Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hariiroon Itoophiyaa fi keeniyaa waggoota 60, siyaasaa fi dinagdeen jabaachaa dhufeera-Amb Baacaa Dabalee
Hariiroon Itoophiyaa fi Keeniyaa erga jalqabee waggoota 60 ol kan lakkoofsise yoo tahe Itoophiyaan Qontsilaa ishee jalqabaa Keeniyaatti kan bante osoo biyyattiin kolonii Biriiten taatee jirtuu bara 1954 ture.
Bara 1961 ammoo Itoophiyaan Keeniyaatti ambaasaaddara ishee jalqabaa muudde.
Hariiroon biyyoota lameenii jabaachaa dhufuun Keeniyaanis erga birmadummaa ishee argattee waggoota jaha booda Finfinneetti Embaasii ishee bante.
Bara 1964 ammoo waliigaltee humna ittisaa walii mallatteessan. Hariiroon biyyoota lameenii dhufaa darbaa mootummootaa waliin osoo hin jijjiiramiin tureera.
Keeniyaan naannoo masaraa mootummaa isheetti lafa bal’aa Itoophiyaaf kennuun Embaasiin Itoophiyaas baname.
Hariiroon Itoophiyaa fi Keeniyaa kun irra caalaan isaa siyaasa irratti kan hundaa’e yoo tahu, dhiyeenya ammo walitti hidhaminsa dinagdee irratti waliin hojetaa jiru.
Pirojektii LAPSET daandiin Itoophiyaa, Keeniyaa fi Sudaan Kibbaa walitti hidhu isa tokko yoo tahu Itoophiyaan hanqina hulaA galaanaa qabdu furuufis buufata doonii Laamuu fayyadamuu jalqabdeetti.
Gama biraan Itoophiyaan carraa gabaa alaaf biyya keessatti banteen kaampaanii guddaan Keeniyaa Safaariikoom Itoophiyaatti tajaajila telekomunikeeshinii kennaa jira.
Ambaasaaddar Baacaan waliigaltee Itoophiyaa fi Keeniyaan dhiyeenya walii mallatteessan sekteeraalee adda addaan waliin akka hojjetaniif kan gargaarudha jedhan.
‘’Daandii qilleensa Itoophiyaa guyyaatti si’a afur Naayiroobiitti balali’aa ture. Dhiyeenya kana garuu gara balalii lamatti deebi’ee waan tureef kana booda gara afuritti deebisuuf mariitti jira.’’
Ummata biyyoota lameenii walitti fiduun hojii guddaa hojjetamuu kan himan ambaasaadarichi ayyaana Irreechaa bara kanaaf isa bara darbee caalaa qophii gochuu eegalleerra, jedhan.
''Itoophiyaa fi Keeniyaan saba tokko waliin qooddanna. Boorana, Garrii fi Burjii biyyoota lamaan keessa waan jiraniif daangaadhaan daangessuu hin dandeessu.
''Ummanni Kuma 60 kan tahan daangaa biyyoota lameenii irra waan jiraataniif yeroo filannoo Keeniyaa, gara Keeniyaa seenuun waraqaa eenyummaa isaanii qabatanii dhufanii filatu.
''Itoophiyaa keessas akkasuma godhu. Qaamni isaan mormu hin jiru,'' jedhan.
Dabalataan Ambaasaaddar Baacaan faayidaa Itoophiyaan biyya kana keessaa argachuu qabdu kabachiisuun alatti, lammiilee Itoophiyaa biyya kana keessa jiranii fi asiin darbaniif deeggarsa barbaadan kennina jedhan.
Kan miidhaman deeggaruu, kanneen daddabarsa dhala namaa seeraan alaa miidhaman ammoo deeggaruun akka biyyatti deebi’an gochaa turre.
Kanneen mana hidhaa galan hiiksisuun gara biyyatti deebisaa turre jechuunis dubbatani.
Warra sababa adda addaan lubbuun isaanii darbe ammoo kaffaltii barbaachisu buusuun reeffi akka biyyatti galu gochaa turuu BBC'tti himani.
Mootummaan Itoophiyaa fi Keeniyaa waliigaltee walii mallatteessuun oppireeshinii waloo hidhattoota WBO kan mootummaan Itoophiyaa 'Shanee' jedhu irratti gaggeessuuf qophiirra jiraachuu Keeniyaatti Ambaasaadarri Itoophiyaa Baacaa Dabalee BBCtti himan.
Ambaasaaddar Baacaan kana kan dubbatan sagantaa Embaasiin Itoophiyaa Naayiroobiitti argamu Bara Haaraa Itoophiyaa 2017 fi hariiroo dippiloomaasii biyyoota lameenii waggaa 60ffaa sababeeffachuun Naayiroobiitti qophaa'e irrattidha.
Itoophiyaa fi Keeniyaan waliigaltee wal hubannoo dhimmoota hedduu irratti walii mallatteessuu kan himan Ambaasaadar Baacaan isaan keessaa tokko dhimma nageenyaa irratti waliin hojjechuu akka tahe eeran.
Dhaabbileen tikaa fi odeeffannoo biyyoota lameenii hidhattoota daangaa irratti hojii shororkeessummaa raawwatan jedhan qolachuurratti oppireeshinii gaggeessaa turan cimsanii itti fufuuf kallattii kan kaa'atan Hagayya keessa ture.
Ji’a Hagayyaa darbe keessa qaamonni hidhatan Itoophiyaa irraa dhufuun namoota nagaa Naayiroobii irraa gara Mooyaleetti imalaa turan ajjeessuu Senetarri Kaawuntii Marsabeeti Obbo Mohaammad Cuttee BBCtti himaniiru.
Haleellaan akkasii daangaa biyyoota lameenii irratti yoo raawwatu kun kan jalqabaa miti. Kanaaf ammoo mootummaan Itoophiyaa hidhattoota WBOtti yoo quba qabu isaan [WBO] ammoo humni nageenyaa Itoophiyaa haleellicha raawwachuu himu.
''Ganna 31 warra hidhatee namoota nagaa ajjeesantu jira. Warra Keeniyaa keessa buufachuun nama ajjeesanii loon isaa jalaa nyaatantu jira. Mootummaan Itoophiyaa daangaa darbuun nama hin ajjeesu,’’ jedhan Jeneraal Baacaan.
''Humni ittisaa biyyoota lameenii [Itoophiyaa fi keeniyaa] waliigaltee wal hubannaa kana dura mallattaa’e irraa karaa adda taheen waliigaltee oppireeshinii waloo walii malatteessuun oppireshinii gaggeessuuf jedhu.
''Erga walii mallatteessanii booda dubbiin kun furmaata argata,’’ jedhan.
Itti dabaluun ‘’yeroo Booranaa fi Gabra wal haadhan, warri Gabra ajjeesaa ture warra hidhatee Keeniyaa keessa jiru mitii? Kanaaf yoom oppireeshinichi jalqaba kan jedhu hin beeku malee oppireshiniin waloo ni gaggeeffama,’’ jechuun BBCtti himan.