Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Barnoonni dargaggoo si taasisa' - manguddoota ganna 88 yuunivarsitiirraa eebbifaman
Manguddoonni umurii soramaatiin booda yunivarsiitii irraa eebbifaman kunneen umuriin barachuu irraa akka nama hin danqine mirkanneessaniiru.
Umurii namoota lafa kanarra jiraatan hanguma dabalaa adeeme, namoonni gariin ‘yeroo dabalataa’ argatan sooruma booda yunivarsiitii galuuf itti fayyadamaa jiru.
Manguddoonni lammiilee Biraaziil, Indooneeziyaa, Kanaadaa fi Awustiraaliyaa afur mana barumsaatti akka deebi’an BBCtti himan.
Yeroo baayyee yunivarsiitiin gaafa yaadnu kan durse sammuutti nu dhufu dargaggoota barnootaafi bashannanaan dabarsanidha. Manguddoota yeroo baayyee akka piroofeesaraatti malee akka bartootatti hin yaadnu.
Guyyaa Barnootaa Addunyaa UNn kabajamu, Amajjii 24, sababeeffachuun BBC’n manguddoota Indooneeziyaa, Kanaadaa, Biraaziliifi Awustiraaaliyaa maaliif dulluma keessa barnootatti dacha’uu akka fedhan haasofsiiseera.
Biraaziil: ‘Ammallee hawaasa gaarii uumuuf deeggaruu dandeenya’
Antooniyaa Laandgiraaf nama ganna 70 fi barattuu dha.
Namni sooruma bahan kuni giddugala Biraaziil iddoo Nova Xavantina jedhamutti dhalatan, yunivarsiitii Mato Grosso jedhamutti barataa jiru.
‘’Hojii koo idilee Baankii Biraaziil irraa waggaa 10 dura sooruma bahus, callisee mana taa’uu hin dandeenye,’’ jechuun BBCtti himan.
‘’Abbaan warraa koo loon horsiisa, isa gargaaruu nan barbaada. Garummoo waan haaraa barachuun sammuu koo naa ko’omsa.
‘’Jalqabarra Joogiraafii fi Akkaawuntiing baradhe,’’ jedhan
Kuni egaa waggaa 10 duradha. Sana booda Agrookoonomiks barachuutti ce’an.
Jalqaba mana barumsaatti deebi’uu akka barbaaddan hiriyyoota isaaniitti yoo himan,sammuun isaanii nagaa akka hin qabnetti isaan yaadan.
‘’Gariin isaanii yeroo ofii gubuu dha jedhaniiru, ani garuu namoonni dhaloota koo keessa jiran waan fudhatan irra waan kennan baayyee qabu jedheen yaada. Kanaanis hawaasa fooyyeessun gargaaruu danda’u,’’ jedhan.
‘’Kana malees sammuu ofii waan haara banaa gochuun fayyaalessa dha. Waan haaraa barachuuf yoomiyyuu hin barfatu.’’
Umurii isaanii kanaan gara barnootaatti deebi’uun muuxannoo rakkisaa tahe dha, kutaa keessaas namni umriin guddaan isaanuma.
‘’Barsiisota kooyyuu umuriidhaan nan caaala. Teeknolojiiwwan haaraa sooftweerii fi appii fa’itu jiru. Yeroo weeraraa barnoota onlaayiniin kennamuuun baayyee rakkadhe. Takka takka ‘log in’ gochuuuniyyuu ulfaata,’’ jechuun ibsu.
Tahus haala kanatti dafanii itti baruun,kaaniifis fakkeenya tahuun agarsiisaa jiru.
‘’Waanin dalagaa jirutti baayyeen boona, hiriyyoonni koo biroo barnootatti deebi’uun isaanis na gammachiisa. Kaanis ni dhufu jedhee amana.’’
Awustiraaliyaa: ‘Barnooti ijoollee si taasisa’
Ruut Wiilsan maanguddoo ganna 88ti. Yunivarsiitii Siidnii irraa qorannoo kitaaba barreessituu Jeen Ostan irratti taasisaniin Guraandhala darbe PHD isaanii argataniiru.
Isaaniif, ‘’barnooti muuxannoo waan gaariin guutame dha,’’ bu’aan isaa akkasuma baayyee dha. ‘’Barnooti ijoollee si taasisa,’’ jedhu
‘’Wantoota haaraa si dadammqsaniifi si gammachiisan baratta. Addunyaa amma jiru waliinis muuxannoon jireenya kee karatti wal-hidhatu hubatta. Anaaf umurii ammaarra waggaa 20 waanin hir’ise natti fakkaata,’’ jedhu.
Ruut barsiistuu Afaan Ingiliizii kan turan yoo tahu, yeroo ijoollee barattootaa waliin hojjechaa turanitti, ijoolleen waan haaraa barachuuf namoota yeroo gaafatan hubatan.
Akka isaan jedhanitti, ‘’ijoolleen af-gaaffii godhamaafi ture, hariiroo gaarii uumuufi jireenya kallattii haaraa ilaaluu jalqaban,’’
Mudannoo kanatu barnoota dabalataa barachuu akkaan itti fufu na kakaase jedhan.
Haati ijoollee afurii Ruut, ijoollee ijoollee shaniifi ijoollee, ijoollee,ijoollee saddeet qabu.
‘’Ijoolleen koo barnoota koo irratti baayyee na jajjabeessu- an mana barumsaatti deeebi’uu koos akka waan gaaritti fudhatan. Intalli koo isheen tokko PHD gatii qabduuf caasaa yunivarsiitichaa akkan keessa baru na gargaarte.
‘’Mucaan mucaa koo PHD qabdus jirti-isheenimmoo waraqaa qorannoo fi intarneeta irraa odeeffannoo barbaaduu irratti na deeggarti.
Yeroon yeroo dhumaaf baradhe eebbifame bara 1979 gatii tureef, waanti baayyee anaaf haaraa ture.’’
Kanaadaa: ‘Seenaa jireenyaa ammallee barreefamaa jiru’
Loyis Kaameentiiz nama ganna 70ti. Manguddoonni maaliif mana barumsaatti akka deebi’aa jiran baruuf jecha ofii barnootatti deebi’an.
Jalqaba bara kanaa irratti qorannoo barnoota manguddootaa irratti taasisaniin Looyis doktireetii isaanii Yoork Yunivarsiitii irraa argatan.
Dubartoota torba umriin isaanii 50 hanga 60 gidduu jiran qo’achuun, manguddoonni baayyeen mana barumsaatti kan deebi’an mootummaan isaaniif kaffaltii barnootaa waan kaaseef akka tahe baran.
Looyisiif garuu sababiin kaka’umsa isaaniif tahe biraan jira.
‘’Ani maatii koof nama yeroo jalqabaaf barnoota argate dha. Yaadni sirna barnootaa keessa darbuu jedhu hundi, anaaf waan haaraa dha,’’ jechuun BBCtti himaniiru.
Intala godaantotaa warshaa keessa hojjetaa turanii waan tahaniif qarshii barnoota olaanoof kaffaluufi hin dandeenye ture. Garuu carraan kuni booda dulluma keessa argame.
‘’Dubartoonni ani dubbisees kana sirriitti ibsu. Dubartiin tokko dirqama jireenyaa baayyee lafa keessee waan ofii ishee gochuu barbaaddu irratti yeroo dabarsiti.’’
Looyis dubartii tahuun immoo dubbii akkatti jabeesse himu.
‘’Jireenyi dubartii sababa da’umsaan, ijoollee fi itti gaafatamummaa maatiin salphaa miti. Kanaafin dubartoota dulluma keessa PHD isaanii hojjetan qorachuun gaaffii mataa koof deebii naa kenna jedheen ka’e.’’.
Kaayyoon qorannoo isaanii safuu manguddoonni mana barumsaatti deebi’uu hin danda’an jedhu cabsuu dha jedhu.
‘’Yaada yeroo dullooman kufuufi dadhabuu jedhu gara seenaa barreessuu itti fufuu kan jedhutti geeddara,’’ jedhu.
Indooneeziyaa: Ammallee barachuu ni dandeenya taanaan, dhaabuu hin qabnu’‘
Waggaa lama dura, Laa Odee Muhaammad Sidiik nama ganna 87 yoo tahan Yunivarsiitii Muhammadiyaah, Butoon irraa eebbifaman.
Kana gochuun abjuu isaanii fiixaan akka baafatanitti ilaalu. Ammallee barnoota isaaniitti itti fufuuf fedhii qabu.
Barsiisaan duraanii kuni yeroo hunda yunivarsiitii galuu barbaadu ture. Tahus ijoollee bulchan sagal waan qabaniif abjuu isaanii tursiisuun isaanirra ture.
Bara 2012tti garuu ilmisaanii hangafaa yunivarsiitiitti akka deebi’an isaann jajjabeesse.
Yeroo barnootaaf galmaa’an nama ganna 78 turan. Waggaa lama erga barataniin booda garuu, dhukkubsatan.
‘’Waggaa tokkoof dhukkubsadhee, wal’aansa baqaqsanii hodhuu piroosteetii taasisuun narra ture,’’ jechuun BBCtti himan.
Laa Odeen yeroo fayyan abdii kutachuu hin barbaadne, maatiinis isaan deeggaru ture.
Mucaan mucaa isaanii yeroo isaan eebbifaman waliin turte akaakayyuun ishee takkaa rakkisanii akka hin beekne dubbatti.
‘’Yeroo hunda daree gala, takka takka dhukkubsatus barnootasaa garuu hordofuu hin dhiisne,’’ jechuun ibsiti.
Waggoota torbaan booda Laa Odeen gargaarsa barataa isaanii duraanii Nadiir Laa Jamuudii amma barsiisaa isaanii taheen waraqaa qorannoo isaanii hojjetanii digrii jalqabaa isaanii argataniiru.
‘’Waa’ee isaaniif galatan galcha-namoota gaarii akka tahan isaan barsiise, amma beekumsi sun ana deebisee fayyadaa jira,’’ jedhu waa’ee barattoota isaanii duraanii yeroo haasa’an.
‘’Barachuu dandeenya taanaan, barachuu dhaabuu hin qabnu. Yeroo fi qarshii yoon argadhe, ammallee digrii maastarsii barachuu fedha,’’ jedhan.