Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Milishoonni sadii Alaltuutti meeshaan dorsiisanii maallaqa saaman adabaman
Alaltuu, dhiheenya magaalaa Finfinneetti milishoonni sadii meeshaa hidhataniin nama dhuunfaa sodaachisuun saamicha maallaqaa raawwatan hidhaa waggaa saddeetiifi ji'a shaniin adabaman.
Milishoonni sadan kunneen Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Alaltuutti 'faayidaa isaaniif hin malle' argachuuf jecha nama dhuunfaarraa birri 20,000 fudhatan jechuun poolisiin hime.
Waajjira poolisii Aanaa Alaltuutti abbaan adeemsa qorannoo Yakkaa gargaaraa Inspeektaraa Taaddasaa Kabbadaa BBCtti akka himanitti, milishoonni sadan aanicha Ganda Ejersaa jedhamutti badii kana raawwatan.
Yakkichi waggaafi ji'a jahaa dura jechuunis, ALI gaafa Waxabajjii 9 bara 2015 raawwatamuu kan himan qondaalli poolisii kun.
Milishoonni kunneen meeshaa mootummaa hidhatanii hojii naageenyaa aanichaa kanneen hojjechaa turan ta'anilleen, guyyaa yakka kana raawwatan garuu ramaddii hojiirra akka hin turre eeran.
Yakki kun raawwatamuu eeruun poolisii erga gaheen booda qorannoo gaggeessaa turuu himeera.
Dhimmi isaanii galmeen banamee mana murtii olaanaa Godina Shawaa Kaabaa dhadhacha naannawaa Magaalaa Shanootti ilaalamaa ture.
Milishoonni kunnneen jecha amantaa fi waakkii isaanii yeroo kennanitti yakkicha akka hin raawwanne waakkachuu fi abbaan alangaa ragaa namootaa dhiheesseen yakkicha raawwachuun isaanii mirkanaa'uun, murtiin adabbii kana darbuus himan.
Bu'uuruma kanaan manni murtii olaanaa Godina Shawaa Kaabaa dhadhachi Naannawaan Magaalaa Shanoo, dhadhacha gaafa ALI Muddee 14, bara 2017 ooleen adabbii kana murteesse.
Akkaatuma kanaanis, milishoota sadan meeshaa hidhataniin doorsisuun maallaqa saaman tokkoon tokkoon isaanii hidhaa cimaa waggaa saddeetii fi ji'a shaniitin adabuu himan.
Yakki saamichaa kamuu meeshaa waraanaatiin deeggaramee kan raawwatame yoo ta'e akkaataa seera yakkaatiin gocha wanbadummaa waan ta'eef murtiin kenname barsiisaa akka ta'es himan.
Milishoonni nagaafi tasgabbii kabachiisuuf tajaajilan meeshaa waraanaa kan hidhatanidha. Haa ta'u malee, komiin garagaraa irratti ka'aa jira.
Miseensa Raayyaa Ittisa Biyyaa taatu jechuun qaamoleen nageenyaa namoota karaarraa qabuu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa dhihoo himachuun isaa ni yaadatama.