Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hidhattoonni 'Itoophiyaarraa dhufan' jedhaman daangaa Keeniyaatti namoota 8 ajjeesan
Keeniyaa bulchiinsa Marsabeet naannoo Moyaaleetti hidhattoonnii Itoophiyaarraa daangaa ce’an jedhaman namoota konkolaataan imalaa turan saddeet ajjeesan.
Senetarri Kaawuntii Marsabeeti Obbo Mohaammad Cuttee BBCtti akka himanitti hidhattoonnii Itoophiyaa dhufan Wixata darbe halkan namoota konkolaataa fe’iinsaatiin imalaa turan bakka Ellee Dimtuu jedhamu, mandara Torbiitti dhiyaaturratti dhukaasa banuun namoota saddeet ajjeesan.
Akka Obbo Mohaammad jedhanitti, konkolaataan Naayiroobirra gara Moyaaleetti imalaa ture kanaan namoota nagaatu ittiin imalaa ture.
Hidhattoonni qawwee baatan kun ''faanni isaanii Itoophiyaa seente,'' jedhan.
Waa’ee hidhattoota Itoophiyaarraa dhufan jedhaman kanaa ilaalchisee mootummaan Itoophiyaa wanti ibse hin jiru.
Hidhattoonni haleellaa rawwatan kun sababa maaliif akka gara Keeniyaatti ce’an ifa miti.
Naannicha hidhattoonni mootummaan ''Shanee'' jedhuun, Waraannii Bilisummaa Oromoo, akka socho’anitu himama.
Hidhattoonni isaan jedhan uffata dambii qaamolee nageenyaa fakkaatu akka uffatan himuurra kan darbe, qaamolee nageenyaa mootummaa Itoophiyaa kam akka ta’an Obbo Mohaammad adda hin baasne.
Haleellicha hordofee hawaasi naannichaa ''haleellaa hidhattootaa sodaatanii raasaa keessa bulu,'' jedhan qondaalli Keeniyaa kun.
Akka qondaalli Keeniyaa kun jedhanitti haleellaan kun kan jalqabaa miti.
Ganna 30 darban naannoo daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaa rakkoon nageenyaa waan jiruuf, hidhattoonni daangaa biyyoota lamaanitti ce’anii haleellaa raawwatan jiraachuu eeran.
Obbo Mohaammad akka jedhanitti hidhattoonni Keeniyaa keessaa gara daangaa Itoophiyaatti ce’anii haleellaa raawwatan deebi’an jiraachuu akka dhaga’anillee dubbatan.
''Hidhattoonni Keeniyaarraa gara Itoophiyaatti ce’anii lubbuu namaa dabarsanii, tiraakaatara karaa miidhagsuu gubaniillee jiraachuu dhageenyerra,'' jedhan.
Hawaasni naannicha jiraatan horsiisee bultoota bilbila malee qawwee harkaa hin qabnetu gidduutti miidhamaa jira jedhan.
Mootummaan Keeniyaa nageenya hawaasa naannichaa eegaa hin jiru jechuun Senetarri Kaawuntii Marsabeeti Obbo Mohaammad komatan.
Dhimma kana irra deddeebiin mootummaa Keeniyaatti himaa turuullee kaasaniiru.
Haleellaa biraa tibbana naannoo daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaatti mudateen mishinaroonni Kooriyaa lama butamuun isaanii gabaafameera.
Jalqaba bara kanatti Kaaba Keeniyaa bulchiinsa Marsabiit keessatti waldhabdee boolla albuuda baasuu keessatti dhalateen lubbuun namootaa darbuu hordofee, mootummaan Keeniyaa labsii baasee ture.
Kaawuntii Marsabit keessaatti dabree darbee walitti bu'iinsi gosa Oromoo Booranaa fi Gabraa giddutti mudatu lubbuu namoota nagaa dabarsaa tureera.