Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Hojjatoonnikoo reeffa imaltuu balaliirratti duutee sirnaan qaban''- Daandii xiyyaaraa Kataar
Daandiin xiyyaaraa Kataar reeffa imaltuu xiyyaara keessatti duutee haadha warra fi abbaa warraa lammilee Awustiraaliyaa cinaa yeroo kaa'an '' saffisaan, sirnaan fi ogummaan qaban'' jedhe.
Abbaa warraa fi haatii warraa lammilee Awustiraaliyaa Meelboornirraa gara Dohaatti wayita balaliirra turan reeffa imaltu isaan cina kaa'amutti dhiphachuu hima.
Daandii xiyyaaraa Kataar jalqaba ibsa baaserratti ''muddama ykn dhimma dhiphina taateen kun uumeef dhiifama gaafanna'' jedhe.
Taateen kun nama balalii xiyyaaraarratti du'e haala ittiin qabanirratti falmii kaase.
Miicheel Riingii fi Jeenifer Kooliin boqonnaaf gara Veenisiitti kan imalaa turan yoo ta'u, Melboornirraa gara Dohaatti imalaa wayita turanitti dubartiin tokko teessuma isaanii cinaa tursifamuu Chaanaalii Awustiraaliyaa 9tti himan.
Jarri kun akka jedhanitti, hojjettoonni xiyyaarichaa balaliinsa sa'aatii afran hafan carraa sochii tokko malee, reeffa dubartiittii uffata halkniitiin maruudhaan teessoo duwwaa cinaa Mr Riing kaa'an.
Cimdiiwwan kunneenis Daandii Xiyyaaraa Kaataar ykn daandiin xiyyaaraa balalii kana ittiin buufatan Qaantas irraayis kan isaan qunnamnee ykn deeggarsi isaaniif taasifame tokkolleen akka hin jirre akka isaaniif hin kennine himan.
Haala akkanaa keessatti imaltoonni xiyyaara keessa jiraniif haalli itti kunuunfaman pirootokooliin jiraachuu qaba jedhan.
'Itti gaafatamummaa kunuunsaa'
Mr Riing sagantaa Chaannaalii Nine's Current Affair'tti akka himanitti, hojjettoonni yeroo dubartiin kun kufte ''yeroo gabaabaa keessatti'' deebii kennaniiru. Haa ta'u malee garuu, ''waan nama gaddisiisuu dubartiittiin sun lubbuun ooluu hin dandeenye, kanas arguun baay'ee qalbii namaa cabsa'' jedhan.
Gareen hojjattoota xiyyaarichaa reeffa dubartiittii gara kutaa daldalaa (business class)tti dabarsuuf yaalanii turan, ''garuu dubartittiin baayyee guddoo waan turteef gara sana geessuu hin dandeenye'' jedhe.
Mr Riing akka jedhanitti, hojjettoonnis xiyyaarichaas reefficha bakka teessoo qullaa kan cinaa isaatti argamu irra kaa'uuf akka fayyadaman.
"Maaloo gara biraatti socho'uu dandeessaa?' jedhan, anis 'Eeyyee rakkoon hin qabu' jedheen.
"Isaan boodas dubartiittii sana teessoo ani irra ture irra kaa'an," jechuun waan isaan mudate ibsan.
Aadde Kooliin gara isheetiin teessoo duwwaa naannoo sana jirutti kan ce'uu dandeessee yoo ta'u, Mr Riing ammoo, teessoo duwwaan jiraatus akka darbuuf hojjettoota xiyyaarichaatiin filannoo akkas hin kennamneef.
Xiyyaarichi sa'aatii afur booda yeroo qubatuuttis, hojjettoonni wal'aansa fayyaa fi poolisiin xiyyaara hanga seenaniitti, imaltoonni bakka bakkumsaanii irra turaniif gaafatamuu dubbatan.
Sana booda qondaalli ambulaansii dubartii duute sanarraa uffata halkanii irraa harkisuun, fuula ishee argan jedhe.
Cimdiiwwan kunneen maamiltootaa fi hojjettootaaf ''dirqamni kunuunsaa'' jiraachuu akka qabu himan.
"Isaan booda nagaa ta'u keenya mirkaneeffachuuf nu qunnamuu qabu, deeggarsi si barbaachisaa, gorsi wayi barbaachiisaa? jechuun nu gaafachu qabu."
Aadde Kooliin muuxannoo kana ''kan nama gaddisiisu'' jechuun, ''du'a dubartii kanaaf daandiin xiyyaaraa ittigaafatamummaa fudhachuu akka hin dandeenye guutummaatti hubanna, garuu maamiltoota xiyyaaricha keessa jiran kunuunsuuf pirootokooliin jiraachuu qaba'' jedhan.
Dubbi himaan Qaantaas akka jedhanitti: "Adeemsi taateewwan xiyyaara keessatti mudatan akkanaa kun kan to'atamuu daandii xiyyaaraa Kaataaritiin."