Waldhabdee naannolee Sumaalee fi Oromiyaa, Cinaaksanitti irra deddeebiin mula'atu maaf furmaata dhabe?

Madda suuraa, Getty Images
Godina Harargee Bahaatti jiraattoonni Aanaa Cinaaksan gandoota baadiyyaa kan naannoo Somaaleetiin waldaangessu keessa jiraatan hidhattoota naannoo Somaaleerraa dhufaniin haleellaan irraatti raawwatamaa jiraachuu BBC'tti himan.
Haleellan kun ammoo tibbana daran hammachuun lubbuu namootaa gaaga'uu fi jiraattota heddullee qe'eerraa buqqisuu dubbatu.
Jiraataa Ganda Daarimuu fi jaarsa biyyaa kan ta'an manguddoon maqaa isaanii akka hin eeramne gaafatan akka BBC tti himanitti, rakkoon naanawwa kanaa kan bubbule ta'uun utuu beekamuu mootummaan gurra waan cufateef haleellaa haaraadhan miidhaan irra gahaa akka jiru dubbatan.
''Rakkoon kun waggaa shan ja'a lakkoofsissera, garuu yeroo tokko yoo cime yeroo takkommoo deebi'ee qabbanaa'a,'' kan jedhan manguddoon kun tibbanammoo bifa haaraan eegaluu dubbatan
''Torban kana keessa barsiisota shan ta'anii magaalaa irraa gara mana barnootaa deemaa turanitti dhukaasanii lama ajjeesanii sadimmoo madeessan, akka tasaa dhufanii nama argatan ajeesanii duubatti deebi'u, guyyaa guyyaan nama hanga kanatu du'ee jechaa awwalaa oolla. Kun yoom akka nurraa dhaabatu hin beeknu,'' jedhan.
''Rakkoon rakkoo daangaa babal'ifannaati,'' kan jedhan manguddoon kun ''yaalii jiru Oromoo Jaarsoo dachee isaarraa buqqisuun cinaaksaan naannoo somalee jala galchuudha,'' jedhu.
Akka manguddoon kun jedhanitti haleellaa torban lamaa asiitti bifa haaran ka'e kanaan namootni 6 ta'an du'uu fi 10 ol madaa'uu akka odeeffannoo qaban himan.
BBC'n lakkofsa namoota du'an jedhamanii kana garuu aanga'oota irraa mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bulchaa aanaa Cinaksan kan ta'an obbo Musxafaa Omar yaada akka kennaan gaafatamaniif deebii kennuu didan.
Yaaliin BBC'n dhimma kana bulchiinsaa Harargee Bahaa fi waajjira bulchiinsaaf nageenyaa qunamuuf taasisees yeroof hin milkoofne.
Namni biraa hojii investimentii qonnaa naannawa sanatti hojjatan sababa xiyyeeffannoon itti kennamuu dhabuun lubbun namaa fi qabeenyi hawaasaa guyyaan manca'aa jira jechuun BBC tti himan.
Akka jiraatan kun jedhanitti haleellaa fi saamichi hidhattoota naannawa Somaale irraa dhufan kanaan raawwatamu guddaadha.
''Horii ni saamani , midhaani fi mana namaallee ni gubanii nama ajeesanii deemu. Qaamni itti dubbatu hin jiru, yeroo haalli hammaatu waraanni mootummaa dhufee naannoo sana galu haleellaa kana ni dhaabani, duubatti deebi'u. Yeroo isaan achii deeman itti deebi'anii dhukaasa banu. Haala kana keessatti waggootaf turre,'' jechuun midhaan yeroo yeroon raawwatamu kan furmaata waaraa hin qabne ta'uu dubbatan.
''Yeroof tasgabeessanii deemuu qofaa utuu hin taane furmaata waaraa barbaanna, ummatni kun waan maal godheef guyyaan ajjeefama. Mootummaan naannolee lamaani dhimma kana furuu dadhabaniiti moo beeka callisanii ilaalu?'' jechuun gaafatu.
Walitti bu'iinsa naanannawa daangaa Oromiyaa fi Somaalee gidduutti baatii Adoolessa bara 2025 irraa eegalee umameen namoonni 288,000 ol qe'ee isaanii irraa buqqa'uu Waajjirri Qindoomina Gargaarsa Namoomaa kan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNOCHA) tibbana ibseera.
Aanga'oonni godinalee naannoo Somaalee fi Oromiyaa lakkoofsa kana BBC'f mirkaneessuu hin dandeenye.
UNOCHA'n gabaasa isaatin waldhabdee fi jeequmsi bifa haaraan baatii 5 asitti naannaawa daangaa Somaalee fi Oromiyaatti taasifamu lubbuu namaa gaaga'uu fi miidhaa qabeenyaa irraan gahuu akkasumas qe'eerraa buqqisuun mul'ataa jiru rakkoon kun furmaata akka hin arganne kan agarsiisudha jedhe.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa naannoo sana tasgabbeessuuf daangaa naannichaa irratti bobbaafamus, haleellaa fi buqqa'iinsi haaraan gabaafamuu itti fufeeras jedhe.
Waldhabdee daangaa Oromiyaa kan naannoo somaaleen wal daangessuu keessatti godina Booranaa Bahaa fi Baale kan aanaalee ollaa somaaleen wal dangessaan gidduutti darbee darbee ni dhaga'ama.
Maatiin horsiisee bultoota buqqa'an irra caalaa naannoo gammoojjii keessatti dawoo keessa kan qubsiifaman yoo ta'u, hedduun isaanii naannoo manneen barumsaa keessa akkasumas hedduun ammallee sharaa yeroo gogiinsa bara 2022 raabsamee jala jiraachaa akka jiran ibsame
Akka gabaasa UNOCHA mulisutti walitti bu'iinsa kanaan dubartoonni, daa'imman, maanguddoonni,fi qaama miidhamtoonni iddoo dahannoo fi tajaajila eegumsaa gahaa dhabuu irraa kan ka'e rakkoo fi akka saaxilaman akeekachiseera
Wayita bulchiinsa Abdii Illee walitti bu'iinsa kaayyoo siyaasaaf naannawa bara 2018 ummata giddutti taasifameen namoonni miliyoona tokkoo ol buqqa'uun kan yaadatamudha.












