Itoophiyaan WBO lammiilee biyya alaa bute jechuun himatte, Waraanichi dhara jedhe

Dhaabbileen tikaa fi odeeffannoo Itoophiyaafi Keeniyaa, hooggantootaa fi hidhattoota garee daangaa irratti, akkasumas Keeniyaa keessatti hojii shororkeessummaa raawwatan jedhan qolachuurratti oppireeshinii gaggeessaa turan cimsanii itti fufuuf kallattii kaa'atan.

Biyyoonni ollaa walii ta'an, Itoophiyaafi Keeniyaan, shororkeessummaarratti bifa haaraan duuluuf kallattii kan kaawwatan, wayita Daarektarri Tajaajila Odeeffannoo Keeniyaa Nuuraddiin Mohammad Hajii Finfinnee daawwatanitti ture.

Jilli Keeniyaa kun Daarektara Tajaajila Odeeffannoofi Tika Biyyaalessaa Itoophiyaa Redwaan Huseen fi aanga'oota kaaniin Finfinneetti simatameera.

Jaarmiyaaleen tajaajila odeeffannoo biyyoota lameenii kunneen ibsa miidiyaalee biyya keessaaf erganiin, dhimma odeeffannoo waljijjiiruu fi dhimmoota nageenyaa kaan irratti waliigalteerra ga'uun qindoominaan hojjechaa akka turan eeran.

Akkaataa waliigalteesaaniin aanga'oonniifi ogeessonni jaarmiyaalee tajaajila odeeffannoo biyyoota lameenii yeroo garaagaraatti walarguun gamaaggama gaggeessaa turaniiru.

Bu'uuruma kanaan Daarektarri Tajaajila Odeeffannoo Keeniyaa Nuuraddiin Mahammad Hajii, aanga'oota olaanoofi ogeeyyii dhaabbatasaanii waliin gara Finfinnee imaluun hojii gama kanaan jiru irratti marii fi gamaaggama bal'aa taasisaniiru.

Haala kanaan oppireeshinii waloo cimsuun, yaaddoo nageenyaa daangaa biyyoota lameeniirratti mul'atu akka qolatan ibsaniiru.

Keeniya fi Itoophiyaan akkuma daangaa waliin qooddatan yaaddoowwan nageenyaa fi ajandaawwan waliin misoomuu hedduu akka qooddatan ibsan jaarmiyaaleen odeeffannoo biyyoota lameenii.

Aanga'oonni biyyoota lameenii daangaa irratti akkasumas Keeniyaa keessatti qaama yaaddoo nageenyaa uumaa jiru kaasuun wayita mari'atan maqaa 'Shanee' kaasan.

Daangaa Keeniyaa fi Itoophiyaarratti yeroo garaagaraatti walitti bu'iinsi akkasumas haleellaa qaamoleen hidhatan raawwatan ni mudata.

Kanaanis, lubbuun namoota nagaa yeroo darbu dhagahama. Sababa kanaan daangaa biyyoota lameenii kanarratti nageenyi amansiisaadha jedhamu erga dhibee bubbuleera.

Ji'uma Hagayyaa kana keessa Keeniyaa bulchiinsa Marsabeet naannoo Moyaaleetti hidhattoonnii Itoophiyaarraa daangaa ce’an jedhaman namoota konkolaataan imalaa turan saddeet ajjeesaniiru.

Senetarri Kaawuntii Marsabeeti Obbo Mohaammad Cuttee hidhattoonni Itoophiyaarraa dhufan halkan namoota konkolaataa fe’iisaatiin imalaa turan bakka Ellee Dimtuu jedhamu, mandara Torbiitti dhiyaaturratti dhukaasa banuun namoota saddeet ajjeesuu BBCtti himanii turan.

Hidhattoonni qawwee baatan kun ''faanni isaanii Itoophiyaa seente,'' jedhan.

Waa’ee hidhattoota Itoophiyaarraa dhufan jedhaman kanaa ilaalchisee mootummaan Itoophiyaa yeroo sana wanti ibse hin turre.

Hidhattoonni haleellaa rawwatan kun sababa maaliif akka gara Keeniyaatti ce’an ifa miti.

Aanga'oonni tajaajila odeeffannoo Keeniyaa fi Itoophiyaa kunneen walta'uun akka ibsanitti, dhiheenya kana gareen ''shorokeessaa Shanee'' daangaa Keeniyaa fi Itoophiyaa akkasumas daangaa ce'ee Keeniyaa keessa socho'u, lammiilee Kooriyaa lama ukkaamsuun garee al-Shabaabitti dabarsee kenneera.

Aanga'oonni kunneen gareen ''Shanee'' garee hidhataa al-Shabaab kan Somaaliyaa keessa socho'u waliin kallattiin walarguu akka quba qabu himaniiru.

Aanga'oonni WBO himannaa kanaaf deebii ergaa gababaan deebisaniin al- Shabaab waliin hariiroo akka hin qabne ibsan.

''WBO yakkuunis waan haaraa miti. WBO qaama Al-Shabaab waliin waan isa walitti fidu tokkolleen hin jiru. Qaama biyya alaa qabes hin qabu'' jedha deebiin kenne.

Gorsaa Ajajaa Olaanaa ABO- WBO kan ta'an Obbo Jireenyaa Guddataa yaada BBCf kennaniin isa mootummaan waraanichi al-Shabaab waliin hariiroo qaba jedheef deebii kennan.

''Kaayyoon qabsoo gaggeessinuu al-Shabaab waliin wal hin fakkaatu. Galma tokkos hin qabnu'' jedhan.

Dabaluunis ''tooftaan waraanaa keenyaas wal fakkeenya hin qabu. al-Shabaab haleellaa badanii balleessuun beekama. ABO-WBO waraana isaan qabsoo idilee gaggeessa malee gochaa akkasii raawwatee hin beeku.

WBO lammiilee biyya alaa iggituun yeroo himatamu kun kan jalqabaa miti.

Obbo Jireenyaan waayee lammiilee biyya alaaa iggituu yoo dubbatan ''ABO-WBO qaama alaa [Biyya alaa] tokko waliinuu wal dhabdee hin qabu'' jedhan.

''Haleellaa daangaa irraa kan raawwate humna mootummaa Itoophiyaati malee waraana keenya miti'' kan jedhan Obbo Jireenyaan himata irratti dhiyaatan lamaanuu kufaa godhan

Naannicha hidhattoonni mootummaan ''Shanee'' jedhuun, Waraannii Bilisummaa Oromoo, akka socho’anitu himama.

Hidhattoonni isaan jedhan uffata dambii qaamolee nageenyaa fakkaatu akka uffatan himuurra kan darbe, qaamolee nageenyaa mootummaa Itoophiyaa kam akka ta’an Obbo Mohaammad adda hin baasne.

Mootummaan Itoophiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo (ABO-WBO) jedhuun hidhattoota socho'aniin 'Shanee' jedhee waama, paarlaamaan biyyattiis garee shororkeessitootaa jalatti ramadeera.

Aanga'oonni Itoophiyaa fi Keeniyaa kunneen akkaataa yaaddoo nageenyaa garee ''shororkeessaa Shaneen'' raawwatamu qolachuun danda'amurratti mari'ataniiru.

Mootummaan Itoophiyaa rakkoo nageenyaa biyyattiif irra caalaa garee hidhattootaa, Waraana Bilisumaa Oromoo, naannoo Oromiyaa keessa socho'uun beekamu kana himata.

Waraanni Bilisummaa Oromoo ammoo deebisee mootummaatti quba qabuun waan baratameedha.

Marii aanga'oota tajaajila odeeffannoo Itoophiyaa fi Keeniyaa Finfinneetti gaggeeffamerratti, gareen Shanee ittiin jedhan kun namoota nagaa butee ukkaamsuu, qabeenya saamuu fi barbadeessuu akkasumas sochii namootaa ugguruu kan inni raawwataa jiru Itoophiyaa keessatti qofa osoo hin taane daangaa ce'ee lammiilee Keeniyaarrattis raawwataa jiraachuutu ka'e.

Gocha nageenyaaf yaaddoo ta'e kana fashalsuu fi qolachuuf hojii odeeffannoo waljijjiiruu fi oppireeshinii qindaa'aa eegalan cimsanii itti fufuuf kallattii kaa'uu ragaan Tajaajila Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaa Itoophiyaa ni mul'isa.

Dabalataan hojiiwwan seeraan alaa gareen kun irratti bobba'ee jira jedhan- kontirobaandii, deddeebisa meeshaa waraanaa, seeraan ala albuuda baasuu fi deddeebisuu, dhaabsisuuf tarkaanfii ariifachiisaa fudhachuuf kallattii kaa'uu ibsaniiru.

Kanaaf yaaddoo nageenyaa gareen kunneen waliin ta'uun naannawa Itoophiyaa fi Keeniyaa akkasumas baha Afrikaa keessatti uumaa jiru qolachuurratti qindoomina cimaan waliin hojjechuuf kallattii kaa'achuu ibsaniiru.

Waraanni Bilisummaa Oromoo gamasaatiin, himannaa irratti dhihaaterratti ibsa baaseen torbanoota lamaan darban keessa dararaa, ajjeechaa fi ukkaamsanii butuun Oromootaafi lammiilee alaa magaalaa daangaa Keeniyaa taate, Moyaalee keessatti hidhattoota mootummaa Itoophiyaa daangaa ce'aniin raawwatamaa turuu eere.

Haleellaa Hagayya 12 daangaa Keeniyaa keessatti namoota nagaa galaafateef poolisiin Keeniyaa hidhattoota Itoophiyaarraa dhufan himachuu akka agarsiistuu tokkootti kaasan hidhattoonni WBO.

Tasgabbii dhabuu fi rakkoo nageenyaa naannawa daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaa akkasumas waliigalatti akka Baha Afrikaaf kan himatamu Waraanni Bilisummaa Oromoo mootummaan Itoophiyaa ''Shanee'' jedhee waamu, rakkoo kana uumaa kan jiru bulchiinsa MM Abiy Ahmad ta'uu ibsuun deebisee mootummaa Itoophiyaa himate.