Gidiraa manneen hidhaa Isra'el keessatti lammiilee Filisxeem irra gahu

Namokota to'annoo jala jiran

Madda suuraa, Israeli Prison Service

Akeekkachiisa: Qabiyyeen oduu kanaa waan miira keessan jeequ qabaachuu mala

Dhaabbanni Israa'el keessatti mirga namaaf falmuun beekamu haalli itti lammiile Filisxeem manneen hidhaa Israa'el keessatti qabaman sarbama mirga namaan kan guutame ta'uu ibse.

Dhaabbanni Israa'el Betselem jedhamu gabaasa mata duree "Baga Nagan Gara Si'ool Dhuftan" jedhuun baaseen namoota 55 dhiyeenya mana hidhaa Israa'el irraa bahan gaafachuun hameenya mana hidhaatti isaanirratti raawwate galmeessera.

Torbee darbes bifuma wal-fakkaatun UN gabaasa baasen, haalli qabiinsa lammiilee Filisxeem manneen hidhaa Israa'el keessatti taasifamuuf yaaddessaa ta'uu ibse.

Dhaabbanni Israa'el mirga namaaf falmu, Betselem, jedhamus ragaan UNfi inni argate kan walitti dhiyaatu ta'uu ibse.

"Hundi isaanii waan wal-fakkaataa nutti himu. Haleellaa guyyaa guyyaan irra gahu, reebicha, miidhaa sammuu, gadi xiqqeessuu, hirriba dhabuufi beela," akka isaan irra gahu himte daayireektara olaantuu Betselem kan taate Yuulii Noovaak.

Manneen hidhaa Israa'el lammiilee Filisxeemif iddoo itti hgiraarfaman akka ta'e ibsite.

Mana koosiifi namoonni itti heddummatan keessatti hidhamuu

Guyyaa itti Hamaas Israa'el irratti haleellaa gaggeessee kaasee lakkoofsi hidhamtoota Filisxeem manneen hidhaa Israa'el keessa jiranii gara 10,000 tti ol guddate.

Manneen hidhaa kaan waraanan kan hogganaman yoo ta'u, kaan ammoo tajaajila mana hidhaa Israa'elin hogganamu.

Namoonni heddu bakka dhiphaa namoota muraasaf hojjatame keessatti walirra tuulamanii jiraatu.

Dhaabbanni Betselem akka gabaasetti, manneen hidhaa kana keessatti lammiilen Filisxeem heddu bakka xuraa'aa, manneen baay'ee dhiphoo ta'an keessatti hidhamuun lafa duwwaarra akka rafan godhamu.

Namoonni hedduun akkuma Hamaas haleellaa gaggeessen kan to'ataman yoo ta'u, kaan ammoo erga Israa'el Gaazaa weerartee kanneen Gaazafi Weest Baank keessaa to'atamaniidha. Hedduunsaanii osoo mana murtiitti hin dhiyaatin gadi dhiifaman.

Firas Hasn
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Firas Hassan osoo Hamaas haleellaa hin gaggeessin durayyuu mana hidhaa Israa'el keessa ture. Halleelaa Hamaas Onkoloolessa 7 Israa'el irratti gaggeesse hordofee garuu sarbamni mirga namokomaa lammiilee Filisxeemnirra gahu dabalaa akka dhufe hima.

"Jireenyi battalumatti jijjiirame," jechuun battala Hamaas haleellaa gaggeessee kaasee dararaan hamaan hidhamtoota Filisxeem irra gahuu hima.

Firas Hasan bara 1990 gara jalqabaatii kaasee miseensa Paalestiniyaan Islaamik Jihaad jedhamee shakkamuun si'a heddu mana hidhaa Israa'el seenee baheera. Garuu kan haleellaa Hamaas booda mana hidhaatti isa mudate kan durii caala hamaa ta'uu eera.

"Humnoota nageenyaa 20 ol ta'aniin uleeedhan, saree fa'aan daraaraa nurraan gahaa turan.

"Harki keenya duubatti hidhamee, ija keenya hidhanii si'a heddu nu reeban. Fuulli guutun ni dhiiga ture, daqiiqaa 50 ta'uuf nu reebaa turan, yeroo nu reeban ammoo viidiyoo nu waraabu turan," jechuun haala mana hidhaa keessatti isaanirra gahaa ture hima.

Boodarra mana murtiitti osoo hin dhiyeessin Firas Hasan mana hidhaatii gadi lakkifame.

Dhaabbtata Israa'el mirga namaaf falmutti akka himetti, Firas yeroo garaa garaa hidhamee waggoota 13 mana hidhaa Israa'el keessatti dabarseera.

Saarii Khourieh

Lammiilee Filisxeem Gaazafi Weest Baank keessaa qabamanii hidhaman qofa osoo hin taane lammiilee Israa'el Araba ta'an kanneen akka Saarii Khourieh, fa'aa irrattis dararaan gaheera.

Saarin abbaa seeraa yoo ta'u, haleellaa Hamaas gaggeesse faarsitee facebook irratti maxxansite jedhamuun qabamee mana hidhaa Megidoo keessatti hidhame.

Akkuma Firaas jedhe, Saarinis mana hidhaa Israa'el keessatti haleellaa Hamaas booda haleellafi dararaan lammiilee Filisxeem irra gahe hamaa ta'uu hima.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii torbee darbe akka beeksisetti, Onkoloolessa 7-Caamsaa 15 gidduutti manneen hidhaa Israa'el keessatti dararaa irra gaheen lammiilen Filisxeem 17 du'aniiru.

Manneen hidhaa Israa'el kan waraanni hogganu keessatti kan ammoo lakkoofsi isaanii 35 ta'a.

Erga Onkoloolessa 7 kaasee Israa'el akkaataa seerri idil-addunyaa hayyamutti Dhaabbanni Fannoo Diimaa manneen hidhaa seenee haala hidhamtoonni Filisxeem itti jirann akka ilaaluf hin hayyamneef.

Waldaan Mirgoota Sivilii Israa'el ammoo mootummaan Israa'el itti yaadee seerota idil-addunyaa cabseera jechuun komata.

Torbee darbe ammoo loltoota Israa'el Gaazatti sarbama mirga namoomaa raawwatan to'annoo jala akka oolaniif yeroo tattaaffin godhamaa jirutti, lammiilen Israa'el leellistoota ta'an akka loltoonni kun yakka hojjatan jedhamaniif hin to'atamneef bahanii mormaa turuunsaanii ammoo dheekkamsa biraa kaase.

Namoonni kun kaan isaanii Minstiira Nageenyaa Israa'elifi warra leellistoota biratti jajamu Itaamar Been Giviir warra deeggaraniidha.

"Yeroo turtii koo kana keessatti haala hundumaa dura dhaabbachuu danda'uu keenyatti nan boona," jechuun paarlaamaa Israa'elitti dubbate Itaamar Been Gaavir.

Akka dhaabbanni mirga namaaf falmu Betsalem jedhutti, dararaa mana hidhaa Israa'el keessatti lammiilee Filisxeem irra gahuuf ninistiira nageenyaa kan ta'e Itaamar Been Gaavir itti gaafatamummaa guddaa qaba.