Chaayinaan uffannaa miira 'sabaa miidhu' dhorkuuf

Dubartoota Chaayinaa

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Seerri wiixinee haasaafi uffannaa ''miira uummata Chaayinaa miidhu'' dhorku falmii kaase.

Seerri kuni yoo ragga'ee hojiirra oole qarshiin ykn hidhaan adabsiisuu danda'a.

Ta'us seerichi hamma yoonaa maaltu seera cabsuu?, Maaltu hin cabsuu kan jedhu adda baasee hin himne.

Dhorkaan kunis akka malee jabaa akka hin taaneef fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaafi ogeessonni seeraa seerichi ifatti akka beeksifamu gaafachaa jiru.

Chaayinaan yeroo dhihootti waaggoota kurna baayyeen booda seera nageenya biyyaalessaa irratti jiijjiirama gochuuf yaada dhiyeessaa jirti.

Seerri uffannaa irratti dhiyaate garuu battaluma sana qalbii uummataa kan harkiseedha-namoonni baayyees seerichi akka malee fi kan bu'aa hin buusne jedhan.

Jette jettee dhagahamurraa namni uffannaa fi mallattoo, ''miira uummata Chaayinaa gadi qabu ykn miidhu,'' uffate akkasumas namni biraa akka uffatu jajjabeesse hidhaa guyyaa 15 ykn doolaara 680'n adabamuu mala.

Namoonni keewwata ykn haasaa ''miira uummataa miidhu'' qopheessan ykn raabsanis akkasuma adabbiin wal-fakaataa irra gaha.

Seerri wiixinee kuni gootota biyyaa warreen jedhaman, ''arrabsuu, maqaa balleessu akkasumas siidaa isaanii mancaasuu,'' ni dhorka.

Namoonni miidiyaa hawaasaa fayyadaman yeroo ''miirri'' uummataa midhamu qaamoti seera raawwachiisan akkamiin murteessu kan jedhu gaafachaa turan.

''Suufii fi karabaataa uffachuun keessa jiraa? Maarkisiizimiin biyyoota Lixaa keessatti jalqabe garuu Chaayinaa keessa jiraachuunsaa miira sabaa miidhaa?'' jechuun fayyadamaan miidiyaa hawaasaa biyyattii tokko gaafate.

Ogeessonni seeraa biyyattis seerichi sirriitti ifa waan hin taaneef sarbamni akka mudatuuf karaa bana jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Shaa'oo Hoong, ''poolisiin waan miira sabaa miidha jedhu yaada mataasaarraa ka'ee yoo murteessee fi namoonni kaan ammoo akka naamusa seera sana jalatti hin hammatamneetti yoo ilaalan hoo?'' jechuun mirga dhuunfaattis bu'uu akka danda'u akeekkachiiste.

Dhimma waggaa darbe falmii kaase tokkos kaaste. Chaayinaatti waggaa darbe dubartiin uffannaa aadaa Jaappaan keeaawwatte, ''lola kaasuufi rakkoo uummuun,'' himatamtee turte. Taateen kunis Chaayinaa keesstti dheekkamsa guddaa kaasee ture.

Fakkeenyawwan biroo tarkaanfiin irratti fudhatames kaasti ogeettiin seeraa kun.

Bara darbe Guraandhala keessa dubartiin wayyaa uffata dambii loltuu Jaappaan fakkaatu keeaawwatte hidhaa buutee ture.

Baatii darbe ammoo Beejingitti namoonni uffata halluu sabbata waaqayyoo qabu uffatan jila sirbaa weellistuu Taayiwaan akka hin galleef dhorkamanii turan.

''Wayyaa aadaa Jaappaan Kimoonoo keewwachuun miira uummata Chaayinaa miidhaa? Nyaatni Jaappaan eenyummaa miidhaa? Eenyummaan Chaayinaa yeroo keessa qoramee darbe yoom akkasitti waan salphaatti kan cabu tahe?'' jechuun namni miidiyaa hawaasaa irratti qeeqa kennuun beekamaniifi maqaa peennaa Waanga Wuusii jedhamu qaban barreessan.

Seerri kun wiixinee ta'us, Pireezidantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing bara 2012 gara aangootti erga dhufaniin booda lammiin Chaayinaa fakkeenyummaa qabu kan akkamiiti waan jedhu akka haaraatti tolchuuf barbaadaa jiru.

Bara 2019 Paartiin Kooministii Chaayinaa, ''qajeelfama naamusaa'' hayaata qabaachuu, gaasii kaarboonii faayidaarra oolchan hir'isuu fi Obbo Shiifi paartii isaanii irraa 'amantee' qabaachuu waan jedhu baasee ture.