Tarkaanfii fudhatameen karoorri garee Goojjaam- Gadaamii maandhefatee mootummaa kuffiisuuf ture fashalaa'e -Mootummaa

Karoorri garee Goojjam- Gadaamii Dabre Eeliyaas keessa maandhefachuun hidhannootiin mootummaa kuffiisuu jechuun qabatanii shocha'aa turanii tarkaanfii fudhatameen fashalaa'uu mootummaan hime.

Qindoominni Humna Waloo Nageenyaafi Tasgabbii Biyyaalessaa ibsa Sambata, Waxabajjii 3, 2023 galgala baaseen akka jedhetti, tarkaanfii garee Iskidir Naggaa fi deeggartootasaarratti fudhatameen karoorri naannoo Amaaraa jeequuf qabatanii ture fashalaa'eera.

"Gadaamii Sillaasee kan Godina Goojjam Bahaa aanaa Dabre-Eliyaas keessatti argamu da'oo godhachuudhaan mootummaa hidhannoodhaan kuffiisna jechuun humnoota finxaaleyyii socho'aa turan irratti tarkaanfii fudhatameen da'oon Iskindir Naggaa fi hiriyyoonnisaa waraanaaf fayyadaman cabee hidhattoota 200 ta'an irratti tarkaanfiin fudhatameera," jedha ibsi Humna Waloo kun.

BBCn odeeffannoo jiraattoota naannoo Gadaamichaarra argateen akka hubateetti, humnoonni mootummaa duulicha kan eegalan ALI Caamsaa 18, 2015 yoo ta'u, guyyoota afurii oliif waliitti bu'iinsi cimaan tureera.

Jiraattoonni kunneen akka jedhaniitti, waliitti bu'iinsa guyyootaaf ture kanaan meeshaalee waraanaa gurguddoo dabatalee, dhukaasaa dhagahaa turan. Haata'u malee, Sababiin isaa maal akka ta'e osoo adda hin baafatanii turuu Kamisa darbe BBCtti himanii ture.

Qindeessaa fi dursaa garee kanaa kan ture Iskindir Naggaafi gareesaa muraasni bakka sanaa miliquuf yaalanis irra caalaan raayyaan ittisa biyyaafi deeggarsa humna Nageenyaa Naannoo Amaaraatiin to'annoo jala oolchuuf jala bu'uun hojiin qindoominaan raawwatamaa jiraachuu Humni Waloo Nageenyaafi Tasgabbii Biyyaalessaa kun ibseera.

Humni Waloo Nageenyaafi Tasgabbii Biyyaalessaa ibsa sabaa-himaalee biyya keessaatiif ergeen akka beeksisetti, maqaa Paartii Siyaasaa Baaldaraas jedhamu jalatti socho’aa kan ture namni dhuunfaa Iskindir Naggaa jedhamu, kan olaantummaa seeraa jalatti yaadasaa milkeeffachuutti amanuu hin dandeenye, yeroo garaa garaatti Magaalaa Finfinneetti hookkara kaasuu yaalaa tureera.

Iskindir kan kun akka hin milkoofneef hubatee, mootummaa humnaan kuffiisuu karoorfachuun gurmaa'ina 'Amaaraa Hizbaawwii Ginbaar' jedhu hundeessuun hiriyyootasaa Shimallis Simaachoo, Sawumahon Woretaawu fi Manbaruu Kaasee jedhamaniifi humnoota finxaaleyyii biroo waliin socho'uun hidhattoota calaluun gurmeessee bobbaasaa tureera jedha ibsichi.

Humna kana biyya keessatti kan gaggeessu Iskindira Naggaa yoo ta'u, biyya alaarraa ammoo Shalaqaa Daawwiit Walda-Goorgis namni jedhamu akka ta'e ibsi kun eereera.

Jarri kun lamaan hariiroo hummataniin naannoo Amaaraa keessatti qabsoo hidhannoo gaggeessuun uummaticha gara waraana dhuma hin qabneetti galchuuf kakaasaa akka turan ibse Humni Waloo Nageenyaa fi Tasgabbii Biyyaalessaa kun.

Bu'uura isaa Goojjam Lixaa- Buree fi Gammoojjii Abaay keessa godhachuun socho'aa kan ture namni kun, maqaa amantaa dahoo godhachuun hidhattoota garee kanaa kan biraa waliin gara Goojjam Bahaa-aanaa Dabre-Eeliyaas deemuun waggaa lama dura irraa kaasuun, Gadaamii Dabre-Eeliyaas keessatti dahoo qotachuun qabsoo hidhannootiin mootummaa kuffiisuuf dhoksaatti gurmaa'anii socho'aa akka turan irra gahuu ibse Humni Waloo ibsa isaatiin.

Gareen kun keessumaa bulchaa Gadaamii kanaa kan ta'an Abbaa Eeliyaas nama jedhaman gocha seeraan alaa kanaaf dhimma itti bahaa turan jedhameera.

Bulchaan Gadaamichaas barsiisa amantaatiin alatti Gadaamicha keessatti gochaa fi sochiin seeraan alaa akka gaggeeffamu hayyamuun alatti, Monokseewwan biroo waliin ta'uun meeshaa hidhatanii miseensota garee finxaaleyyii kana waliin bobba'uu isaaniis eereera ibsi kun.

Miseensonni garee finxaaleyyii 200 ta'an ajjeefamanii kanneen hafan ammoo booji'amanii, kaan ammoo baqataniirus jedha.

Kanarraa kan hafe, hololli gareen kun miidiyaa hawaasaarratti ofuun humna nageenyaa mootummaatiin Gadaamichaa fi amantootarra miidhaan akka gaheetti fakkeessee dhiyeessu dhugaarraa kan fagaate ta'uus himeera ibsi kun.