Bilbila harkaa keessan, sibiila qaaliifi waraana DR Koongoo keessaa

Sibiilli xiqqaan bilbila harkaa keessan keessatti argamu tarii kan lafa baha Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo, bakka yeroo ammaa kana waraanni itti gaggeeffamaa jiru irraa argame ta'u mala.

Qabeenyaan Taantaalam kan bilbilli harkaa keenya dabalatee meeshaaleen elektironiksii hedduun itti hojjatamutu biyya sana keessaa oomishama.

Qabeenyaan umamaa kunis garee finciltoota M23 kan tibbana mata duree oduu addunyaa ta'e waliin illee kallattiin kan walqabatu ta'uu mala.

Taantaalam meeshaa keessan keessa jiru ulfaatina giddu galeessaa hangagumaa baqqelaa tokkoo gadi tahe qaba.

Garuu bilbila ismaartii fi meeshaalee elektirooniksii gati jabeeyyii ittiin hojjechuuf gargaara.

Amalli addaa sibiila baay'ee hin argamnee fi biftisaa halluu cuqulisa- daalacha qabu kanaa, guddina isaa wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu chaarjii olaanaa qabachuu danda'uusaa dabalatee, ho'a adda addaa keessatti kan hojjetuu fi meeshaa gaarii kapaasitaroota (capacitors) xixiqqoo, kanneen yeroodhaaf anniisaa kuusaniif qabudha.

Albuudni kun akkasumas Ruwaandaa, Biraaziil fi Naayijeeriyaa keessatti kan bahu yoo ta'u, haa ta'u malee yoo xiqqaate %40, tarii kan kana caaluu, gabaa addunyaatiif DR Koongoo irraa kan argamudha.

Naannoowwan albuuda kanaa ijoo muraasni ammoo ammaan tana to'annoo finciltoota M23 jala jiru.

Lolli amma jiru kun ji'ootaaf kan ture yoo ta'u, finciltoonni kunneen Dilbata torban darbee wiirtuu daldalaa fi geejjibaa murteessaa taate Goomaa irratti haleellaa raawwataniin xiyyeeffannoo hawwatan.

Magaalattiin tunis Ruwaandaa waliin kan daangeffamtu yoo ta'u, isheenis giddugala naannoo daldala albuudaati.

Waggoota darban keessa, finicltoonni naannoo baha DR Koongoo kan albuudaan badhaadhee keessatti saffiisaan babalchuun naannoo albuuda taantaaliyem to'atan.

Akkuma hidhattoota hedduu naannicha keessa socha'an kan biraatti, hidhattoonni M23 mirga garee saba miidhamee kabachiisuuf jechuun ture.

Haata'u malee, daangaasaa bal'ifachaa wayita adeemu, albuudni meeshaa waraanaa bitachuufi loltootaaf kanfaluuf madda galii murteessaa ta'ef.

Ebla darbe magaalaa Rubaayaa magaala jidduugala indastirii albuuda biyyatti to'atan.

Naannichatti albuuda baasuun harka lammiilee Koongoo hedduu keessa hin jiru. Namoonni dhuunfaa kumaatamaan lakkaa'amanitu boolla banaa keessaa, ykn lafa jala, haala garmalee nageenyummaan isaa hin eegamnee fi fayyaaf hin tolleen albuudicha qotu.

Hojii albuuda qotuu kunis qaama toora walxaxaa fi al-idilee, kan dhagaawwan akkaafaatti fayyadamuun lafa keessaa gara gubbaatti fidaman, caccabsamanii, bishaaniin qulleessuudhaan, gibirri itti kaffalamuun, gurgurtaadhaaf gara biyya alaatti ergamuuti.

Hidattoonni M23 erga gara Rubaayaatti darbanii booda "bulchiinsa mootummaa fakkaatu" akka hundeessan gareen ogeeyyii UN ibseera. Isaan boodas kanneen albuuda qotanii fi daldalaniif hayyama kennuudhaan, waggaatti kan qotan kaffaltii doolaara 25 (£20) fi kanneen daldalan ammoo doolaara 250 akka kanfalan gaafatan.

Finciltoonni M23n kanneen albuuda qota hojii isaanii akka itti fufan mirkanneessuuf jecha kanfaltiisaanii dachaa lama guddisan.

Naannoo sanas dhufatanii gaggeessuudhaan, hidhaadhaan doorsisaa, daldaltoonni gareen kun hayyameef qofti daldala hojjechuu akka danda'an mirkaneessa.

M23n albuuda achii baafamu kiiloo tokko irraa gibira doolaara 7 kaffalchiisa. Gareen ogeeyyii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii akka tilmaametti, gareen M23n haala kanaan gibira albuuda Rubayaatti kaffalamu irraa ji'aan gara doolaara kuma 800 argata.

Maallaqni sunis isaan booda fincila kanaaf maallaqa oolu akka ta'u beekamaadha jechuun ni danda'ama.

Albuundi naannoolee finciltoota M23n to'ataman keessaa omishaman kunneen attamiin hidhata dhiyeessitii addunyaa gaha kan jedhu gaaffii keessa jira.

Biyyi ollaa Ruwaandaan kan M23 deeggaruun himatamtu, jidduugala deebiitii jedhu oggeessoonni UN.

Akka tiiyooriitti silaa, dhaabbanni mirkanneessaan, Innovative Tin Supply Chain Initiative (Itsci) jedhamuun beekamu, wanti gara bilbila harkaa fi elektirooniksii birootti seenu, naannoolee waldhabdee kan gareewwan hidhattootaa ajjeechaa raawwachuuf itti gaafatamummoo ta'an ittiin gargaaruu danda'u irraa akka hin dhufne jechuu qaba ture.

Ameerikaafi Gamtaa Awurooppaatiinis waliigaltee wal fakkaataatu jira. Dhaabbileen albuudawwan akka qorqoorroo, taantaalam, tungtiin fi warqee bitan, akka maallaqa walitti bu'iinsaaf ooluu akka hin kanfallee kan dhorkuudha.

Haa ta'u malee, adeemsi beekkamtii itti kennu qeeqameera.

Dhaabbata Ipis jedhamuutti oggeessi eegumsa nageenyaafi umamaa, Keen Maataayisan akka jedhaniitti, eddoowwan garaa garaatti albuudni murtaa'e qofti jiraachunsaa bulchiinsa naannichaatiif maaltuu akka ta'aa jiru to'achuun akka cimu taasisan.

Qaamni beekkamtii kennu (Itsci) albuudni kun eessaa akka dhufe ilaalchisuun ibsa irratti maxxansulleen, albuudichi yeroo geejibamu garuu sirriidhaan eessaa akka dhufe hin beekamu jedhe.

Itti dabaluudhaanis, akkasumas malaamaltummaanis jiraachuu akka malu kaasan.

''Dhaabbileen mootummaa mataansaanii mallattoo albuudni eessaa akka dhufe adda baasu daldalatootaatti akka gurguran dhagahama. Kunis sababii hojjjatootaaf haala gahaa ta'en hin kanfalamneefiidha. Isaan booda daldaltoonni mallaticha bituun ofiisaanittin itti maxxansu'' jedhu oggeessi kun.

Dhaabbanni to'atu (Itsci)n garuu himannaa kana kanaan dura haalee ture. Sirriyyuu qaama walabaatiin akka to'atamuu fi qonnaan bultoota albuudaa sadarkaa gadaanoo kumaatamaaf carraa hojii banuu ibse.

Oggeessoonni Dhaabbata Biyyoota Gamtomanii (UN) albuuda gara Ruwaandaa deemu ni hordofu. M23n erga magaalaa Ruubaayaa to'ateen booda albuuda baasuu itti fufeera.

Ruwaandaan albuuda koltaan (coltan) baasuudhaan yoo isa DR Koongoodhaa dhaquun walitti makte ''sararri daldalaa akka jijjiramu'' oggeessoonni kan dubbatan.

''Hidhanni daldalaa irra caalaan karaa M23n kan gaggeeffamu. Gara Ruwaandaatti ergu. Tasgabbii dhabiinsi Koongoo Ruwaandaa akka fayyadu agarree jirra'' jedhu oggeeyyoonni.

Odeeffannoon qorannoo ji'oloojii Ameerikaa akka agarsiisuutti, daldalli al-ergii Ruwaandaa bara 2022 hanga 2023tti parsantaa 50n dabaleera.

Dubbii Himaan mootummaa Ruwaandaa, Yolaandee Maakooloo garuu albuuda biyya saanii keessaa fayyadamaa jiraachu BBCtti himan.

''Haala ummattoota baha Koongoo kanneen mirga saanitiif qabsaa'anii faayidaa waliin walitti hidhuun siirrii miti'' jedhan.

Pirezidantiin Ruwaandaa Pool Kaagaameen gamasaanitiin xinxala oggeessoota dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kana kufiisaniiru.

Waraanaa baha Koongootti waggootaaf gaggeeffamaa jiru irraa eenyutuu fayyadamaa jira kan jedhu walmisiisaa ta'un itti fufeera.

Mootummaan Koongoo bara darbe himannaa Faransaayi irratti baneen, Apple ''albuuda naannoolee walitti bu'insaa irraa dhufuutti fayyadamu'' mana murteetti beeksiiseera.

Apple ammoo himannicha kuffiisuudhaan walitti bu'iinsi cimaa dhufnaan Kongoo fi Ruwaandaa irraa albuuda akka hin fudhannee ibse.

Ejjannoonni dhaabbileen teeknolojii gara biraa hanga ammaatti waan hin beekamneef, M23n albuuda naannoolee to'ate irraa argatu isaanitti gurguraa jiraachu mala.