Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Wallee 'addarraan lootii gad dachaastee...' jedhuun kan beekamu Kumalaa Addunyaa maalitti jira ?
Kumalaa Addunyaa sirboota aadaafi qabsoo sirbuudhaan beekama. Keessumaa sirba "Addaarraan lootii gaddachaastee, shaashaa gootee garaa na rooraastee," jedhuun hawaasa biratti heddu jaalatama.
Sirbaa cidhaa akkasumas, waggaa kudhan dura kan baase sirba "bara roobni hammaate" jedhus qaba.
Sirboota biroo kanneen akka "Akkam jirta fayyaa? Haa ga'u nagaan koo Oromoo biyya hambaa jiraniifi horaa mee yaa loonii," kan jedhan fa'aa Angaatuu Baalchaa waliin wal-harkaa fuudhanii sirbaniiru.
Yeroo ammaa Awustiraaliyaa Meelborn kan jiraatu Kumalaa Addunyaa qabsoo hidhannoorraa kaasee hanga ogummaa fayyaa barachuutti maal keessa akka darbeefi yeroo ammaa maalirra akka jiru BBC'tti himeera.
Godiina Shawaa Lixaa Jaldutti dhalachuu kan himu Kumalaan hanga bara Dargiin kufee chaartarri hundaa'uutti loltuu Adda Bilisummaa Oromoo ta'ee mootummaa Dargii lolaa akka ture hima.
Chaartarri erga hundaa'ee booda gara Finfinnee dhufuun Baandii Gadaa keessatti hirmaachaafi sirba baasuu akka eegale kaasa.
"Chaartara boodan wallee eegale. Ani warra laalan qabsoo sirbatti fidde keessayi. Bara sagaltamoota keessa Baandii Gadaa, Baandii Bilisummaa, Baandii Booranaafi Bareentuu keessas Adam Haarun fa'aa waliin sirbaa ture.
Kumalaafi Angaatuu Baalchaa
Waldhabdee ABO fi mootummaa cehuumsaa gidduutti dhalateen ABOn chaartara keessaa bahuu booda Kumalaa Addunyaafi Angaatuu Baalchaa sirba qabsoon beekaman.
Namoonni baay'een Kumalaafi Angaatun obbolaadha jedhanii ilaalu. Haadhoo garaa tokkoo ta'uu baataanis lamaansaanii firooma dhiigaa qabu.
''[Angaatuu waliin] ilmaan durbiiti nuti. Walumaan guddanne, sirbas walumaan baasne," jechuun firooma dhiigaa Angaatuu waliin qaban yoo himan aartist Kumalaan.
Angaatuu waliin ta'uun kaaseeta jalqabaa bara 1997, waggaa 30 dura, Angaatuu waliin baasuu kan himu Kumalaan, sana durayyuu baandii keessatti waliin sirbuun beekamtii akka qaban kaasa.
Akkam jirta fayyaa yaa boontuu karaa bahaa jirtuu,
Guyyaan gammachuu dhiyaateera wal-arguun keenya hin ooltuu...kan jedhu fa'aa wal-harkaa fuudhanii sirbuun beekamu.
Addi Bililisummaa Oromoo Chaartara keessaa bahuusaatiin booda artistoonni Oromoo hedduun Finfinnee keessatti adamfamaa fi hidhamaa akka turaniifi innis kanaaf saaxilamee akka ture kaasa.
"Artistoonni hedduun warri na angafan dabalatee Finfinnee keessaa bahuu hin danda'an ture. Nama adamsuu, humnaan nama qabanii wal-tajjiirratti akka sirban nama dirqisiisutu ture," jedhan haala yeroo sana ture yoo yaadatu.
Hari'atama irra gahu jalaa miliquuf gara Keeniyaatti baqate. Baqataa ta'ee Keeniyaa waggaa lama erga jiraatee booda gara Awustiraaliyaa deeme.
Hakima loltuu ABO irraa hanga ispeeshaalistii fayyaa sammuutti
Daa'imummaa kaasee baruumsa heddu akka jaalatuufi dandeettii cimaa akka qabu kan himu Kumalaan, weellisuu kan eegale qabsootti erga seenee booda ta'uu kaasa.
Baruumsa saayinsiitiif jaalala addaa akka qabus dubbata. Yeroo qabsoo hidhannoof Adda Bilisummaa Oromootti makamee tures ogummaa wallaansa fayyaa barachuun namoota lolarratti rukutaman fa'i wallaanaa turuu hima.
"Saayinsii baay'een jaaladha, baruumsa baay'een danda'an ture. Osoon [kutaa] kudha lama [qormaata] hin fudhataniin gara bosonaa deeme. Yeroon bosona deeme waa'ee fayyaa xiqqoo baradheen yeroo lolarra turreetti namoota madaa'an waldhaanaa ture," jechuun hirmaannaa qabsoo hidhannoo keessatti qabaachaa ture ibsa.
Kufaatii sirna Dargiitiin booda gara Finfinneetti erga deebi'ee ammoo, ogummaa fayyaa osoo hin taane walleedhaan beekamtii argate. Haata'u garuu, mootummaa ADWUI baqatee gara biyya hambaa erga deemee barnoota osoo jaalatuu dhiisee bosona deeme sanatti deebi'e.
Ogummaa fayyaan sertifikeeta irraa ka'ee har'a hakima fayyaa sammuu ta'eera. Yeroo dhiyoo as ammoo miidiyaa hawaasaa irratti fayyaa sammuu akkamitti eeggachuu akka qabnu gorsa kennaa jira.
Erga walleesaa "bara roobni hammate" jedhu erga baasee as wallee biraa osoo hin baasin fagaatera. Waalleerraa maaf fagaatte? jennee gaafanneerra.
Sirbi yoo na dhiise malee sirba dhiisuu hin danda'u
Yeroo ammaa yeroosaa guutuu ogummaa fayyaa sammuurratti xiyyeeffatee hojjataa jiraachuu kan himu Kumalaan, Awustiraaliyaa keessatti sagantaalee addaa addaarratti argamee akka weellisu dubbata.
Sirbi yoo isa dhiise malee inni danda'ee sirba dhiisuu akka hin dandeenye kaasuun jaalalli aartiif qaban ammalleen cimaa ta'u ibse Kumalaan.
"Kaaseetta ergan baasee waggaa kudhan guuteera. 'Bara Wayyaanee' sanan baase, ergasii hin baasne. Amma qeerroo hedduun biqiltee jirti, isaanuma fa'aa teenyee dhaggeeffanna amma," jechuun dhaloota lafaa dhufaa dhaggeeffachuu akka filate dubbatan.