Dargaggoon baratee hojii dhabe yunivarsitii isaa birriikoo deebisaa jedhee gaafate

Dargaggoon lammii Naayijeeriyaa ganna 36 erga yunivarsitii baraterraa qarshiin ittiin barachuuf baasee naaf deebisaa jedhee kadhatee booda namoonni birmataniif.

Akka inni jedhutti barnootni digirii inni barate homaa isa hin fayyadne.

Oludaare Alaabaa waggaa shan barnoota qonnaafi misooma baadiyyaa baratee booda digirii jalqabaan bara 2015 kan eebbifame.

Digiriin na hin fayyadne jedhee yunivarsitiin baasi itti baase akka deebisu gaafatus garuu hin deebisneef.

Namoonni gaddaniif garuu qarshii walitti qabaniiruufi.

Torban darbe yeroo inni yunivarsiitii mootummaa Laadoke Akintolaa jedhamuufi kibba-lixa Naayijeeriyaati argamu dhaqee qarshii gaafatetti viidiyoon isaa waraabame qoodamaa ture.

Boodarra BBC Afaan Yoorubaatti akka dubbatetti digrii barachuuf qarshii hedduu baasus qonnaan hojii hin arganne, jireenyi kiyyas hin jijjiiramne jedhe.

Digirii barachuuf maallaqa meeqa akka baase garuu hin dubbanne.

''Akaakkayyuun kiyya ganna 90 akkuma liqeeffatee mana barumsaa na erge gaafa du’es qarshii liqeeffadhee akkan isa owwaaluuf deemu na gaafate,’’ jechuun dubbate.

‘’Of jibbe jennaan mana keessaa baheera,’’ jechuunis hime.

Yunivarsiitiin baasii isaa deebisuU dhabuus, gareen barattoota isa waliin baratanii maallaqa walitti qabanii kennaniiruufi.

Akka of ijaaruF dolaara 1,200 jechuunis birrii Itoophiyaa kuma 60 ol kennaniIf.

Eegasii maallaqa kanaan laaptoppii bitatee hojii onlaayinii dalaguu isa dandeessisu eegaluuf abdateera.