Iraan haleellaa Sooriyaatti raawwatameef deebii osoo hin kenniin bira akka darbine akkeekkachiifte

Madda suuraa, Getty Images
Pirezedantiin Iraan haleellaan qilleensaa magaalaa guddoo Sooriyaatti miseensota humnoota nageenyaa Iraan gameeyyii shan ajjeese ''deebiin kennamu malee bira hin darbamu'' jechuun akeekkachiisan.
Ibraahim Raayisii gocha kanaaf Israa’el kan balaaleffatan yoo ta'u, haleellaa xiyyaaraa kanaan humnoonni Sooriyaa hedduu ajjeefamaniiru.
Israa'el dhimma kanarratti garuu yaada hin kennine. Waggootaaf bakkeewwan qiyyaafannoo Iraan waliin hidhata qaban, kanneen Sooriyaa keessatti Israa’el haleelaa turutu beekama.
Haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 Israa’el irratti raawwate hordofuun waraanni Israa’el-Gaazaa erga jalqabee haleellaan akkanaa cimeera.
Ibsa fuula marsariitii Pirezedant Raayisiin gubbati maxxanfameen ergaa gaddaa maatii qondaalota waraana gameeyyii kanaaf dabarsan.
Raayisiin du'a qondaaltoota waraana gameeyyii kanaaf haaloo ba'uuf dhaadachuun, haleellaan kun ''ajjeechaa maal-dhibdeedhaan gorsitoota Iraan kabajamoo shan irratti raawwatame'' jechuun ibsan.
Ibsichi keessatti haleellaa xiyyaaraa kana '' haleellaa shororkeessummaa fi yakkaa'' jechuun ibsuun, '' Israa’el humnootaa diddaatiin abdii kutachuu fi dadhabuu agarsiisa'' jedhan.
Ibsa isaanii keessatti "Otoo deebii hin kennineef bira hin tarruu" jedhan.
Ministeerri haajaa alaa Iraan haleellaan kun gocha “hamaafi dubbii barbaadu” Israa’el raawwatte jechuun, qaamoleen idil-addunyaa akka balaaleffatan gaafatan.
Qondaalonni Eegdota Warraaqsa Iraan keessaa olaanoon - humna waraanaa, siyaasaa fi dinagdee Iraan keessatti qooda olaanaa qaban - erga wal-waraansi bara 2011 Sooriyaatti eegale kaasee biyyattii kesatti sirna pirezedant Bashaar al-Asaad tumsu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haleellaan Smabata darbe kun naannoo ollaa Mazzeh, kibba-lixa Damaasqoo, naannoo buufata xiyyaaraa waraanaa itti argamutti, akkasumas waajjirri muummee UN damee Damaasqoo, Imbaasiifi manneen nyaataa keessatti argamutti raawwatame.
Dhaabbanni oduu Iraan Mehr jedhamu akka jedhetti, haleellaan kun hogganaa basaasa Egduu Warraaqsa Iraan kan damee Sooriyaa fi ittigaafatamaa aanaan isaa, akkasumas miseensonni Eegdota biroos ajjeefamaniiru.
Gareen mirga namoomaa Sooriyaaf duula gaggeessu ‘Observatory for Human Rights’ jedhamu UK keessa maadhefate akka jedhetti, haleellaa sanaan hoggantoota Eegdota Warraaqsaa dabalatee walumatti namoonni 10 ajjeefamaniiru.
Dhaabbanni Oduu Sooriyaa madda waraanaa wabeeffachuun akka gabaasetti, haleellaa misaa’eloota qaqqabe keessaa muraasa ittisuun danda’ameera, garuu haleellaan gamoo mana jireenyaa rukute namoota nagaa kaan ajjeesee, kan hafan madeesse jedhe.
Miidiyaan biyyattii kun itti dabaluun gamoonis barbadaa'era jedhee gabaase.
Jiraataan tokko dhaabbata oduu AFPtti akka himanitti, naannoo dhiha Mazzeh keessatti ''dho'iinsa'' fi '' aara guddaa'' arguu dubbatan.
"Sagaleen dho'iinsa misaa'elaa wajjin kan wal fakkaatu hordofee daqiiqaa muraasa booda sagalee ambulaansii dhaga'e," jechuun dabalee dubbate.
Viidiyoowwan addatti BBC'n hin mirkaneessine aarri guddaa fi gamoowwan barbadaa'an agarsiisaniiru.












