Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bernaar Loraandoo: 'Hoji-dhabdummaa maqsuun kan danda'amu hoji-dhabdoota hoji-uumtootatti jijjiiruuni'
Bernaar Loraandoo haadha isaa lammii Itoophiyaa fi abbaa isaa lammii Firaans irraa dhalatee kan guddate Itoophiyaa keessatti yoo ta'u, barnoota olaanaaf ammoo jalqaba gara Firaans, boodas gara Ameerikaa deeme.
Barumsa booda waggoota dheeraaf Ameerikaa keessatti hojjetaa erga tureen booda 'biyya koon tajaajila' jechuun gara Itoophiyaa deebi'e.
Dhaabbata 'Loraandoo endi asosiyeets' jedhu maqaa maatii isaan moggaafame hundeessuun hoji-dhabdummaa hir'isuu keessatti gahee isaa gumaachuuf hojii eegale.
Dhaabbati kun of jalatti dhaabbilee hedduu kan bulchu yoo ta'u, isaan keessaa tokko 'Inqoophaa' jedhama.
Abjuun isaa guddaan Itoophiyaa keessaa hoji-dhabdummaa maqsuu ta'uu kan himu Bernaar, kun ammoo 'hojii akkanumaan hojjetamu miti' jedha.
Akka inni jedhutti hojii uumuu jechuun namoota hojii dhabaniif hojii kennuu qofa miti.
Hojii gama dhaabbata isaatiin hojjetuun dabalataan gorsaa komiishinara komiishinii hojii uumuu ta'uunis tajaajilaa jiraachuu hima.
Bernaar dhimma hojiilee dijitaalaa ykn 'digital startups eco system' baay'isuu irratti ta'uu himuu.
'Inqoophaa' Bernaar
'Inqoophaan' dhaabbata sochii hojii uumuu itti jiru bifa qindaa'een itti adeemuuf yaadamee dhaabbate ta'uu hima Bernaar.
Inqophaan jechaa afaan Gi'iiz yoo ta'u hiikni isaa warqee qulqulluu jechuudha. Warqee harka namaatti hin jijjiiramiin jechuu ta'uu hima.
Bernaar Itoophiyaa keessatti hojii-dhabdummaa maqsuun kan danda'amu "namoota hojii barbaadan gara hojii-uumtootaatti jijjiiruun yoo danda'ame" jedha.
Hojiin uumamu ammoo dameelee dijitaalaa irratti yoo ta'uu baate akka biyyattii addunyaa waliin dorgomuun akka hin danda'amne fi jijjiirama diinagdee dhufuu malu dandamachuun akka hin danda'amne hima.
"Hojii uumuun saayiinsii hedduu kan gaafatu miti. Karaa salphaa fi addunyaarratti akka hojjetan mirkanaa'an hordofuutu nurraa eegama," jedha.
Namoota fedhii hojii uumuu qaban gama maraan jajjabeessuu fi deeggaruu, hojii gama imaammataan hojjetaman beeksisuu fi ministeera innooveeshinii fi teekinoolojii akkasumas komishinii hojii uumuu waliin ta'uun wixinee labsii 'start up act' jedhamu deeggaruun barbaachisaa ta'uu hima.
Wixineen labsii kun kan qophaa'e ministeera saayiinsii fi teekinooloojiin yoo ta'u, barbaachisummaan isaa dhaabbilee lafaa dhufan deeggaruu qofa osoo hin taane dameelee guddina biyyaa keessatti qooda olaanaa qaban keessatti teekinoolojiitti dhimma bahuu kan dandeessisudha jedha.
Inqoophaan akkamiin hoji- uumtota gargaara?
Inqoophaan hoji-uumtoota gargaara jechuun akka dhaabbata gargaarsaa tokkootti akka hin taane Bernaar ni hima.
Hoji-uumtota gama seeraa, maallaqaa fi kaaniinis odeeffannoo kennuun akkasumas leenjii kennuu fi jajjabeessuun gargaara.
"Hojii uumuuf jalqaba hojii-uumtota uumuun barbaachisaadha" kan jedhu Bernaar, kana Inqoophaan qofaa isaa milkeessuu akka hin dandeenye hima.
Tumsa dhaabbilee mootummaa fi miti-mootummaa akkasumas hawaasa waliigalaa akka gaafatu hima.
Dhaabbati isaa imaammatawwan damee dijitaalaaf barbaachisoo ta'an qopheessuunis ministeera innooveeshinii fi teekinoolojii akkasumas komishinii hojii uumuuf ni dhiyeessa.
Hojii uumuu keessatti danqaan guddaan maallaqa ta'uu kan himu Bernaar, hoji-uumtonni madda maallaqaa haala itti argatan irratti cichoominaan akka hojjetu hima.