Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bulchiinsa Ameerikaa hojjattoota baqattootaa hawwachuuf yaalaa jiru
Filannoo pirezidaantii Ameerikaa Tiraampi mo'ate booda muudamni haaraan kennamaa jira.
Tiraampi tarkaanfiin isaa jalqabaa godaantota seeraan alaa biyyaa baasuu akka tahe himuun hoggana haaraas muudeera.
Haa tahu malee, kutaan bulchiinsa Ameerikaa Alaaskaan hojjettoota hedduu barbaaddi.
Alaaskaa kan galoo galaanaa dhiheenya laga Kooppaaritti argamti.
Magaalaa tunis qurxummiin adda baafamti.
Warshaa qurxumiin itti qopheeffamu keessaa hedduunsaanii laaqana nyaachuuf bahaa jiru. Haata'u malee kan isaaniif dhiyaatu nyaata Ameerikaa miti. Soorata Meeksiikoo Taakkoo fi Toritiiyaa jedhamaniidha.
Hedduun isaaniti maallaqa argachuuf jecha fageenya kiilomeetira hedduu qaxxaamuruudhaan hojiidhaaf gara magaala warshaa qurxummii qopheessuun beekamu kanaa dhaqan.
''Bara darbe baatii afur qofa keessatti doolaara kuma 27 hojjadheera'' jedhan Edigaar Sheegaa Gaarshiiyaa. Meeksikootti galiin maatiin tokkoo waggaatti argatu doolaata 16,269dha akka ragaa Dhaabbata Guddinaa fi Walta'insa Diinagdee (OECD)tti.
Koordoovaatti yeroo baayyee qorradha. Haalli ho'asaa zeeroodhaan gadi. Roobni cimaafi cabbiin akka urkaa kan barameedha. Waqtii Poolaar naayiiti jedhamuutti ammoo baatii lamaaf biiftuun hin baatu.
Haata'u malee tibba ho'aatti guyyaansaa ifaa ta'a. Jiraattoonni naannichaatiis gosa qurxummii saalman kan naannichatti beekamu kiyyeessuuf gara lagaa bu'u.
Jiraattoota magaalattii keessaa wallakkaan ol kan warshaa qophii qurxummii keessa hojjataniidha. Qurxummii qopheessuun, saamsanii gabaaf dhiyeessuun humna hojjataa baayyee gaafata.
Kutaan humna namaa bulchiinsa Alaaskaa akka jedhaniitti, hojjattoonni bulchiinsa keessatti warshaalee qurxummii oomishan keessa hojjatan keessaa harki 80 ol kan naannoolee biraarraa dhaqaniidha.
Hojjattoonni bulchiinsoota AMeerikaa kaan irraa dhaqan jiraatan illeen, irra caalaan isanii kan Yukireen, Peeruu, Tarkii, Filiippiinsi irraa dhaqan yoo ta'u, baayyeensaanii ammoo Meeksikoorraayi.
Maallaqni warshaalee oomisha qurxummii keessatti kanfalamu fi haalli hojiisaa kan biyyasaanii irra fooyya'e ta'e akka argatan dubbatu.
Hojjataan warshaa omiisha qurxummii tokko sa'aatiitti doolaara 18.06 argata. Kunis kka Itoophiyaatti sa'aatiin birrii 2,200 ol akka jechuuti. Kanneen sa'aatiidhaan hanga doolata 27 kanfalamuufis jiru.
Sa'aatii hojiitiin ala turanii kan hojjatan yoo ta'e ammoo haala seera Alaaskaatti dabala parsantaa 50 argatu.
Warshaalee baayyeen mana jireenya ni qopheessuu hojjattootaaf. Guyyaatti yeroo sadi nyaatas ni dhiyeessu. Kun ammoo hojjattoonni akka maallaqasaanii olkaawwataniif carraa uumeefiira.
Kordoovaatti maallaqa haalli itti baasan xiqqaa ta’uunsaa ni gargaara. Manneen fiilmii ykn mooliin daldalaa hin jiran. Guyyoota qilleensi qurxummii akka hin kiyyeessine isaan dhorkudhan kan yeroo baayyee kanneen qurxummii kiyyeessan kan mana dhugaatii magaalattii tokkicha keessatti dhugaa poolii taphatan.
Maqaan maan dhugaatii kanaatiif sababii ta'en mallattoon isaa gadi garagalfamee fannifamee jira.
Akkasumas bakka fagoo akka Kordoovaa kan xiyyaaraa fi bidiruu qofaan dhaqqabamu kanaattis dhaabbileen baasii imalaas hojjattaaf ni haguugu.
Haalli jireenyaa qananii miti. As warshaa Kordoovaa keessatti hojjettoonni siree olka'aa, kutaa tokkotti afur qabatu, konteenara doonii gara mana cisiichaatti jijjiirame keessa rafu. Uffata gannaa isaanii ammoo kutaa xiqqaa keessa galchuun olkaawwachuu qabu.
Hojiin isaas ulfaataadha. Yeroo baayyees dabareen hojii bariidhaan kan jalqabu yoo ta'u, sa'aatii 18 fi isaa ol kan turuudha. Hojjettoonnis guyyaatti qurxummii kiiloo kumaatamaan lakkaa'amu qopheessuuf ariifatu.
Edgaar, konveyeerii irratti hojjechuudhaan, haaduu lama fayyadamuun lafee dugdaa, dhiigaa fi keessoo qurxummii baasuun hojjata. Fooliin qurxummii uffataafi qaamasaarratti hafulleen hojiicha ni jaalata.
Galii Alaaskaa argateen Meeksikootti deebii'ee jireenya gaarii jiraachu danda'a. Maatiinsaas magaalaa daangaa Meeksiikaalii jedhamtu keessa jiraatu. Ijoolleensaa afuris hanga inni hojiisaa xumuree gara biyyaa deebii'uutti eegaa jiru.
Alaaskaan galiishee qurxummii horsiisuudhaan oomishicha qopheessuun gabaaf dhiyeessuudha.
Waggaattis qurxummii gara kilogiraama miiliyoona 2.2 (tooniii 2,268) fi nyaatawwan galaanaa gara biraa saamsuudhaan baasuu. Lakkoofsi kunis oomisha Ameerkaa waliigalaa keessaa walakkaa ta'a.
Dhabbiileen oomisha qurxummii kan akka 'Ocean Beauty Seafoods and Trident' jiranis Alaaskaatti warshaalee baayyee qabu.
Kanaafiidha kan buulchiinsi tunis hojjettoota dabalataa kan barbaadduuf. Hojjattoonni biyya alaa indaastiricha keessatti baayyee waan ta’eef, bara 2023 mootummaan Ameerikaas hojjettoota godaantootaa Alaskaa keessa jiraniif viizaa yeroosaanii yeroo dheeraan akka dheereffamuuf raggaasisuu jalqabe.
Bara 2022tti baay'inni viizaa kuma 66tti kan murtaa'e yoo ta'u, bara 2023 fi 2024tti garuu lakkoofsi sun naannoo kuma 130tti ol guddateera.
Magaalaa Kordovaa keessaa warshaa oomisha qurxummii xiqqoo kan qabu Riich Weelar, hojjattoota lammiilee Ameerikaa waliin yeroo baayyee walitti bu;aa akka ture dubbata.
Yeroo baayyee qoricha sammu hodoochu fayyadamu, osoo hayyama hin gafatiin hafu, dhugaatii fudahtu jedha.
Haata'u malee erga lammiilee Meeksiikoo mindeesseen booda warshaansaa caalaa oomishituummaan dabalu dhugaaa baha.
Hojjettoota godaantootaa hedduudhaaf, qormaanni guddaan Alaskaa keessatti hojjechuuf, namoota jaallatan yeroo dheeraaf gargar bahu.
Haati Edgaar Roozaa, Veegaan waggoota 18'f imalashee waggaa waggaan gara Alaskaatti taasisaa turte.
Maanguddoon ganna 67 tunis waa'ee haadha ishee maanguddoo Meeksikootti deebitee yaaddoo keessa jirti.
Kutaa waliinii qoodamuun keessa jiraatan keessatti Roozaan bilbilaan haadhashee bilbiluuf yaalti.
“Baay’ee dulloomteetti, yeroo dhiyoo asitti akkan hin dhufneef na gaafachaa turte,” jetti Roozaan.
Barri kun keessumaa qormaata guddaa ture. Roozaan gara biyyaatti deebi'uuf beellama qabattee guyyaa lama dura haatishee dhiigni sammuu keessatti dhangala'uun hospitaala akka galte barte.
''Umuriinshee waggaa 87. Yeroo kamiitti darbu akka dandeessu nan beeka garuu yeroo sana ani Alaaskaa ta'uun danda'a.''
Haata'u malee haaluma wal fakkaatuun, mindaa Roozaan Alaaskaa keessatti argattuun wallaansa haadha isheetii kanfalu kan dandeesse.
Filannoo pirezidaantii Ameerikaa dhufu irratti Doonaald Tiraamp godaantonni seeraan alaa Ameerikaanota irraa hojii fudhachuuf dhufan irratti “weerara” akka ta’e akeekkachiisan.
Kaamalaa Haaris ammoo daangaa eeguu fi sirna immigireeshinii “cabe” sirreessuuf waadaa galaniiru.
Kordoovaatti ammoo baay'inni hojjettootaa hojii barbaacha gara magaalattii dhaqan lakkoofsi ummata magaalattii kan 3,000 gadi ta’ee, dachaa sadii akka dabalu taasisa.
Haa ta'u malee kantiibaan magaalatii Daaviid Alsan, godaantoonni magaalatiif deeggartoota diinagdee ijoodha malee hojii saamuudhaan yaaddoo miti jedhan.
Waggootaaf warshaalee qaruuraa keessa hojjetee sababii beekuuf, osoo “gaazexaa Alaskaa irratti hojjettoota 250 na barbaachisa jettee beeksisa baaftee kan iyyannoo galchu 20 ol akka hin arganne” muuxannoo irraa beeka.
Hojattonni godaantotaa osoo hin jiraannee ta'e, qurxummiin jiraattoonni naannichaa kiyyeessan manca'uudhaan gatii dhaba ture jechuun dubbatan Alisan.
“Harki kana hojjatu osoo jiraachu baatee qurxummiin kun hin hojjetamu ture, osoo qurxummii kiyyeessuudhaaf hin taane ta’ee ammoo kun tarii magaalaa hafuuraa ta’uu hin oolu,” jechuun ibsan.