Saaroo Galgaloo: Barataa kutaa 11ffaa horsiisee bultoota ifatti baasaa jiru

Saaroo Galgaloo Waaqoo jedhama. Godina Boorana Aanaa Mataa Wayaamaa, Ganda Mataa Arbaatti dhalate guddate. Mana Barumsa Qophaa'ina Borboritti barataa kutaa 11ffaa kan damee saayinsii uumamaati.

Saaroon guyyaa Sanbataa lamaan Magaala Borbor bakka itti baraturraa fageenya kiilomeetira 43 miilaan deemuun bakka qubsuuma maatiisaa, Ganda Mataa Arbaatti gala.

 Ollaa sanattis rakkoon uumanni qabu itti mul’achuu ibsa. “Barumsa dhabuu irraa kan ka’e hawaasni ganda keennaa lakoofsa bilbilasaanii addaan baaffachu hin danda’an.

Guyyaa lamaan boqonnaa galuu kana (Sambataa fi Dilbata) maatii tiyya dabalatee jiraattonni hedduun namoota dhimmaaf bakka ta'eetti bilbilachuuf akka ani gargaaru na gaafatan.”

Saaroon rakkoo tana furuufis namoota ganda bulchuun yaada ga’e, hawaasa marisiisuu hima.

 “Namoonni dheebuu barnoota waan qabaniif, dafanii yaada kana fudhatan, xiqqaa guddaan itti hirmaatan,” jedha. Waggaa jalqaba mana barumsa ganda isaanii jirutti barsiisa ture.

Miidhaa hamaa hongee dhaqabsiisee irraa kan ka’e uumanni gandarraa buqqa’e akka deeggarsa argatan bakka tokko qubsiisan.

Saaroonis ummata sababii hongeetiin deeggarsa barbaaduuf qe’eesaanii irra buqqa’an tokko walitti qabee barsiisun qubee isaan lakkoofsisaa jira.

Innis erga bara 2019 sababa weerara Covid-19n barumsi addaan citee kaasee waggaa sadiif hawaasa isaa barsiisaa jira.

“Manni baruumsaa wayita hin jirreetti, yeroo boqonnaa kana ollaa sana deemeen muka jalaatti namoota waliti qabuun barsiisaa jira," Saaroon.

Saaroon hawaasni kun bilbilachuu qofa utuu hin ta’in, qubee Afaan Oromoo fi Herreegaa akka baratan murteesse namoota umuriin qooduun barsiisuu eegale.

“Namni akka sadii baratu. Namoonni gurguddaan (manguddoota umurii 60 gadii) guyyaa sa’aa sagal irra eegale hanga sa’aa kudhanii tokkootti bakka lamatti adda qodamuun baratu.

 Ijjoolleen horii tiksan ammoo galgal galte bakka tokkotti baratti,” jedha. Waggaaa sadeen kana keessatti barattoota 94 ol kan manguddoo ta'anii fi ijoollee umurii waggaa 5 - 30 gadii kanneen hiree barnootaa dhabanii hafan 123 ol barsiiseera.

Isanis yeroo ammaa sadarkaa barnoota isaanii kan kutaa 1ffaa guutumatti baratanii xummuraniiru.

Bara kana ammoo barattoota haaraa reefuu tokko jedhanii qubee Afaan Oromoo barachuu eegalan 112 ta'an galmeessuun barsiisaa jiraachu hima.

Saaroo Waaqoo eennu?

Saaroo Galgaloo Waaqoo Godina Boorana Aanaa Mataa Wayaamaa Ganda Mata Arbaatti dhalatee guddate.

Haadhisaa Ijjoollee sagal qabdi, isaan keessa inni 7ffaa, garuu kan barate isa qofa. Kuni fedhii maatii utuu hin ta’in rakkoon uumamaa fiduu dubbata.

“Ani akkumaa ijjoollee horsiisee bulaa, jabbii re’eefi loowwan tikseen guddadhe. Waggaa 11 dura, akkuma bara kana hongeen hamaan godinichatti buutee uumannii horii dhabe.

“Horiin keenna dhumnaan, amma barachuu qaba jedhe ofi kiyyaan murteeffadhe, maatii bira deeme gara magaala Borbori fira biratti galuun barnoota eegale" jedha.

Saaroon hojii hojechuun of barsiisuu dubbata, Kutaa 1 hanga afurii guyyaa barachaa galgala ammoo gaarii mi’an fe’anin hojechaa ture.

Gaafa kutaa shan ga’u, motoorii oofuu barate , hojii argachuun hanga kutaa torba akkanaan baracha ture. Osoo deegarsa maatii hin argatin barate amma kutaa 12 deemuuf galma’e jira.

Barumsa isaa irratti deeggarsa godhuuf baatan, amma sagantaa inni eegale kanaaf isaanis gammachuu guddaa qabaachuu ibsa.

“Akka malee gammadan, kun waan waaqii jaalatuu jechuun na jajjabeesa jiran, namuu waan gaarii hojachaa jirta itti fufii jedhani yaadaan na deeggarani.”

Namoonni baratan maal dhugaa bahu?

Aaddee Lookoo Saarat Waaqoo kan ganna 60 barattoota Saaroo keessa tokko. Isheenis haadhaa ijjoollee saddeetii yoo taatuu, egii barumsa kana eegalte ji’a sadii ta’u himti.

“Ijjoollee tiyyaa afur nan barsiifadhe, taan asi waliin barachuutti jirra. Asiin dura maqaa namaa bilbila keessaa baaffachu hin beekuu.

 Yoo namni naaf bilbilees kun eeennu jedhe nama gaaffadha." “Amma ammoo maqaa ofumaan baaffachuu danda’a.

Duraan qubee tokkoo ta ‘a’ jettu hin beekuu, amma galata isaatii fi kan Waaqaa qubee guddoo fi xiqqoo ejje dubbisee biraa deema,” jetti.

Aaddee Lookoon dargaggeessa kana baay’ee dinqisiiffachuu ibsiti. “Galata guddaa qabaaf gurba kanaaf.

Jaalatee sammuusaa keessaa miindaa tokko malee, kan barnoota isaatu harka qabu, sa’aatii boqonnaasaa dhiisee, waan beekuu nu barsiisuun mataa nu banaa jira.

“Akkanaan gaaddisa mukaa jalatti, sanuu mukni sunuu kan baala tokko hin qabne, bakki irra teennu hin jirreetti nu barsiisee ifatti nu baase,” jetti.

 Isheenis namoota hongee horiinsanii dhabuun deeggarsa argachuuf bakka tokkotti walitti qabaman keessatti tokko. “Guyyaa aduu, galgalli qorra, amma waan biraa hin qabnu. Bakkuma deeggarsa eeggataa jirruutti ammoo barachaa jirra” jechuun dubbatti.

Aab Jaattanii Sooraa, maanguddoo umurii waggaa 50 ol yoo ta'an, baruumsa dargaggoo kanaatiin jijjirama argachu hima.

Namoonni isaanii waliin guyyaa baratu gara 41 ta’u dubbatu. Hundisaanii haadholii fi abbootii warraati. “Manguddoo irra kaasee uummanni guddoo itti hirmaate barachutti.

Barsiisaa tokkicha kanaan lakoofsi nama baratuu baay’eedha. Ta’us akka malee jaalanna, maan jennaan sa’aatii ofi fudhate waan mataasaa keessaa qabuu nu barsiisaa jira,” jedha maanguddoon kun.

 Yaaddoon isaan qaban garuu yoo manni barumsa baname, Saaroon barnootasaa itti fufuuf Borboritti deebi’a.

“Rakkoo guddaa keessa jirra, yoo gurbaan kun nu biraa socho’e, yoo deeggarsa nu godhanii nama biraatiin bakka buusan malee, barachuu dhiiifna?'' jedhu.

Jijjiirama argame

Hawaasni fedhii barumsa olaana qabachuu kan himu Saaroon, eegii sagantaa kana jalqabe jijjirama guddaa uummataa irratti arguu ibsa.

“Namoonni jalqabarraa hanga amma sagantaa kana keessa jiran, heddunsaanii maqaa namaa bilbila isaanii keessaa baafachuu danda'uu bira dabranii, Afaan Oromoo guutumaa guutuutti qubeessuun dubbisuuf barreessuu danda'an.

Akkasumas herreega barachuun ida’uu danda’an,” jedha. Ijjoolleen horsiisee bulaa rakkoo hamtuu keessa jirti kan jedhu dargaggeessi, kun namoota maatiinsaanii nama horii tiksuuf dhaban, kan baruumsarraa hafuun tiksan hedduudha jedha.

 “Kun waan baay’ee nama dhibu. Maan jennan bara cufa akkanuma horiin dhuma, yoo harka qullaa hafan kaan ijjoolleen barattee isaan deeggartu waan hin jirreef, maatiin hedduu bona kana haala hamaa keessa jirtu.”

 Saaroon barsiisaa ta’uuf duraan yaadaa hinqabu, rakkoo uumanni keessa jiru irra ka'uumsa garuu barsiisaa ta’e.

''Barsiisaa ta’uu hin jibbu, garuu yaadni kiyyaa adda ture'' jedha. “Ani waan bulchiinsa uumataa barachuuf fedhii guddaa qaba.

Gaafaa kutaa 6 fi 7 jiru kana baradha jedhee murteesse, garuu hiriyyoonni tiyya [baruumsa saayinii uumamaa] galmeeffachuu qabda jedhanii amma saayinsii uumamaa barchaan jira.

 “Hataa’u malee digrii jalqabaa ergan fudhadhee, lamaffaa irratti kan bulchiisna hawaasaa sana barachuun dirqama.”

Ammaatti kutaa 12ffaa barachuuf karoora kan qabu Saaroon, yaadni rakkisaan isaa mudachuu hima. “Abjuu tiyya dhiisee uumataa kiyya keessa ture barsiisuu fedhii guddaa qaba, ammo duraan nalleen barachuu qaba. Kun akka malee na dhibdeera,” jedha.

Garuu barattoonnisaa manguddoo tahan akka wanti inni eegale kun adda hin kutamne barsiisaan biraa akka deeggaramuuf hogganoota aanaa gaafataniiru. Isaanis akka yaalii taasisan waadaa galaniiru.