Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa'ee haleellaa tibbana Lixa Oromiyaatti deemaa jiruu maal beekna?
Tibbana Lixa Oromiyaa godinaalee Shawaa Lixaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti waraanni humnoota nageenyaa mootummaa fi Waraana bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti deemaa jiraachuu jiraattonni BBC'tti himan.
Mootummaa naannoo Oromiyaas tahe mootummaan federaalaa dhimma lola jedhame kana ilalachisuun hanga ammaatti waan jedhan hin jiru.
Haata'u malee WBOn ibsa Caamsaa 17, 2023 baaseen, erga mariin nagaa marsaa tokkoffaa Zaanzibaaritti gaggeeffameen booda mootummaan kallattii hundaan waraanaa nurratti baneera jechuun himachuunsaa ni yaadatama.
Waraana waggoota dheeraaf mootummaafi hidhattoota WBO jidduutti gaggeeffamaa ture karaa nagaatiin furuuf daandii saaqa kan jedhame mariin nagaa bakka bu'oota mootummaafi WBO jidduutti guyyoota sagaliif erga taa'aameen booda marii ittaanu gaggeessuuf waliigalteen akka adda bahame qaamoolee lamaaniinuu ibsamee ture.
Ofii jiraattoonni waa'ee walitti bu'insa tibbanaa maal jedhan?
Caamsaa 17 bara 2023 Horroo Guduruu Wallaggaa, aanaa Guduruu magaalaa Kombolchaafi Daduu jedhaman keessatti dhukaasni humnoota lamaan gidduutti baname akka ture jiraattonni naannichaa BBC’n dubbise himan.
Jiraataan magaalaa Kombolchaa nageenya isaaf jecha maqaan isaa akka hin eeramne gaafate, Caamsaa 17 bara 2023 barii sa’a 11:30 booda magaalittii keessatti dhukaasni dhagahamuu hime.
''Dhukaasa cimaatu dhagahamaa ture. Nuyis sodaannee manaa hin bane. Isaan dura humnoonni nageenya mootummaa magaalittii keessa turan. Gara sa’aa boodaa garuu hidhattoonni WBO magaala keessa deemaa turan,'' jedhan jiraataan kun haala ture yoo ibsan.
Manneetiin daldalaafi waajjiraaleen cufaa akka turaniifi gara galgalaa keessa garuu dhukaasni dhaabbachu hime.
Dabalataan dhukaasa kana gidduutti namoonni nagaanilleen akka miidhaman himuun, manguddoon tokko ajjeefamuun sirni awwalcha isaanii gaafasuma akka raawwate BBC'tti hime.
Namni jedhame kun dhukaasa qaama kamiin akka rukutamee ajjeefame adda baasuu akka hin dandeenye hime.
BBCnis dhimma ajjeechaa jiraataan kun jedhan kana ilaalchisee madda walabaa kan biraa irraa mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Akkasumas guyyuma sana fageenya km 25 hin caallerratti kan argamtu Aanaa Habaaboo Guduruu magaala Daduu keessattis dhukaasni gara barii keessa akka ture jiraataan magaalittii BBCn dubbise himaniiru.
Magaala Daduutti barataan kutaa sagalii tokko ajjeefamuus jiraataan kun dabaluun BBC'tti himaniiru.
Hidhattoonni WBO, kan mootummaan ABO Shanee jedhuun ]garuu kan waliin marii taa'e], guyyoota lamaan kana magaalittii keessatti mul'achuufi manneen barnootaafi waajjiraaleen motummaa cufamanii akka oolan dubbatan.
Haata'u malee Caamsaa 19 bara 2023 ammoo magaaloota Kombolchaa fi Daduu lamaan keessatti dhukaasni dhaabbate akka oolee himan namoonni BBC'n dubbise kunneen.
Aanaa Abbay Coomman kan magaala Fincaa'aa keessattis Caamsa 19 bara 2023 sagaleen dhukaasaa dhagahame akka ture jiraattonni magaalittii irraa BBC'n dubbise ni himu.
BBC'n dhimma kanarratti bulchaa godinichaa dubbisuuf yaaliin taasise hin milkoofne.
Taatee kana dura maaltu mudate?
Waraanni Bilisummaa Oromoo- WBO ibsa guyyaa Roobii baaseen, erga marii nagaa marsaa jaqabaan booda mootummaan waraana cimaa isaanirratti banuu ibse.
Shawaa Lixaa fi Shawaa Bahaa akkasumas Horroo Guduruu aanolee tokko tokko keessatti lolli akka ture himeera.
Gama biraatiin ammoo Kibxata darbe Caamsa 16, 2023 haleellaa hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo magaala Oolancittiitti bananiin lubbuun namoota nagaa lamaa darbuu poolisiin Aanaa Boosati hime ture.
Ajajaan Poolisii Aanaa Boosat, Komaadar Mohaammad Suufaa BBC’tti akka himanitti, hidhattoonni waa'ee booda naannoo sa’aatii 11’tti Magaalaa Oolancitii seenuuf yaalii godhaniin lubbuun namoota nagaa lama darbun alatti, namoota lama irras miidhaan qaqqabeera.
Dabalataan hidhattoota keessaa namoota jaha ajjeesuufi afur ammoo to'achuu himan.
Komaander Mohaammad aanaa kana keessa hidhattoonni WBO bal’inaan socho’aa akka jiran BBC'tti himaniiru.
Walitti bu'insa waggoota afurii oliif mootummaa Itoophiyaa fi WBO gidduutti gaggeeffamaa turetti xumura gochuuf mariin nagaa marsaa jalqabaa Taanzaaniyaa odola Zaanzibaar irratti gaggeeffameera.
Qaamolee lamaan waliigaltee irra osoo hin gahiin adda bahanis, marsaa lammaffaan itti fufa jedhamee eegama.
Rakkoo nageenyaa Oromiyaa kutaalee adda addaa keessatti mudateen uummanni nagaa waggoota dheeraaf rakkoo hamaaf saaxilameera.