Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Dodolaatti namtichi daa’ima butee maallaqa gaafataa ture booda ajjeesuun harka kennate'- Poolisii
Godina Arsii Lixaa Aanaa Dodolaatti shakkamaan daa’ima ganna lamaa warra jalaa butee gadhiisuuf birriin kuma 100 akka kaffalamuuf gaafataa ture, guyyoota lamaan booda haala sukanneessaan daa’ima ajjeesuu poolisiin BBC'tti hime
Poolisiin akka jedheetti guyyoota kudhaniin booda ammoo namitich harka isaa poolisiitti kennate.
Namtichi daa’ima ganna lamaa mana firaasaatii magaalaa Dodolaarraa butee gadhiisuuf maalaqa erga gaafataa tureen booda, boolla awwaaldiigessa keessa awwaaluun shakkame kunis maqaansaa Izaddiin Kamaal jedhama.
Godina Arsii Lixaatti Itti gaafatamaa Qorannaa Farra-maalammatummaa fi Galii Ispeektara Gargaaraa Tashomaa Ta’eeraa, shakkamaan kun poolisitti harka kennate dhimmisaa qoratamaa jira jedhan.
Akka qondaalli poolisii kun jedhatti, Izaddiin daa'ima butee ajjeesuu kan jecha isaatiin amane yoo ta'u, guyyoota 10 booda poolisitti harka kennateera.
Daa'imni ajjeeffame attamiin butamte?
Namni daa’ima butee ajjeesuun shakkame Izaddiin Kamaal, magaalaa Dodolaatii warra jalaa daa’ima fuudhe wayita miliqu ''abbaa isaa biran geessa,’’ jedhe daa’ima maatii biraa fuudhe deeme.
ALI Guraandhala 1, bara 2015 Izaddiin maatii daa’ima kana biraa ''daa’ima itti fiigee isa simate, abbaa isaa biraan geessa jedhee fuudhe'' jedhan qondaali poolisii kun.
Garuun daa’ima fuudhee deeme abbaa isaa bira otoo hin geessin bakka biraatti fudhatee miliqe.
Sana booda daa’ima fudhatee bade warraa isaatti deebisuuf birriin kuma 100 dursa akka kaffalamuufi qabu abbaa daa’ima jalaa butee gaafate.
Warri daa’imaa maallaqa gaafatame kaffaluu diduun poolisitti beeksisan.
Abbaan daa’ima kanaa’’silaa fira kooti ati akkamitti daa’imaa fuutee birrii na gaafatta?’’ jechuun guyyuma sana Poolisii magaalaa Dodolaatti iyyate.
Sana booda poolisiin daa’imni sun fudhatamu suura daa’imaa waliin toora miidiyaa hawaasaarratti maxxanse.
Namoonni hedduun miidyaalee hawaasarratti qoodaa turan. Shakkaman kun garuu daa'ima warratti deebisuu dide.
''Izzaddiin birrii naaf hin galchine jechuun guyyaa lama booda daa’ima ajjeese,'' Baadiyyaa handaraa magaalaa Bulbulaa geessuun daa’ima boolla awwal-diigesssaa keessatti’’awwaale,'' jedhan qondaalli poolisii kun.
Wixata gaafa Guraandhala 20, 2023 daa'im erga ajjeesee awwaale booda magaalaa Kofaleettii poolisitti harka kennateera jedhan Ispeektara gargaaraa Tashomaa Ta’eeraa.
Guyyaa ittaanu reeffa daa’ima kanaa iddoo awwaale baafamuun hospitaala Phaawulositti ergamuu dubbatan qondaalli poolisii kun.
Torban kana keessa maatiin namni daa’ima isaanii jalaa butee miliqe akka to’atamuuf miidiyaa hawaasarratti iyyaafataa turan.
Daa'imni kun buutamee guyyaa lama booda haala sukanneessan ajjeeffamuu himan qondaalli Poolisii kun.
Izaddiin fi maatiin daa’ima kanaa firooma qabu jedhu qondaalli pooolisii kun.
Maatiin daa’ima kanaa Izaddiin waliin waldhabbii qabaachuufi dhiisuu garuu ammatti ragaa agarsiisu akka hin qabne dubbatu Ispeektara gargaaraa Tashomaan.
Namni daa’ima waggaa lamaa ajjeesuun shakkame kun raayyaa ittisa biyyaa keessaa badee, ji’a saddeet dura akka gara magaalaa Dodolaatii deebi’e quba qabaachuu dubbatan.