Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Somaaliyaa fi al-Shabaab: Falmii hidhattoota kunneen injifachuu, qormaataa mootummaa haaraa
Mootummaan haaraa Somaaliyaa wayita caasaa isaa ijaarratutti ija jabinaan miseensa duraanii al-Shabaab ofitti makeera. Namni mootummaan muude kun duraan mootummaa biyyattiin lolaa ture.
Kunis ta'ee garuu mootummaa haaraan haleellaa al-Shabaabiin qoramuun hin hafne. Haleellaan dhuma torbee darbee hoteela guddicha magaalaa Moqadishoo irratti raawwate, hagam takka mootummaa haaraan garee kanaan akka qoramuutti jiru agarsiisa.
Pireezidantii haaraan biyyattii Hasan Sheek Mahmuud wayita aangoo qabatan dhimmi ijoon isaan waadaa seenan garee al-Shabaab waggoota 15 darbaniif biyyattii burjaajiif saaxilaa ba'an obbaasuudha.
Isaan aangoo qabatanii ji'a sadi booda garuu al-Shabaab hoteela handaara masaraa mootummaa biyyattiitti argamu akkaan haleele.
Gareen kun sa'atiiwwan 30 ta'aniif hoteela kan to'atee ture. Haleellaa kanaan namoonni 20 ta'an ajjeefamuu fi 117 kan caalan madaa'uu qondaaltonni biyyattii himan.
Ji'a dura gareen kun tasuma daangaa Itoophiyaa seenuun bakkeewwan daangaarra jiran weeraree ture.
Hojiin garee kanaa pireezidantii haaraaf tuffii waan qaban akkasumas aangoosaa qoruuf waan hedan fakkaata.
Biyyi waggootaaf maqaanshee tasgabbii fi misoomaan beekamaa ture Itoophiyaan, yeroo ammaa waraanaa fi hookkaraan raafamuunshee hidhattoonni akka al-Shabaab akka itti seenaniif wantoota karaa saaqan keessaati.
Biyyoota lola mootummaan Somaaliyaa al-Shabaab irratti gaggeessu deeggaruuf loltootasaanii garas ergan keessaa adda durummaan eeramti.
Pireezidanti Hasan Sheek Mahmuud wayita aangoo mootummaa olaanaa qabatan kun yeroo lammaffaafdha, bara 2012 wayita yeroo jalqabaaf aangoo qabatanis hidhattoota al-Shabaab waggaa lama keessatti balleessuuf waadaa galanii turan.
Garuu hidhattoonni kunneen waggaa 10 booda har'allee walumaan jiru. Inumaa kan yeroo sanaa caalaa of ijaaraniiru.
Al-Shabaab mootummaa biyya bulchaa jiru cinaatti mootummaa mataasaa uummatee bakkeewwan hedduus qabatee of cimsee jira.
Iddoowwan to'annoo isaanii jala jiran keessatti gibira ofumaa walitti qabatu, jiraattonni magaalaa Moqadishoo danuun sirna haqaa garee kanaan tajaajilamuu fedhu, sababni isaas qondaaltonni al-Shabaab akka kan mootummaa malaammaltummaa fi seera-dhabdummaan kan laaqaman miti jedhanii waan amananiif.
Gareen kun iddoowwan murteessoo ta'an: gamoo paarlaamaa, buufata xiyyaaraa, imbasiiwwan, waajjira UN fi loltoota biyyoota alaa irratti haleellaa gurguddaa raawwachuu itti fufeera.
Al-Shabaab garee al-Qaa'idaa jedhamu waliin hidhata qabaachuun mirkana, Pireezidant Mohamuud garee kana humna waraanaa qofaan injifachuun akka hin danda'amne dhugaa bahaniiru.
Dubbi himaa fi hoogganaa itti aanaa al-Shabaab kan ta'e Muktaar Rooboo, ministira amantii ta'uun muudamee jira.
Qondaalli al-Shabaab mootummaan US akkaan barbaadaa ture kun aangoo mootummaa Somaaliyaa olaanaa argachuun miira walmakaa uumeera.
Kaan namni kun mootummaa keessa seenuu wayita simitan, gariin ammoo nama shororkeessummaan barbaadamu hin simannu jedhan.
Mootummaan US qondaala al-Shabaab kana namni argee dabarsee kenne Doolaara miiliyoona shan argata jedhee ture.
Qondaala tarasimoo fi tooftaa waraanaa al-Shabaab bareechee beeku kana fayyadamuun garee kana dhabamsiisuun ni danda'ama kanneen deeggaran akkuma jiran, kaan ammoo muudamuun Aab Rooboo biyyattii goolama kan biraatti galchuudha jedhu.
Al-Shabaab gamasaan mootummaan qondaalasaa kanaaf aangoo kennuun yakka guddaa balaa baatuudha jedheera.
Pireezidant Mohamuud ammoo muudamuun Mukaar Rooboo fi fooyya'uun damee ittisa biyyaa garee al-Shabaab dadhabsiisuuf tarsimoo fayyadaman ta'uu himan.