Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dilbataa kaasee yoo xiqqaate namoonni 700 Koongoo keessatti ajjeefaman - UN
Lola cimaa magaalaa guddittii baha Rippablika Dimookiraatawaa Koongoo Goomaa keessatti gaggeefamaa jiruun yoo xiqqaate namoonni 700 ajjeefamuu UN ibse.
Akka dubbi himaan UN Isteefan Dujaarik jedhanitti akkuma finciltoonni M23 kan Ruwaandaan deeggaraman magaalaa guddoo bulchiinsa Kaaba Kiivuu to'atanitti namoonni 2,800 ta'an miidhamaniiru.
Finciltoonni amma gara magaalaa guddoo Kibba Kiivuu Bukaavuutti akka ce'an gabaafameera.
Waldhabdeen Baha Koongoo bara 1990moota keessa kan jalqabe yoo ta'u, torbanoota darban keessa garuu saffisaan hammaateera.
Hidhattooti M23 jedhamaniifi kan saba Tutsii irraa ijaaraman, mirga saboota xixiqqaaf qabsaa'aa jirra jedhu.
Mootummaan Koongoo garuu finciltoonni Ruwaandaan deeggaraman kunneen qabeenya albuudaa bal'aa naannoo Bahaa keessa jiru to'achuu barbaadu jedha.
Lakkoofsi namoota du'anii akka ol ka'u UN akeekkachiiseera.
M23 dhaabuuf waraanni Koongoo daandii Goomaa fi Bukaavuu gidduutti maandhee ittisaa hundeesse jedha dhaabbati oduu AFP.
Tola ooltonni dhibbaan lakkaa'aman Bukaavu hidhattootarraa qolachuuf galmaa'aniiru.
Dargaggeessi tokko, "Biyya kootiif du'uuf qophiidha," jechuun AFP'tti hime.
Jalqaba torbe kanaa finciltoonni M23 magaalaa guddoo biyyattii Kinshaasaa hanga to'atanitti waraana akka itti fufan beeksisan.
Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Teresee Kayikiwambaa, Ruwaandaan daangaa Koongoo seentee jijjiirama sirnaa fiduuf yaalaa jirti jechuun BBCtti himan.
Akka isaan jedhanitti, hawaasni addunyaa prezidaantiin Ruwaandaa Pool Kaagaameen waggoota kurnan lamaan darbaniif adabbii malee seera idil-addunyaa akka cabsuu hayyamuu isaanii ibsaniiru.
Dubbii himtuun mootummaa Ruwaandaa Yolaande Maakoloo himannaa kana haaluun, loltoonni biyyattii kan bobbaafaman waldhabdeen kun gara naannoo isaanii akka hin ceene to'achuuf qofa jedhan.
"Waraana hin barbaannu, biyyattii to'achuuf fedhii hin qabnu akkasumas jijjiirama sirnaa irratti fedhii hin qabnu," jechuun sagantaa BBC's Newsday'tti himaniiru.
Akka ogeeyyiin UN bara darbe tilmaamanitti Ruwaandaan loltoota 3,000 hanga 4,000 kanneen M23 cinatti socho'an baha Koongoo keessaa qabdi.