Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maanguddoon tibbana erga soorama bahanii MAn eebbifaman maal himu?
Obbo Alii Saafayii maanguddoo ganna 67 yoo ta'an Sanbata darbe Yunivarsiitii Bulee Horaa irraa digrii lammeessoo -Masters of Arts (MA) dhaan eebbifamuun guddoo jajaman.
Ofii maanguddoon umrii sooromaa keessa Yunvarsiitiirraa eebbifaman kuni eenyu?
Godina Gujii Aanaa Liibanitti dhalatanii kan guddatan yoo ta’u, umrii ijoollummaa isaaniitti biyyaa baqatanii Somaaliyaatti waggaa dheeraa dabarsan.
Abbaan isaanii Obbo Saafayii Sheberoo qabsaa’aa ta’uu isaaniitiin haalli biyya keessaa rakkoo taanaan akka biyyaa bahan himu.
“Abbaan kiyya qabsaa’aa ture. Qabsa’ota akka Jeneraal Waaqoo, Jeneraal Duubee, Taakkalaa Uturaa fi Aliyyii Cirriifaa wajjin miseensa turan. Haalli yeros ture hamaa taanaan umrii waggaa sagal yeroon ture fuudhanii Somaaliyaa naan deeman. Isaan gara qabsoo deemanii ani barumsa seene,” jedhu.
Barnoota isaanii kutaa jalqabaatii hanga kooleejjiitti Somaaliyaa Kaampii baqataa Harraas jedhamutti barachuun achumatti barsiisaa akka turanis himu.
Dhimma qabsoofi cunqursaa Oromoorra gahu ijoollummaa isaaniirraa sirritti hubachaa waan guddataniif jecha isaanis umrii dargagummaa isaaniitti qabsoo Waraana Bilisummaa Oromoo (ABO) keessatti qooda fudhachuus himu.
“Ani ijoollummaa kiyyaan baqattoota Somaaliyaa jiran sagantaa ABO barsiisaan ture.
Akka carraa ta’ee sagantaa siyaasaa ABO Jaal Nadhii Gammadaa harkaan fudhadhe.
Yeros barataan ture. Booda dhaabni dirqama naaf kennee gara biyyaa na deebise,” jedhan.
Dargiin kufuuf waggaan lama yeroo hafu gara biyyaatti akka deebi’aniifi A.L.I bara 1984 ABO’n chaartara keessaa erga baheen booda waggoota hedduuf hidhaa keessatti dabarsan. Boodarra hojjetaa mootummaa ta’uun akka qacaramanii turanis himu.
Obbo Aliin amma abbaa ijoollee saddeetiiti. Dheebuu barnootaaf qabaniif jecha erga soorama bahanii yunivarsiitii Bulee Horaa seenanii baratan.
Digirii jalqabaa isaanii erga eebbifamanii waggoota 35 booda barana digirii lammeessoo(Masters) dhaan eebbifaman.
“Ijoollee kiyya barsiisaan ture. Fedhiin barnootaaf qabu olaanaa ture. Garuu ergan biyyaatti deebi’ee yeroo hedduun hidhama. Jireenyi baay'ee ulfaataa ture.
Kanaaf jecha yeroon barbaadetti barumsa kana barachuu hin dandeenye. Amma ijoolleen kiyyaafi haati warraa kiyya na jajjabeessanii muldhata kiyya bira gahe,” jedhu.
Obbo Aliin Gujiitti waajjiraalee mootummaa hedduu keessatti hoggansaan hojjechaa turanis yeroo hedduu himatni ergama addaa qaba jedhu narratti waan dhihaataa tureef soorama kiyyalleen mirkaneefachuurratti rakkoo ta’e jedhu.
Erga soorama bahanii Yunivarsiiti Bulee Horaa barumsaaf erga seenaniin boodas yaadotni umrii kanatti maal gochuuf baratta jedhan namootarraa irra deddeebiin akka gaafataman yaadatu.
“Ani kaayyoon kiyya barnootni umriidhaan akka hin daangeffamne muldhisuu barbaadeeni.
Ani ilma horsiisee bulaa keessaa bahe. Dhaloota na duuba jiraniif fakkeenya ta’uufin umrii kanaan baradhe. Amma eebbifamee muldhata kiyya milkeefadheera,” jedhan.
Yeroo ammaa hojii akka hin qabneefi erga digirii lammeessoo kanaan eebbifamanii namootarraa dinqisiifannaa argachuun caalaatti dhaabbileen carraa hojii uumuufiif waadaa galan argachuulleen himan Obbo Aliin.