Netaaniyaahuu: Waraanni Gaazaa mariin akka hin dhumneef gufuudha maaf jedhama?

Beeniyaamin Netaaniyaahuu

Madda suuraa, EPA

Israa’el biyya taatee erga hundooftee waggoota 76 darbe keessatti ministirota muummee biyyattii gaggeessan keessaa waggaa dheeraa gaggeessaa ta’uun kan Beeniyaamin Netaaniyaahutti dhiyaatu hin jiru.

Netaaniyaahun umurii dargaggummaatti mi’aa aangoo dhandhamuu kan eegale. Gaggeessaa Israa'el duraanii Yisaaq Raabin ajjeefamuu hordofee Shimoon Pereez wajjin filannoof dorgomuun ministiira muummee dargaggeessa jedhamuun bara 1996 aangoo qabate.

Nama waraana jaalatu jedhamuunis beekama. Maqaa masoo ”Bibi” jedhamuunis beekama. Bara bulchiinsa isaa Israa’el humna waraanafi teeknolojiin Baha Giddu Galeessaa keessatti baatee akka mul’attes himama.

Netaaniyaahun Waraana Guyyaa Jahaa bara 1967tti gaggeeffameefi Waraana Yom Kippuur bara 1973tti gaggeeffame keessatti loltu ta'uun tajaajileera. Garee waraanaa Israa'el oppireeshinii ciccimaa gaggeessun beekamu Sayereet Matkaal jedhamuun beekamu keessas tajaajilaa ture.

Siyaasatti osoo hin seenin dura Massachusetts Institute of Technologyitti barateera.

Baruumsa ammayyaa, kan waraanaafi siyaasaan of ijaarun umrii dargaggummaan siyaasa keessatti of arge. Gaggeessitoota isa duraan turan caalaa nama 'gamnaa' fi ejjannoo leellistummaa qabuudha jedhama.

Waraana amma Gaazaatti gaggeeffamaa jiruun wal-qabatees waraanni kun karaa nagaan xumura akka hin arganneef gaggeessitoota Hamaas ajjeesuu dabalatee ejjannoo hin jijjiiramne qabateera jedhamuun kaabinootafi gaggeessitoota waraanaa dabalatee ifatti komiin irratti dhiyaata.

Netaaniyaahun dhuguma Gaazatti waraanni akka itti fufu barbaadaa? Maalif? Baha Giddu Galeessatti waraanni yoo babal'ate waraana bakka garaa garaa irraa itti dhufu qolachuuf bulchiinsi Netaaniyaahuu qophiidhaa? Kanneen jedhan irratti xinxaala kana qopheessineerra.

Mootummaan Israa'el garee leellistootaan dhuunfatamu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Beeniyaamin Netaaniyaahuu ilaalcha siyaasaa leellistummaa hordofuusaatin garee leellistootaa qabanifi qubsuma seeraan alaa Weest Baank fa'aa keessatti gaggeeffamu deeggaran biratti hedduu jajajama.

Keessumaa rakkoon siyaasaafi wal-dhabdee Israa'elifi Filisxeem gidduutti erga dhalatee baroota heddu lakkoofsise karaa nagaan furuu irratti ejjannoon Netaaniyaahuu durii kaasee 'dhimma nageenyaan wal-qabsiisuu' kan jedhuudha.

Warraaqsi uummanni Filisxeem gaggeessan (Intifada) Israa'el yeroo hunda gaaffii uummata Filisxeemif deebii humna waraanaa qofaan akka hin laanne barumsa guddaa kan kenne ture.

Warraaqsi lubbuu lammiilee Israa'elifi Filisxeem gaaga'e kun dhumaratti Israa'elifi Dhaabbanni Bilusmmaa Filisxeem (PLO) mariif akka taa'an isaan dirqisiise.

Jaarsummaa Ameerikaatiin bara 1993tti Waliigalteen Osloo (Oslo Accord) jedhamu Israa'elifi PLO gidduutti mallattaa'e.

Akkaataa waliigaltee kanaan Israa'el PLO akka dhaabbata uummata Filisxeem bakka bu'uufi seera qabeessatti beekamtii yoo kennituuf, PLOnis Israa'elif beekamtii kennuun haleellaa kamuu Israa'el irratti akka hin raawwanne, akkasumas akkaataa itti Filisxeem biyya walabaa taatu irratti toora tooran waliin hojjachuuf waliif mallatteessan.

Waliigaltee kana kan mallatteessan Ministiira Muummee Israa'el yeroo sanaa Yisaaq Rabiinifi gaggeessaa PLO kan ture Yaasir Arafaat turan.

Waliigalteen Yisaaq Raabin mallatteessee gale Netaaniyaahuu dabalatee garee Israa'el leellistoota ta'aniif hin liqimfamne.

Yisaaq Raabin garee leellistoota Israa'el Filisxeem wajjin walii galteen godhamuu hin qabu jedhanii amaniin ajjeefame.

Osoo Yisaaq Raabin hin ajjeefamin durayyuu akkuma Israa'el Walii galtee Osloo mallatteessiteen 'Yisaaq Israa'el gurguree gale' jechuun Netaaniyaahun ifatti nama mormee tureedha.

Yisaaq Raabin ajjeefamee ji'oota booda filannoon gaggaeeffamee bakkasaa bu'uuf Netaaniyaahufi Shimoon Pereez duula filannoo gaggeessan. Netaaniyaahun Waliigalteen Osloo "nageenya Israa'el yaaddoo keessa kan galchuudha" jechuun deeggartoota biratti fudhatama guddaa akka argatu taasise.

Filannoo gageeffameenis Shimoon Pereez mo'uun bara 1996-1999 ministiira muummee Israa'el ta'uun tajaajile.

Filannoo ittaanurratti mo'amuun, garuummoo Paartii Liquud, kan leellistoonni itti heddummatan, keessatti beekamtiinsaa ittuma fufe.

Bara 2006-2009tti Ministiira Dhimma Alaa Israa'el ta'uun tajaajileera. Warraaqsi Filisxeemotaa Lammaffaan (Second Intifada) ka'uun ammoo akka ijjannoo waraanaa qabu cimsee itti fufu isa taasise.

Israa'el Filisxeemotaaf beekamtii kennuun "nageenyi Israa'el yaaddoo keessa akka galu godheera" jechuun filannoo ittaanuf balbala banaa argate.

Israa'el Gaazaa gadi dhiistee bahuunis sirrii akka hin taane ifatti mormuu eegale. Bara 2009 ministiir muummee ta'uun gaggeessumaa biyyaatitti deebi'e. Waliigalteen Osloo hojiirra oolun hafe.

Kanaaf ammoo sababni Israa'el Filisxeem irraa yaaddoo nageenyaa qabdi kan jedhuufi Bulchiinsi Filisxeem (Palestinian Authority) malaammaltummaan kan keessatti dagaagefi rakkoo nageenya Weest Baankitti dhalatuuf Bulchiinsi Filisxeem furmaata hin laanne kan jedhuudha.

Kanarraa ka'uun gaaffin lammiilee Filisxeem wal-tajjii addunyaarraa dhokataa deeme. Onkoloolessa 7, 2023 Hamaas Israa'el irratti haleellaa tasaa banuu hordofee waraanni Gaazatti eegaluurraa kan ka'e gaaffin Filisxeem deebi'ee ajandaa addunyaa ta'e.

Hamaas Israa'el irratti haleellaa banuuf sababoota kaa'e keessaa magaala Yerusaalemitti kan argamu mooraa Masjiida Al-Aqsaa (Temple Mount) qondaalonni siyaasaa Israa'el irra deddeebin seenuun tokkoodha.

Mootummaan Beeniyaamin Netaaniyaahuu Yihuudoota leellistoota ta'aniifi Gaazatti waraanni akka itti fufu barbaadaniin kan guutameedha.

Itaamar Ben Giviir

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Nageenya Biyyaalessaa Israa'el Itaamar Ben Giviir mooraa masjiida Al-Aqsaatti daawwannaa yoo taasisan

Ministiira Nageenya Biyyaalessaa Israa'el kan ta'e Itaamar Bengaavir mooraa Masjiida Al-Aqsaa keessatti Yihudoonni kadhata akka gaggeessaniif irra deddeebin waamicha taasisa.

Yeroo heddus mooraa kana keessa seenudhaan lammiilee Filisxeem birratti dheekkamsa uumera.

Lellistoonni Yuhudii ta'an barcuma mootummaa Netaaniyaahuu dhunfatan kun hedduunsaanii Weest Baank akka lafa Yihudootatti ilaalu. Samaariyaafi Yihudaa jechuunis waamu.

Lakkoofsi Yihudootaa achitti akka baay'atuuf aangoo mootummaa qabatan fayyadamuun qubsumni Yihudootaa Wees Baankitti akka gaggeeffamu jajjabeessu.

Wal-diddaa humna waraanafi MM Netaaniyaahuu gidduu jiru

Israa'eliif Hamaas gidduutti waraanni akka eegaleen, Netaaniyaahun hidhattoota Hamaas "balleessinu malee duubatti hin deebinu" jechuun dhaatanii waraana Gaazatti duulchisan.

Erga waraanni eegalee ji'a sagal guutus Hamaas balleessuu hin dandeenye. Humni Waraana Israa'el lola qofaan osoo hin taane furmaanni siyaasas akka barbaadamuuf irra deddeebin Beeniyaamin Netaniyaahuf yaada dhiyeessanis furmaanni siyaasaa hin argamne.

Kanarraa ka'uun Ministiira Ittisaa Israa'el kan ta'an Yaa'ov Galaantifi MM Beeniyaamin Netaaniyaahuu gidduutti muddamni erga uumamee bubbuleera.

Roonan Bergmaan barreessafi Niwu Yoork Taayimsiif kan barreessu yoo ta'u waa'ee tikaafi waraana Israa'el xinxaala kennuun beekama. Waraana Gaazatti gaggeeffamu ilaalchisee CNNf yaada kenneen humni waraanaa faallaa MM Netaaniyaahuu dhaabbatee akka jiru hime.

"Humni waraanaa guutummaan Yaa'ov Gaalant wajjin hiriiree jira. Inni kan jedhu, namoota butaman kan lubbuun jiran deebisuudhaf yeroon itti waliigalteerra gahan amma kan jedhuudha.

"Qondaalonni waraanafi Yaa'ov Gaalant [minitiira ittisaa] waliin kan jiran Netaaniyaahutu waliigalteen akka hin mallattoofnef danqaraa ta'e jedhanii komatu," jedha Roonan.

Beeniyaamin Netaaniyaahufi Jo'aav Gaalant

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Muummee Israa'el Beenjaamin Neetaniyaahuu fi Ministira Ittisaa biyyattii Yo'aav Gaalaant

Akka Roonan jedhutti Netaaniyaahun waraanni Gaazaa akka itti fufuuf fedhii qabaachun alatti kabinoonni mootummaa biyyattii leellistoota ta'an duuba taa'anii Hamaas wajjin walii galteen akka hin taasifamneefi waraanni itti fufuuf dhiibbaa godhu.

"Namoota butaman gadi lakkisiisuf jecha waliigaltee waraana dhaabuu [Hamaas wajjin] ni mallatteessita yoo ta'e, mootummaa ni diigna jedhuun," jechuun kuni ammoo gama tokkoo fedhii MM Netaaniyaahuu akka ta'e kaasu.

Wal-dhabdeen humna waraanaafi Netaaniyaahuu gidduu jiru kan biraa waraanni Gaazaatti erga dhaabbatee booda Gaazaan bifa kamiin buluu qabdi kan jedhurratti tarsiimon lafa taa'e jiraachuu dhabuusaati.

Waraanni Gaazaa erga dhumee booda akkaataa Gaazan itti buluu qabdurratti bulchiinsi Netaaniyaahuu roodmaappii akka dhiyeessu irra deddeebin gaafataa ture.

Minsitiira Muummee duraanifi Gaazaatti waraanni erga eegalee booda ministiira kaabinee waraanaa kan ture Beenii Gaantiz waraana booda Gaazaan bifa kamiin buluu akka qabdurratti Netaaniyaahun roodmaappii qopheessuu dide jechuun ji'a lama dura fedhiin aangoo gadi dhiisanii ture.

'Doonald Tiraamp filannoo US hanga mo'utti Netaaniyaahun yeroo bitachaa jira'

Waraanni Gaazaa akka eegaleen US dabalatee biyyoonni Lixaa heddu Israa'el mirga of-ittisuu akka qabdu deeggaruu bira darbee gaggeessitoonni biyyoota garaa garaa Tel Aviiv daawwataniiru.

Heddu osoo hin turin haleellan Israa'elitti gaggeessitu lubbuu lammiilee Filisxeem Gaazaa keessa jiran kumaatamaan lakkaa'aman galaafate.

Suuta suuta deeggarsi biyyoonni lixaa Israa'eliif qaban xiqqataa deemuu bira darbee Israa'el Gaazatti akka waraana dhaabduf waamicha gochuu jalqaban.

Bulchiinsi Baayidanis Israa'elitti dugda galuun meeshaalen waraanaa hangi tokko Israa'elif akka hin dhiyaanne qoqqobbii irraa kaa'e.

Biyyoonni heddus Filisxeem biyya walabaati jechuun beekamtii kennuufii eegalan. Rakkoon Israa'elifi Filisxeem gidduu barootaf jiru furmaata kan argatu Israa'elifi Filisxeem of danda'anii biyya ta'anii yoo jiraatan qofaa akka ta'e kaasun yaanni furmaataa Two State Solution barootaf lafarra harkifate hojiirra akka ooluf Israa'elitti dhiibbaa gochuu eegalan.

Kuni ammoo Netaaniyaahuu hin gammachiifne. Michoota Israa'el dabalatee dhiibban biyyoota garaa garaa irraa waan itti hammaatef Beeniyaamin Netaaniyaahuu Hamaas wajjin walii galtee waraana dhaabuu godha jedhamee osoo eegamuu tarkaanfiwwan marii nagaa danquu malu jedhaman fudhachuu eegale.

Addumatti qondaala olaanaa Hamaas kan ta'e Ismaa'el Haniyyaa ajjeesun tarkaanfii cimaa bulchiinsi Netaaniyaahuu fudhateedha- sanaayyuu Iraan keessatti.

Qondaala Hamaas qofa osoo hin taane qondaala waraanaa olaanaa Hezbollaa kan ta'e Fu'aad Shukir Libaanos keessatti ajjeefame. Kuni ammoo abdii waraana dhaabuu dukkaneessuu danda'a jedhamee sodaatamaa jira.

Beeniyaamin Netaaniyaahufi Doonald Tiraamp

Madda suuraa, Reuters

Beeniyaamin Netaaniyaahuu tarkaanfiwwan akkanaa fudhachuun hanga Tiraamp filannoo US mo'atanitti yeroo bitachuufi jedhu xinxaaltonni- Tiraamp filannoo ni mo'atu yoo ta'e.

Netaaniyaahun gaggeessitoota paartii Dimokiraatotaa caala kan Rippaabilikaanotaa wajjin hidhata cimaa qaba. Bara bulchiinsa Baarak Obaamas akkauma ammaa kana walitti dhufeenyi Netaaniyaahufi Baarak Obaamaa gidduu ture gaarii hin turre.

Bara 2015 yeroo Ameerikaafi biyyoonni Awurooppaa gabbisa anniisaa nikularaa ilaalchisee Iraan wajjin walii galtee mallatteessan, bulchiinsi Obaamaa 'Iraan Israa'elirratti hiikee gadi lakkise' jechuun baay'ee qeeqe. Warri Rippaabilikaanotaa waamicha gpchuufin kongiresii UStti dhiyaachuun haasaa taasisee turee, bulchiinsa Obaamaa ifatee ture.

Baarak Obaamaa booda Doonald Tiraamp akkuma aangoo qabataniin walitti dhufeenyi Netaaniyaahu wajjin qaban gar-malee jabaate.

Tiraamp US walii galtee nikularaa bara 2015 Iraan wajjin galame keessaa akka baatu gochuu dabalatee teesson embasii Ameerikaa Israa'el jiru Tel Aviiv irraa gara Yerusaalemitti akka jijjiiramu godhan.

Waraanni Gaazatti gaggeeffamu akka dhaabatuufi Baha Giddu Galeessatti waraanni akka hin babal'anneef dhiibbaa bulchiinsi Baayidan irratti gaggeessaa jiru jalaa bahuuf Netaaniyaahun hanga filannoon US ji'a Sadaasaa gaggeeffamutti eegaa jira.

Michuun Netaaniyaahuu Doonald Tiraamp filannoo US ji'a lama booda gaggeeffamu yoo injifatan Netaaniyaahun yaaddoo malee waraana Gaazaa itti fufuu danda'a kan jedhan hedduudha.