Sodaa Iraan Israa'el haleeluuf jedhuun, Netaniyaahuun aanga'oota walitti qabuuf

Ministirri Muummee Israa’el Benjaamiin Netaaniyaahuu

Madda suuraa, Reuters

Iraan Israa’el haleeluuf jirti sodaan jedhu dabalaa wayita jiru kanatti Ministirri Muummee Israa’el Benjaamiin Netaaniyaahuu aanga’oota olaanoo biyyasaanii waliin wal arguuf akka jiranmiidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

Iraan Israa’el haleeluu dandeessi sodaan jedhu dabalaa jira. Haleellaa waan hin oolle fakkaatu kanaaf of qopheessuu jecha Ministirri Muummee Israa’el Benjaamiin ammoo aanga’oota olaanoo biyyasaa waliin wal arguuf jedhameera.

Israa’el haleellaa xiyyaaraa gaggeessiteen torban lama dura ajajoota waraanaa olaanoo Iraan ajjeeftee ture. Kana hordofee Tehraan haaloo ba’uu dandeessi jedhamee muddamni jiru dabalaa jira.

Biyyoonni addunyaa baayyeenis lammileen isaanii gara biyyoota lamaaniitti akka hin imalleef akeekkachiisaa jiru.

Aanga’oonni US Michuu BBC US kan ta’e CBS News’tti akka himanitti, haleellaan Israa’el irratti raawwatamuun waan hin oolledha.

Ministirri Muummee Israa’el Benjaamiin Netaaniyaahuun Ministira Ittisaa Yo’aav Galaant fi mormituu beekamaa Beenii Gaantz dabalatee miseensa kaabinee waraanaa isaa waliin wal arguuf

Aanga’aan US CBS’tti dubbate Iraan dirooniiwwan 10o oliifi kiruuz misaa’elootta kudhanii ol, akkasumallee balaastik misaa’el fayyadamuu dandeessi jechuun akeekkachiisan.

Haleellaan Iraan gaggeessuuf jedhame kun ammoo buufatawwan waraanaa Israa’el irratti kan xiyyeeffatan yoo ta’u, guddinni haleellaa kanaa ammoo kan Israa’el ofirraa ittisuudhaafillee “cimaa” itti ta’uu danda’udha jedhameera.

Aanga’aan US kun itti dabaluun, carraan Iraan ammallee haleellaa kana dhiisuuf murteessuu dandeessullee ni jiraata jedhan.

Maddi lamaffaan biros CBSf akka mirkaneessetti, haleellaan Iraan Kun Jimaatarra raawwatamuu danda’a.

Lakkoofsi kiruuz misaa’el Iraan Israa’el haleeluuf gargaaramtu 150 akka ta’u dubbatan. Hangi haleellaa raawwachuuf karoorfameesguyyoota dhiyootii asitti dabaleerakanjedhamu yoota’u, kunammoodirooniiwwaniifimisaa’eloonni hangi ta’esirnaittisahumnaqilleensaa Israa’elseenuu akka danda’an gochuudhaaf jedhameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yaadonni ammakennamaajiran kunneen erga ganama kana US haleellaan kun waan hin oolledha jechuun akeekkachiiftee boodadha.

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Roobii darbe ibsa gaazexessitootaaf kennaniin, ‘‘Iraan Israa’el irratti haleellaa cimaa raawwachuuf’’ dhaadataa jirti jechuun, kun kan raawwatamu yoo ta’e ammoo Ameerikaan Israa’eliif deeggarsa adda hin cinne ni taasifti jedhan.

Muddamni dabalaajiru kun biyyoota akka US,UK, Indiyaa fi Awustiraaliyaa akeekkachiisa imalaa akka dabarsan taasiseera.

Israa'el torban tokko dura qoontsilaa Iraan Sooriyaa keessatti argamurratti haleellaa raawwattee qodaaltota waraanaa olaanoo dabalatee namoota 13 erga jalaa ajjeefamaniin booda, Iraan tarkaanfii haaloo bahuu akka fudhattu dhaadataa turteetti.

Pirezedantiin Iraan haleellaan qilleensaa magaalaa guddoo Sooriyaatti miseensota humnoota nageenyaa Iraan gameeyyii shan ajjeese ''deebiin kennamu malee bira hin darbamu'' jechuun akeekkachiisan.

Ibraahim Raayisii gocha kanaaf Israa’el kan balaaleffatan yoo ta'u, haleellaa xiyyaaraa kanaan humnoonni Sooriyaa hedduu ajjeefamaniiru.

Kanneen ajjeefaman keessaayis ajajaa olaanaa Humna Qudus, Birgaadar Janaraal Mohaammad Reezaa Zaaheedi fi Itti aanaan isaanii Birgaadar Janaraal Mohaammad Hadi Haajii-Raahimi akka argaman himame.

Haleellaa Qoontsilaa Iraan Damaaqootti dhiyoo jirurratti raawwatameef Israa'el itti gaafatamummaahin fudhanne

Madda suuraa, Reuters

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biiliinkan, haleellaan haaloo bahuu Iraan eenyuma kan fayyadu miti jedhuun ministiroota dhimma alaa Chaayinaa, Saawud Arabiyaa fi Tarkiitti himan.

Dhuma torban darbeerratti aanga'aan olaanaa Iraan tokko nageenyi Imbaasiiwwan Israa’el biyya biraatti argamanii ‘‘ammaan booda kan mirkanaa’e miti’’ jechuun dubbatanii ture.

Haasaa aanga’aa kanaatiin tarii qiyyeeffannaan haleellaa Iraan qontsilaawwan Israa’el ta’u akka danda’u agarsiiftuu taasifamuun fudhatameera.

Ministirri Raayyaa Ittisa Israa’el Yoo’av Gaalaanti gamasaanitiin, haleellaan kallattii Iraan deebii Israa’el ta’uf ni argata jechuun dubbatan.

Hamaasa Onkololeessa 7, 2023 haleellaa akka tasaa israa’el irratti bane hordofee waraanni ka’e amma baatii jaha darbeera.

Haleellaa Israa’el gaazaa keessatti raawwataa jirtuun irra caalaan isaanii daa’immaniifi dubartootaa kan ta’an namoonni kuma 33 ol ajjeeffamniiru.