Itoophiyaatti humnoonni mootummaa nama ukkaamsanii miliqsuun dabalaa jira-Komishinii

Itoophiyaatti gochi humnoonni mootummaa namoota ukkaamsanii miliqsuun yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufe hatattamaan akka dhaabbachuu qabu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) gaafate.

Komishinarri Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Dr. Daani'eel Baqqalaa, "Gochi hamaa dirqamaan nama ukkaamsanii miliqsuu hatattamaan akka dhaabbatuuf mootummaan tarkaanfii yeroofi waara'aa ta'e akka fudhatuuf," waamicha taasiseera.

Komishinichi ibsa baaseen, yeroo baayyee hojjetoota mootummaa uffata siviliifi danbii uffataniin ajaja mana-murtii malee namoota qabuun raawwatamaa jira.

Gochi nama dirqisiisanii miliqsuun kun keessumaa magaalaa Finfinnee, naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti akka mudatu ibseera Komishinichi.

Namoonni gocha kanaaf saxilaman manneen jireenyaa isaanii, bakka hojii isaaniitii ykn daandii irraa qabamanii erga hidhamanii booda bakka hin beekamne geeffamuun akka dhokfaman Komishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibseera.

Komishinichi iyyataafi eeruu isa qaqqaberraa ka'uudhaan hordoffii taasisaa tureen akka hubatetti, namoota dirqamaan miliqfaman keessaa gariin guyyoota, torbanoota ykn ji'ootaan booda kan argaman yoo ta'u, kanneen biroo ammoo eessa akka gahanillee akka hin beekamne ibseera.

Dabalataanis, hangi tokko yeroo qabamanitti yakkaan shakkamanii akka barbaadaman itti himamee gara buufata poolisii idilee erga geeffamanii booda kan miliqfamanidha. Kanneen biroo ammoo wanti tokkollee osoo hin himamiin humnoota nageenyaatiin dirqamaan qabamanii warra miliqfamanidha.

"Namoonni miliqfaman hunduu hatattamaan akka hidhaarraa gadhiifaman, yeroo ukkaamfamanii turanittis gochawwan raawwataman irratti qorannoon guutuu gaggeeffamee itti-gaafatamummaan mirkanaa'u qaba.

Akkasumas, rakkoon kun sadarkaa yaaddessaarra ga'uun isaa ilaalcha keessa galchuudhaan garee idil-addunyaa walaba ta'e hundeessuun namoota miidhaman barbaaduufi haqa mirkaneessuu feesisa," jechuun akeekkachiise Komishinar Dr. Daani'eel Baqqalaa.

Erga dhiyoo as gaazexeessitoonni, namoonni siyaasaa, miidiyaalee hawaasaa irratti kannene hirmaatan milqifamuufi bakka-buuteen isaanii wallaalamuun ballinaan dubbatamaa dhufeera.

Namoonni milqfaman eenyuun akka qabaman, akkasumas eessa akka geeffaman waan hin beekamneef osoo maatii waliin wal hin argiin guyyootaaf, akkasumas ji’ootaaf turanii gadhiifamuun isaanii dhaga’ama tureera.

Namoonni bifa kana fakkaatuun qabaman ofii isaaniiyyu eessa akka turan akka hin beekneefi mana-murtiitti osoo hin dhiyaatiin akka turan kan himan yoo ta’u, haleellaan qaamaafi qoor-qalbii akka irratti raawwatame miidiyaalee hawaasaarratti yeroo dubbatan irra deddeebiin dhaga’amaniiru.

Mootummaan gocha namoota ukkaamsanii miliqsuu kana akka dhaabsisuufi warra kana raawwatan irratti ammoo tarkaanfii akka fudhatuuf Komishiniin Mirgoota Namoomaa ibsa beese kanaan gaafateera.

“Yakka kana karaa bu’a qabeessa ta’een ittiisuun akka danda’au gargaaruuf, nama hunda dirqamaan ukkaamfamanii miliqfamuurraa eeguudhaaf waiigaltee idil-addunyaa atattamaan fudhattee raggasisuu qabdi,” jedhe Komishinar Daani’eel.