Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el fi Hezbollaan haleellaa walirratti raawwatan
Waraanni Israa'el, dachee Libaanos keessaa rokkeettiifi Misaayela gara Israa'elitti dhukaasuuf sochii godhamu erga hubatee booda haleellaa banuu ibse.
''Balaa ofirraa qolachuuf jecha, yaaddoo maqsuuf, Humni Ittisaa Israa'el shororkeessitootarratti qiyyaafatee haleeleera'' jedhan dubbii himaan ittisa Israa'el Dani'eel Hagaarii.
Israa'el kutaawwan hidhattootni Hezbollaah kan Iraaniin deeggaraman keessa socha'an keessa uummatni nagaa jiraatu akka baqatu akeekkachiisa kennuu ibsiti.
Akeekkachisa kana booda osoo hedduu hin turiin Hezbollaan haaloo ajajaa waraanaasaa ji'a darbe Libaanositti Israa'el ajjeeftee bahuuf haleellaa diroonii bal'aa raawwachuu beeksise.
Dilbata barii kutaalee Kaaba Israa'el keessatti haleellaan rookkettii aggaamamuu akeekuuf sagaleen akeekkachiiftuu dhagahameera.
Haleellaa Hezbollaa kanaan miidhaan qaqqabe ammatti hin gabaasamne.
Humni Ittisaa Israa'el ibsa baaseen, ''Hezbollaan misaayeloota 150 ta'an Libaanos keessaa gara dachee Israa'elitti dhukaaseera'' jedhe.
Booda ibsa kan kennan Hagaariin ''xiyyaaronni waraanaa humna qilleensaa Israa'el ammaan kana Kibba Libaanos keessatti xiyyeeffannoowwan adda baase haleelaa jira'' jedhan.
Hezbollaan gama isaan rookkeettiiwwan Katyushaa jedhaman 320 dhukaasee buufatalee waraanaa fi kutaa waraanaa walumatti 11 ta'an haleeluu ibse.
Ministirri Muummee Israa'el Beenjaaamiin Netaaniyaahuu kabineesaanii dhimma nageenyaa walgahii atattamaaf waamuu beeksisan.
Waajirri Ministira Muummee Israa'el ibsa baaseen Netaaniyaahuufi Ministirri Ittisaa Yu'aav Gaalaant waajira Raayyaa Ittisaa Israa'el Tel Aviiv jiru irraa 'haalicha to'achaa jiru'' jedhe.
Hezbollaan gama isaan ibsa baaseen haleellaan Isra'eel irratti bane ''weerara hamaa warra Tsiyoonii(Zionist) wareegamuu Fu'aad Shukiiriif sababa ta'eef'' deebiidha jedheera.
Ajajaa waraana humnoota Musliima Shiyaa ta'anii kan ture Fu'aad magaalaa guddoo Libaanoos, Beeruut keessatti haleellaa Israa'el raawwatteen ji'a darbe ajjeefame.
Ajjeechaan isaa walitti bu'insa qaamolee lameenii haa hammeessuyyuu malee ji'oota 11 dura Israa'eliif Hamaas gidduu Gaazaatti lolli erga dhalatee booda Hezbollaan Hamaasiin deeggaree Israa'el irrratti dhukaasaa ture.
Hamaasiifi Hezbollaan humnoota Iraan gama hedduun gargaartudha.