Walitti bu'iinsa Cinaaksaniitiin namoonni ajjeefaman, kaan qe'eerraa buqqa'an

Godina Harargee Bahaatti jiraattoonni Aanaa Cinaaksan Ganda Daarimuu kan naannoo Somaaleetiin waldaangessu keessa jiraatan hidhattoota naannoo Somaaleerraa dhufaniin dararamaa jiraachuu BBCtti himatu.
Bulchaan Aanaa Cinaaksan Obbo Abdulnaasir Sheekh Mohammad amsaanitiin rakkoon daangaa kun kan bubbule ta'uu mirkaneessan.
Sababa walitti bu'iinsa torbee darbe keessa umamee qofaan abbaa warraa 582 ta'u qe'eerraa buqqa'uu Obbo Abdulnaasir dubbatan.
Itti Gaafatamaan Waajjira Kominikeeshinii Aanaa Cinaaksan Obbo Hangaasaa Mohammad gamasaaniin, sababii walitti bu'iinsa tibbanaatiin lubbuun namoota baduufi beeladdoonni jiraattoottaa saamamuu mirkaneessaniiru.
Jiraattuun ganda Daarimuu nageenyaaf jecha maqaanshee akka hineeramne gaafatte tokko dargaggeessi umuriinsaa digdama hin guutne tokko qawweedhaan rukutamee akka du'e himti.
''Maabara kooraa Daawwee ganda Daarimuu keessatti hidhattoonni naannoo Somaalee meeshaadhaan rukutanii ajjeesan. Uumatarratti erga dhukaasa bananii booda uummanni kaan fiigee baqate, inni garuu waan rukutameef fiiguu hin dandeenye ture. Isa booda haada mormatti kaa'anii lafarra harkisanii ajjeesan,'' jette haati kun.
Uummanni humna hidhate kana baqatee gaaratti galee jiraachuu kan himtu haati kun: ''ijoolleen qe'eetti hafte waan nyaattuu fi dhugdu dhabdee beelaan dhumuuf. Kan baqatanii bosonatti galanis waan nyaatan hin qaban. Maatiin wal hin argu,'' jechuun haalli keessa jiran himti.
''Hidhattoonni kunneen karaa nutti cufan. Gargaarsa bakka biraatiillee argachuu hin dandeenyu. Namni du'ee osoo hin awwaalamin bakkee keessa kan jiru hedduudha. Mootummaan akka nuuf birmatu barbaanna,'' jette.
Jiraataan BBCn kan biraas humni hookkara uummatatti kaase kan gama naannoo Somaaleerraa dhufuu hima.
Himannaa jiraattoonni kaasan kana gama Somaaleetii qulleeffachuuf Bulchaa Aanaa Tulluu Guled bilbillu illeen yaada argachu hindandeenye.
Wayita dubbachiif barbaadaniitti yaadasaanii BBCn ni keessumeessa.
Jiraataan kun akka jedhaniitti bakki kun daangaarratti waan argamtuuf waldhabdeen daangaa kun kan tureedha.
''Rakkina bara TPLF liyyuu haayilii naannoo Somaaleen walqabatee naannoo kana ture ammallee hin furamne,'' jedha.
Garuu waldhabdee kan hammaate Caamsaa darbe gaafa 27 irraa eegaleetis jedhan. ''Torban lamaan kana waan hamtuutu jira. Guyyaa guyyaan hanga lubbuu nama shaniitu darbaa jira. Walitti bu'iinsi uummata Somaalee Girii fi uummata Oromoo Jaarsoo jedhaman gidduutti. Garuu liyyuu haayiliitu duuba jira.''
Dhuma torbee darbeetti qaamoleen mootummaa gama lameenuu dhimmicharratti mar'achuu quba qabaachuu kan himu jiraataan kun, garuu ammatti wanti furame akka hin jirree fi namni ajjeefamuun itti fufu himeera.
Gosoonni Somaalee Girii fi Oromoonni Jaarsoo maatii ta'anii kan waliin jiraatan ta'uu kan himan jiraataan kun, sababa lafaatti maatiin walwaraanuun rakkoo hamtuudha jedha.
Sababa walitti bu'iinsa kanaatiin horii fi namni bishaan dhuguu dhorkamu hima jiraataan biraa ammoo.
''Eela bishaanii sabni jaarsoo loonsaa oobaafataa ture amma kan Elamhaar jechuun, bakka Bakkanniisa jedhamu hidhattoota qubsiisuun horiin Jaarsoo akka hin dhugne irraa ittisan. Yeroo ammaa uummanni fi horiin waan dhugan dhabanii dhumaa jiru.''
Kanaafuu uummanni Jaarsoo bishaan dhabee dheebuudhaan du'uurra jedhee humna qabuun ofirraa qolachuuf yaalaa jira jedha namni kun.
Ammaan tanas eddoowwan saboonni Oromoo Jaarsoo keessa jiraatan kan akka Elahram, Bakkanniisa, Didawaleed, Geelboob fi Fedha'ad hidhattootaan to'atamanii jiraachuu himu jiraattonni.
Qaamni motummaa maal jedhe?
Bulchaan Aanaa Cinaaksan Obbo Abdulnaasir Sheekh Mohammad rakkoon daangaa kun kan bubbule ta'uu BBCtti himan.
Bakka amma rakkoon itti mudate kana ji'oota muraasa duras rakkoo hammaataan mudatee tures jedhan.
''Rakkooleen walitti bu'iinsaa aanaalee Cinaaksan (Oromiyaa) fi Tulluu Guled (kan naannoo Somaalee) gidduu ture yeroof tasgabbaa'ee ture. Amma garuu haalli jiru deebi'ee hammaate,'' jedhan qondaalli mootummaa kun.
Rakkoon kun kan bara mootummaa TPLF tureedha kan jedhan Obbo Abdulnaasir, mariin yeroo garaagaraatti taasifamus sababa hidhattoonni naannawa kana jiraniif jecha furamuu hin dandeenye jedhan.
''Rakkoon daangaa kun baay'ee walxaxaadha. Qabeenya saamuun, dhokatanii nama ajjeesuun, nama madeessuun darbee darbee ni mul'ata. Erga torbee darbeetii ammoo haalli jiru gaarii miti. Weerarri hammaateera. Wayita raayyaan ittisa biyyaa gidduu seenu walitti bu'iinsi kun ni dhaabbata, yoo inni deemu ammoo deebi'ee ka'a'' jechuu rakkinicha ibsan.
Atakaaroon dhimma daangaan walqabatuu kun kan eegale bara Abdii Ilee bulchaa Naannoo Somaalee tureedha kan jedhan Obbo Abdulnaasir, ''garuu uummatis gam-lachuunuu hidhataa waan ta'eef walitti bu'a. Margaa fi bishaan irratti walitti bu'u. Qaamni horii saamuu barbaadus jira,'' jedhan.
''Bakki rakkoon amma itti mudate bakka humni addaa naannoo Somaalee buufatanii jiranittidha. Bakkumasaan jiranitt immoo hawaasnis wal haleelee beeka,'' jedhan Obbo Abdulnaasir.
Akka Obbo Abdulnaasir jedhanitti sababa walitti bu'iinsa kanaan torbee darbe keessa qofa abbaa warraa 582tu qe'eerraa buqqa'e.
Miidhaanis lubbuu namaarraa akka qaqqabee fi saamichis horii irratti akka raawwatame himaniiru qondaalli kun.
Itti Gaafatamaan Waajjira Kominikeeshinii Aanaa Cinaaksan Obbo Hangaasaa Mohammad gamasaaniin ''Uummata manasaa jiru osoo inni daangaa namaatti hin darbin, daangaasaatti darbanii weeraraa jiru. Humni weeraru kun naannoo Somaaleerraa dhufe,'' jedhan.
''Turtii torba lama hin caalle kana keessatti haleellaa raawwateen namoonni du'an yoo xiqqaate 17tti tilmaamamu. Loon, gaala, re'ee fi beelladoonni biroon hedduunis saamamaniiru.'' jedhan Obbo Hangaasaan.
Waldhibdeen kun gandoota Aanaa Naannoo Oromiyaa Cinaaksan fi kan Naannoo Somaalee Tulluu gidduutti kan deemaa jiru.
Dhimma kanarratti yaada gama naannoo Somaaleen jiru argachuuf Bulchaa Aanaa Tulluu Guled Obbo Guled Mahaammad Adam biratti bilbillus dubbachuuf akka itti hin tolle nutti himan.














