Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hayiluu Kitaabaa: Iccitii sirba 'Lattuu' yeroo hedduun gaafatamaa garuu ifatti dubbadhee hin beeku
Artistoota fi qabsaa'ota gameeyyii Oromoo keessaa Haayiluu Kitaabaa isa tokko. Akkuma tasaa aartii keessatti of arge. Ammoo deeggaraa Arsenaal isa bara lakkoofsisedha.
Amma garuu maalirra jira? Maaliif sagaleen isaa dhabame?
Haayiluu Kitaabaa ijooluummaa isaatii kaasee artistiin ta'a jedhee utuu hin taane waanuma yaada isaa keessa jiru fi sirba hawaasaa naannawa isaa weeddisuu jaalata.
Akkuma maatii qote bulaa tokkoo maatii isaaf loon tiksaa, mana barnoota sa'aati dheeraa miilaan deemaa barachaa ture. Garuu bakka deemu hundumatti sirbi biraa hin dhabamu.
Bakka inni dhalatee guddatte naannawa Walisoo fi Daariyaanitti jaalallii hawaasni sirbaaf qabu adda. Sirna gammachuu kamuu keessatti, bakka dabootti, fuudhaa fi heerumatti sirbi hin dhabamu. Bakka sirbi jirummoo Hayiluun jira ture.
Adeemsa keessa garuu waanti gara muuziqaa hojjachutti isa geessee uumame. Jaalala, qabsoo moo aartidha?
Gaafa roorroon Oromotti hammaattee qabsaa'otni fi artistootni hedduun biyyaa baqachuuf dirqaman innis sagalee isaa kiilolee sana waliin biyyaa Ormaatti baqachuuf dirqame.
Ergasii amma waggootni 25 darbaniiru. Awurooppaa biyya Norwayitti maatii horatee hojjataa mootummaa ta'ee hojjachaa jira. Garuu ammallee hawwii fi jaalaala biyya isaaf qabu, quuqqaa garaa isaa manuma keessatti guungumaa weedduun ibsata.
Sagaleen kee badeera sirba ni dhaabdee jedhee BBC'n gaafate Hayiluun akkas jechuun deebise.
"Lakki sirba hin dhaabne, garuu kan jirru biyya Ormaati, akka biyya ofitti hojii aartii hojjachuun salphaa miti.
Ergan biyya kana dhufees sirboota gara Albeema lama ta'u hojjadhera. Garuu akkataa namoota hojii aartii akka walaloo yeedalloo fi sirba qindeessan irratti wal argitee mari'achuuf, walumaa gala fagoorra teessee muuziqaa hojjachuun xiqqoo rakkisaadha."jedha.
Hojii dhuunfaa, haalli maatii, biyyarraa faggachuun isaa akka fedhetti hojii aartii akka hin hojjannee isa danqee aartirraa fagaatus, ammallee fuula duratti sirboota akka hojjatu karoorsuu malee sirba dhiisera yeroo jedhurra akka hin geenye dubbata
''Dhaloota boodaan dhufanitti waan hedduu dabarsineerra, ta'us garuu ammas sirba dhaabeera yeroon jedhurra hin geenye, ammas kanan hojjataa jiru jira, Sirbi ganamuma dhiiga keenya keessatti dhangiyame akkamittin dhiisa? ittuman jira".
Seenaa sirba Lattuu fi albemoota isaa
Hayiluun akkamitti akka sirba eegale yoo yaadatu, akkas jedha, ''jalqabumarratti ani ilma qotee bulaati, baadiyyatti horii tiksaa guddadhee, hojii biraas maati gargaaraa, mana barnootaa sa'atii dheera miilan deemutu jira kana hunda keessatti ijoollummarraa kaasee ani waan sirba jaaladhuuf nan sirba.
Mana barnoota keessatti llee gumii muuziqaa keessatti nan hirmaadhan ture'' jedhe
Waliigalatti sirboota albeema 6 ta'u hojjateera. Tokkoo tokkon albeema sirboota 10 fi isaa olillee kan qaban jiru. Walumaa galatti sirboota 60 al ta'u dhimmoota adda adda irratti sirbeera.
Sirbi isaa jalqaba Televizyiiini Itoophiyyatti hojjatee fi yeroo jalqabaaf ummata bira ittin gahe immoo sirba
''Kolole ya kolale ya koolaola koo warran naa lolee
Hin roobaa ni bubbisaa sanbaleenni sooddoo dararufi
Qalbii fuute naaf galchi warri jaarsa baase na dhaanufi '' jedhuu fi sirba rakkinni na qabatee yaa sabakoo jedhu akka ta'e hima.
Sirbi jaalalaa Shamarree biyyasaa, sababa inni sirba isaan ibseen haalotni jijjiramuu irratti sirbenis heddu yaadatama
Lattuu(x2)... Daariyanii ..
Inni garuu waa'ee sirba kanaa ifatti baasee dubbachuu fedhii hin qabu.Seenaa isaa si dhugaan wal qabataa?
"Artist tokko yeroo sirba hojjatu, bu'aa ba'ii jiru, muudannoofi kan jireenya isaan walqabatu darbes kana nama biraa weellisuu danda'a. Anis sirboota koo keessaa kan jireenya koo dhugaa wajjiin walqabatu jira. Isaan keessa sirbi Lattu Lattuu jedhu tokko. Garuu waa'ee sirba kanaa yeroo heddu nan gaafatamaa takkaa garuu qulqulleessee kana sana jedhee ifatti dubbadhee hin beeku. Ammallee waa'ee isaa dubbachuuf badaa fedhii hin qabu"
Qabsoo, aartii moo jaalalatu biyyaa si baase?
''Ana kan biyyaa na baase lakki jaalalas mitii aartiis mitii. Kan biyyaa na baase qabsoo Oromooti. Artistootni Oromoo qabsoo Oromoo keessatti karaa adda addatin qooda fudhataa turre. Ana qofa utuu hin taane aartiistoota kaan kanneen qabsoo Oromoo keessatti aartii fi hanga qabsoo hidhannotti taasisan waliin biyyaa baane."
Garuu sana boodas sirba hin dhiisne. Erga biyya bahee haala aartiif miijataa hin taane keessatti albeema 2 akkasumas sirboota qeenxee muraasa hojjateera.
Sirboota isaa keessaa hedduu kan jaalatu
''Sii yaa giiftii kiyyaa intala biyyaa
Si jaaldheen maradhe an maalinan fayyaa''
Hayiluu kitaabaa aartiin qabsa'aanii hawaasa keessatti jijjirama jabaa fiduun akka danda'amu warra ijjannoo qaban keessa tokko.
Gamaachi aartiin Oromoo jiruuf jireenya hawaasaa fi warraqsa ummataa keessatti bahe olaanaa akka ta'ee fi kana keessatti gumaacha isaa kaa'uu isaaf gammachuu qaba.
Xomborri aartii hangaafootan qabsiifame dhalootan itti fufaa deema. Haa ta'u malee amma teknoolojiin akkumaa waa tolchu hanga ta'e aartiirratti dhiibbaa akka geessise hima Hayiluun.
''Dur namoota sagaleen isaani miidhagu, sirboota walaloo ergaa jabaa qaban, namoota jaalala aartii qofa utuu hin taane hedduu shakalanii ga'umsa qabantu sirba.
Amma garuu namni hunduu sirbuutti jira. Sun hanga tokko akka namni sirboota durii caalchifatu waan taasise natti fakkata''
Bara amma teknoolojiin dandeetti ati hin qabne siif kennaa, furdaa hin qal'isaa qal'aa hin furdisa, isa dabe qajeelche bareechee dhiyeessa. Dur garuu kun hin turre waanuma ati qabdutu uummataaf dhiyaata ture jedha
''Biyya keenya qofa utuu hin taane akkuma addunyaattuu sirba Istiidiyoo keessatti sirbame haalli gad baatee waltajjii irratti ati ittin sirbuu dadhabdu akkuma Addunyaattu waan mul'ataa jiruudha.''
Hayiluu kitaabaa Aartiistoota Oromo keessaa Dr. Alii Birraa kan dinqisiifatuufi namoota isaaf fakkeenya ta'an keessati. Sirboota Alii Birraa hedduu dhageeffata akkasumas waltajji irratti sirbuu jaalata.
Kan malees Sirbootni wellistoota akka Abbitoo kabbadaa fi Zarihuun Wadaajoofaa isaaf fakkeenya.
Miseensa deeggartoota Arsenal
Haayiluu Kitaabaa artiin ala Ispoortiin tapha kubbaa miilaa kan isa bashannansiisu yoo ta'u deeggara kilaba Arsenaal isa cimaadha.
Inni akka warra kaani TV irratti ilaaluun deeggara qofa utuu hin taane miseensa garee deeggartoota Arsenal ta'uun buusii miseensummaa buusa.
''Sababni isaa ani dur irra jalqabee Arsenaal jaaladha. Akkataan tapha isaanii heddu natti tola. Akkusumallee isaan taphattoota Afrikaa ykn bifaan gurracha ta'an irratti qoodinsa guddaa hin qaban, gurrachota baay'ee hirmaachisu kun akkan deeggaru na taasiseera.
Gaafa miseensa deeggaraa taatuu, yeroo Arsenaal tapha qabu Istaadiyeemii seente charraa dawwachuu ni argatta.
Yoo guutellee miseensaf halli dursi itti kennamuu fi gatiin tikkeettillee hir'atu jira. Anis yeroo baayyee maatii koo waliin Istaadiyeemii deemee tapha Arsenaal dawwachaan ture.
Arsenaal har'a xumura waancaa Shaampiyoonsi Liifiif darbuuf PSG waliin morkata.