Tiraamp godaantota eeyyama hin qabne Guwaantaanaamootti erguuf

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp godaantota kuma 30 ta'an giddugala turtii baqattootaa Guwaantaamoo Beey jedhamutti erguuf.

Bakki teessoo loltoota Ameerikaa ta'ee fi Kuubaa keessatti argamu kun mana hidhaa waraanaa yoo ta'u iddoo addatti godaantonni keessa tursiifaman qaba.

''Godaantonni seeraan alaa Ameerikaaf akkaan sodaachisan iddoo kana kan tursiifaman ta'a,'' jedhe Tiraamp.

Godaantota Ameerikaa keessaa ari'aman gara Guwaantaamoo Beey erguun kanaan duras tureera. Kanneen mirga dhala namaaf quuqaman gocha kana akkaan qeequ.

Qondaalli Tiraamp dhimma godaantotaa irratti muude Toom Hoomaan, iddoon baqattoonni tursiifaman babal'ifamuu akka danda'uu fi dhimmisaaniis dhaabbata godaantotaa fi gumruukaa- Immigration and Customs Enforcement (ICE) jedhamuun akka hoogganamu ibsan.

Godaantonni humna galaanaa Ameerikaatiin gara iddoo turtii kanatti akka geeffamanii fi tarkaanfiin ''cimaa'' jedhamu akka fudhatamus dubbatan.

Iddoon godaantonni tursiifaman kun yoom akka ijaaramuu fi maallaqa hangamii akka baasisu garuu hin ibsine. Mootummaan Kuubaa karoora Tiraamp mormeera.

Ameerikaan iddoo qabiyyeeshee ta'e kanarratti karaa seeraan alaatiin namoota uggurtee dararaa jirti jechuun himate.

Pirezidant Tiraamp seera Laken Riley Act jedhamu erga mallatteessee boodadha, tarkaanfiin kun akka fudhatamu kan labse.

Godaantonni eeyyama seera qabeessa ta'e hin qabne yakka hannaa yookiin hookkara kaasuun himatamanii dhimmisaanii seeraan yoo qabame, mana hidhaa taa'anii dhimmasaanii hordofachuu danda'u.

Seerri maqaa barattuu Joorjiyaa bara darbe ajjeefamteen mogga'e. Barattuun gosa barnootaa narsii kun baqataa lammii Venezuweelaatiin ajjeefamte. Seera maqaa barattuu kanaan moggaafame kana Kongiresiin Ameerikaa raggaasiseera.

Seera Waayit Haawsu kana kan mallatteesse Tiraamp, ministeerri Ittisaa fi Ministeerri dhimma biyya keessaa iddoo turtii godaantota kuma 30 qabachuu danda'u akka qopheessaniif ajajeera.

"Godaantonni gariin baayyee hamoo ta'uusaaniirraa kan ka'e biyyisaaniillee ni simatti jennee hin yaadnu. Akkasaan gara biyyasaaniitti deebi'an waan hin barbaanneef Guwaantaanaamoo tursiifna. Achi keessaa miliqanii ba'uun salphaa miti,'' jedhe.

Iddoon turtii kun baayyina godaantota eeyyama hin qabnee Ameerikaan tursiisuu dandeessuu dachaan dabala jedhameera.

Dhaabbati giddugala godaantotaa Guwaantaanaamoo- Guantanamo Migrant Operations Centre (GMOC) jedhamu Guwaantaanaamoo Beey keessatti argama.

Waggoota kurna hedduuf Dimokiraatonni fi Rippaablikaanonni godaantota achitti hidhaa turaniiru.

Jaarmiyaan idiladdunyaa mirga godaantotaaf falmu International Refugee Assistance Project (IRAP jedhamu Ameerikaan godaantota galaana namni bira hin geenyarra oofuun mirgasaanii sarbaa jirti jechuun himateera.

Waa'ee bakka kanaa ilaalchisee mootummoota Ameerikaa bira yaadi walfakkaataan hin jiru.

Pirezidantiin duraanii US Joo Baayidan iddoo godaantonni tursiifaman miti jedhaa ture, Tiraamp ammoo iddoo kana godaantota hamoodha jedhu tursiisuuf karoorfateera.

Qondaalli nageenyaa fi tikaa biyya keessaa Kiristii Naa'oom maallaqi iddoon godaantonni tursiifaman ittiin ijaaramu ''waliigaltee fi karaa seera qabeessaan'' ramadama jedhan.

Manni hidhaa waraanaa kun kanneen haleellaa 9/11 waliin walqabatee qabaman dabalatee bara 2001 irraa kaasee namoota hedduu qabatee jira.

Pirezidantii duraanii Baaraak Obaamaa dabalatee aanga'oonni US kaan iddoo kana cufuuf waadaa seenanii turan.

Iddoon kun manneen hidhaa 15 kan qabu yoo ta'u Ameerikaan bakka kanaa teessoo loltootashee qabaachuun ishee hin gammachiisne.

Erga Fidal Kaastiroo bara 1959 aangoo qabatee as Ameerikaan iddoo kana qabiyyeeshee jala galfatte jechuun Kuubaan ni himatti.