayyadaman gumaachera. Geemin kun ‘Snapshot battle crown’ kan jedhamu yoo ta’u ‘App store’ irratti fe’amee jira. Abeel yommuu kana hojjatu nama ganna 16ti.

Geemii kana hojjachuuf kan isa kakaase ijoolleen mana taa’anii viidiyoo geemii kompiitara qofa irratti taphatan manaan alattis bifa nama bashannansiisuf taphachuu akka danda’aniif ta’uu hima Abeel.

Kunis mana iddoo tokko taa’anii geemii taphachuun dhiibbaa qaamaa fi sammuu irra gahu hir’isuuf kan karoorfame akka ta’es ni dubbata.

Kanaan alattis beekumsa mana taa’ee viidiyoowwan garaa garaa ilaalun argate irratti hundaa’un hojiilee hojjate workishooppii kaampaanii Maayikiroosoft keessatti dhiyaate irratti dhiyeessera.

Kana qofa osoo hin taane, dhaabbilee garaa garaaf marsariitii akka hojjate hima Abeel.

'Mo’achuu baadhus waa’ee Itoophiyaa ittan dubbadha'

Abeel dorgommii waan jaalatuuf kutaa saddeet yeroo jiru dorgommii waa’ee guyyaa seenaa biyyaalessaa irratti xiyyeeffachuun dhiyaatu “national history” jedhamu irratti viidiyoo waa’ee lola Aduwaa qabatee dhiyaatee ture. Dorgommichi seenaa Ameerikaa irratti xiyyeeffata ture.

“Viidiyichi waa’ee seenaa Ameerikaa miti, si harkaa hin fuudhan jedheenin ture,” jetti haati isaa Wubaayyahu.

“Seenan qabadhee dhiyaadhu dorgommii mo’achuu baatus carraa kanatti fayyadameen waa’ee Itoophiyaa itti hima,” jedhee deebiseef haadha isaatif.

Akka Wubaayyahu jettutti sadarkaa tokkoo hanga sadaffaa keessa galuu danda’eera. Waa’ee Itoophiyaa beeksisuun Abeel qofa osoo hin taane saayinsii fayyaa kan barattu obboleettii isaa biras jira.

Jireenyi isaanii biyya alaa haa ta’u malee qalbiin isaanii biyya akka jiru dubbatti haati isaanii. Sababni isaa ammoo, “Wanta argattan hawaasa keessaniif deebisaa kennaa jennee guddisna” jetti.

Tola ooltummaa galaana qaxxaamure

Abeel beekumsaa fi baruumsa argate umurii daa’imummaa irraa kaasee hiriyyoota isaaf qoodaa ture.

Yeroo manni barumsaa cufamu gara biyyaa deemun beekumsaa fi baruumsa argate gumaacha.

Yuunivarsiitii Dabra Maarqos waliin ta’uun barattoota sadarkaa lammaffaa 100 ta’aniif leenjii kenneera.

Teekinoolojii fayyadamuun akkamitti of barsiisuu akka danda’an, teekinolojii waan sirrii fi rakkoo furuuf akkamitti itti fayyadamuu akka qaban beekumsa isaaniif qoode. Ameerikaattis yeroo boqonnaa isaatti ijoollee barsiisudhaan dabarsa.

“Beekumsan qabu namaaf qoodun na gammachiisa,” jedhan Abeel. Gama barumsatiin saayinsii kompitaraa barachuuf yuunivarsiitiwwan tekinolojii addunyaarratti jiru jedhaman keessaa tokko galee jira.

Barumsa isaa gaafa fixe gara Itoophiyaatti deebi’uun raakkoolee jiran furuuf waan beeku gumaachuu barbaada.