Sagantaan haaraa 'dargaggoota 1,000 ol gargaaruuf doolaara biliyoona tokko walitti qaba' - Dr Illeenii GabraMadiin

Dhaabbata Motummoota Gamtoomanitti Sagantaan Misoomaa (UNDP), sagantaasaa dargaggoota 1,000 ol carraa hojii haaraa uuman deeggaruuf, doolara biliyoona tokko walitti qabuun akka hojjatu Dhaabbatichatti dhiheenya kan filataman Dr Illeenii Gabremadiin BBC'tti himan.

Sagantichi maallaqa dhaabbilee dhuunfaafi mootummaarraa argamuun dargaggoota Afrikaa hojii uuman beekumsaan, maallaqaanifi haala hojii mijaa'aa ta'e uumuun kan deggaru yoo ta'u, kunis kan ganna kudhan dhufaniif hojiirra ooluudha jedhan.

Deeggarsi kun dargaggoonni hojii uuman dhaabbilee barnotaafi bizinasii waliin akka hariiroo uummataniif caraa kan uumuudhas jedhame.

Ganna 10 keessatti hoji-uumtota 1,000 ol deeggaruun 'gara sadarkaa fooyya'aatti ol guddisuuf'' kan saganteeffame wayita ta'u, kaan isaanii [dhaabbilee hojii-uumtota haaraa] dhaabbilee gurguddoo ta'u, kaan isaan immoo idduma jiran turuu danda'u jedhan.

Seekatara Tiimbuktuu jedhamee waamamu kana akka gaggeessan kan filataman Dr Illeeniin, ''yoo xiqqaate dhaabbilee 1,000 kana iddoo guddaarraan gahuuf deeggaruuf kaayyeffame,'' jedhan.

Sagantaa kanaan maallaqni walitti qabamu dargaggoota Afrikaa hojii uuman bifa lamaan deeggara jedhu.

''Dhaabbilee hojii uuman dhaaba misoomsuu gama tokkoon kan qabu yoo ta'u, gama biraatiin immoo hojii hojjataniif deeggarsa maallaqa qaama kennu ni qaba,'' jedhan.

Bara 2022 hojiirra kan oolu sagantaan kun, dhaabbileen dhuunfaa fi kan mootummaa walta'insa sirna ittiin deeggaran hordofa jedhan.

''Kana jechuun dhaabbilee mootummaafi dhaabbilee faayinaansii dhuunfaa kan hirmaachisudha. Hojiin kalaqaa balaa qabaachuu danda'a waan ta'eef, yaadni kalaqa jedhu galma ga'uu dhiisuu mala,'' jedhan.

Itti dabaluun haalli hojii kun sadarkaa Afrikaatti kana dura hojiirra oole akka hin beekne ibsaniiru.

Sagantichi akkamitti hojii-uumtota deeggara?

Dhaabbata Motummoota Gamtoomanitti Sagantaan Misoomaa bara dhufurraa qabee dargaggoota Afrikaafi hojii uumtota (entrepreneurs) deeggaruuf biyyoota Afrikaa 8-10 keessatti giddugala ni hundeessa.

Giddugaloonni kunneenis biyyoota keessatti hundeeffamaniin kan adda hin baafamne ta'us, damee kalaqaa tokkorratti maallaqaa fi deeggarsa garaa garaa taasisa.

''Fakkeenyaaf iddoo tokkotti qonnarratti yoo xiyyeeffate, dhaabbileen kalaqaa deeggarsa guutuu kan itti argatan, fandii maallaqaa kan itti argatan, dhaabbilee michuummaan hojjatanii fi dhaabbilee biyyoota alaa wajjin haala ittiin wal qunnaman ni mijeeffama.

Haala kana iddoo filatamanitti adeemsa kana uumufidha. Adeemsi akkasii amma yoonaatti hin turre,'' jedhan.

Dr Illeeniin dhaabbileen miti-mootummaa sadarkaa idil-addunyaa dargaggoota hojii uuman waldorgomsiisuun badhaasa maallaqaa kennaa akka turan eeruun, dargaggoonni doolara 5000'f wayita fiigan argina, bizinasii abjuusanii egeree godhatanii hojjataa akka hin jirre argina jedhan.

Kun miidhaa malee faayidaa hin qabu jechuu dandeenyas jechuun, ''Qooda fudhattoota hunda waliin adeemsa fooyyee qabu uumuu qabna,'' jedhan.

Jaarrmiyaan Misoomaa Dhaabbata Motummoota Gamtoomanii sagantaan baase hojii-uumtota haaraa maallaqaan deeggaruun olitti deeggarsa biroos ni kenna.

Dargaggoota hojii uumanii damee bizinasii irratti bobba'aniifi qaamolee damicharratti bobba'an waliin akka hariiroo cimsatan gargaara. Kana malees dargaggoonni yaada kalaqaa, beekumsafi qorannoon adeemsa ittiin deeggaraman mijeessa.

Waggoota afran darban Afrikaatti dhaabbileen hojii-uuman jaha ta'an kanneen doolara biliyoona tokkoo oliin sochiirra jiran uumamuu kaasuun, hojii uumtonni humna guddaa qabaachuu agarsiisa jedhan.

''Dhaabbilee kana dargaggootni uuman baayyinni isaanii 30 hin caalu. Dhaabbileen kanaan walfakkaatan biroo akka uumamanif carraa uumuufin kana eegale,'' jedhan.

Gama biraatiin, kalaqa hojii dargaggootaa tumsuuf maallaqa kennamu biyyootaaf haala haqa qabuun akka qoodamu gochuudhaaf jedhan.

Hojii uumtota haaraaf maallaqni Afrikaa bu'uura godhachuun gumaachame keessaa harki 80 gara Naayijeeriyaa dabarfamaa kan ture wayita ta'u, kan hafe biyyoota birootti qoodamaa akka ture kaasuun, adeemsi UNDP haaraan haala duraan ture akka jijjiruufi madda faayinaansii akka bal'isu eeraniiru.

Yaadni kun akkamitti dhufe?

Waggaa lama dura magaalaa Gaanaa Akiraatti dhaabbileen UNDP namootni dhiibbaa uumaan misooma Afrikaaf yaada marii jedhuun mariyatee ture.

Namoota Afrikaattii dhiibbaa uuman keessaa tokko Dr Illeeniin koree yaada dhaabbatichaaf galtee ta'an kennu keessatti miseensa turan.

Koreen kun yaada misooma Afrikaa keessatti itti fufiinsaan fayidaa qaban gumaachutu irraa eegama ture.

Magaalaa Finfinneetti dargaggoota hojii uumurratti dhaabbata hojjatu 'Blue Moon' jedhamu kan hogganan Dr Illeeniin, Afrikaan adeemsa hojii-uumtota haaraa deeggaru akka qabaattu gaafatan.

Kanarraa ka'uun dhaabbata isaan hogganan irraa dargaggoota deeggarsa argatan rakkooleen gara garaa akka mudatu akeekan.

Adeemsa dhaabbilee mootummaarraa kan ka'e ykn immoo dhimmoota kana waliin hidhata qabaniirraa kan ka'e ''hojiin isaanii baayyeen isaanii galma hin gahu,'' jedhan.

Gufuu dargaggoota mudatan salphisuun hojiiwwan kalaqaa deeggaruuf madda maallaqaa adeemsa kana jijjiru karaa dhaabbilee misoomaa UNDP akka diriirfamu yaada dhiyeessaniiru.

Namoonni bebbeekamoon dhiibbaa uumuu danda'aniifi dhaabbileen qooda qaban ijoon ''hundisaanii jaalataniiru,'' jedhan.

Saganticharratti ganna lamaaf mariyatamaa erga tureen booda guyyoota muraasan dura ifoome. Kanaaf yaadicha kan maddisiisan akka hoggananiif kan muudaman wayita ta'u, Dr Illeeniin bara 2022tti hojii eegaluuf jiru.

Dr Illeeniin gabaan oomishaa ECX akka hundaa'een, dhaabbata waggaa sadii keessatti doolara Ameerikaa biliyoona 1.2 sochoosu akka ta'u taasisaniiru.

Waggoota 25 oliif sirna gibiraa, daldalaafi hojii uumuu dargaggootarratti kan hojjataniifi Itoophiyaatti dhaabbata hojii uumuu deeggaru 'Blue Moon' jedhamu hundeessaniiru.

Gama biraatiin iddoo hojii mijataa ta'ee uumuuf kan oolu 'Blue space' dhaabbata jedhamu hundeessaniiru.

Dr Illeeniin wayita gara ittigaaafatamummaa haaraa kanatti darbaniittis, dhaabbileen isaan hundeessan lamaanitti ammoo dura teessuu boordii ta'udhaan 'Blue Moon' fi 'Blue Space' lamaanuu hojiisaanii akka itti fufan dubbataniiru.