Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hojii gaggeessituun Kaampaanii Ride Saamiraawit Fiqiruu badhaasa Mul'ata Biizinesii Afrikaa argatte
Hojii gaggeessituun Kaampaanii tajaajila geejibaa magaalaa Finfinnee keessatti kennu Ride - Saamiraawwit Fiqiruu, Badhaasa Mul'ata Biizinesii Afrikaa bara kana Niw Yoorkitti qophaa'e injifatte.
Badhaasni kun waggaa waggaan 'Africa open for busines award' jedhamuun Waldaa Diyaaspooraa Afrikaan magaalaa Niw Yoorkitti ni qophaa'a. Badhaasichi damee akka biizinesii, siyaasaa fi teeknoloojiin qophaa'a.
Gama hojii biiznesiin namootni dorgomanis ardii adda addaa irraa yoo tahu, ulaagaan dorgommichaa ammoo seen-duubee nama kaadhimamee, carraa hojii uumame fi dhiibbaa namni sun uume ilaaluun adda baha.
Itoophiyaa irraas tahe biyyoota Afrikaa irraa kaampaanii Ride qofatu damee biizinesiin filame. Kaampaaniin Raayid bara 2014 keessa hojii kan eegale yoo tahu, yeroo ammaa kana namoota 37,000 tahaniif Finfinnee keessatti qofa carraa hojii uumuu isaa, hojii gaggeesituun kaampaanichaa Saamiraawit Fiqiruu BBCtti himteetti.
Kaampaanii Raayid keessatti dubartootni 400 tahan hojii konkolaachisummaan qacaramanii hojjechaa jiru kan jettu Saamiraawwit dubartootni 7,000 tahan ammoo konkolaataa isaanitti nama qacaranii hojjechiifatu jette.
Hojiin kun badhaasa bara kanaa akka mo'attuuf sababa tahuus himtee kaampaaniin Raayid magaalota akka Gondar, Baahirdaar, Hawaasaa fi Adaamaa keessattis tajaajila isaa jalqabuuf karoorsuu himte.
Dabalataan kaampaaniin tajaajila geejibaa kennuun maamiloota hedduu horate Raayid, bara hojii darbettis galii isaa irraa mootummaaf gibira Birrii miliyoona 347 galchuu himte Saamiraawit.
Hundeeffama Raayid [Ride] fi bu'a bahii isaa..
Hundeessituu fi hojii gaggeesituun kaampaanii 'Ride' Saamiraawwit Fiqiruu bara 2014 kaampaanichi yeroo hojii eegale ka'umsi isaa rakkoo hawaasaa gama geejibaan jiru ilaaluun ture jette.
''Yaadni kun jalqaba rakkoo geejibaa irraa dhufe. Gaafa yaada kana jalqabe miindaakoo qusadheen, Birrii 40,000 qabadheen jalqabe. Rakkoo hawwaasaa furuuf jennee ture.''
Saamiraawwit osoo kaampaanii kana hin hundeessiin dura waa'ee kaampaanota tajaajila geejibaa wal fakkaataa kennan biyya biraa homaa hin beeku ture jette.
Haa tahu malee magaalaa Finfinnee keessatti Raayid dura kaampanotni lama tajaajila akkasii jalqabanii kufani ture jette.
''Nuyi ammoo rakkoo ture ilaallee gara teeknoloojiitti jijjiiruun ture kan eegalle. Hojii haala gabaa [marketing], hojii herregaa fi kaan ofumakoo waan hojjedhuuf hanga halkan sa'a 6tti hojjedheen mana gala ture.
Yeroo kana ture taaksii qabadhee yeroon galu osoo rakkoon uumame teeknolojiin ittiin maatiin koo na hordofan hin jiru jedhee gara kanatti galuuf kaniin murteesse jette.
Saamiraawwit yeroo geejiba taaksiin manatti galtu yaada kana konkolaachistootatti kaasuun osoo waraqaa eenyummaa fi ragaa keessan galmeessinee gara teeknoloojitti galchine ni hojjettuu jedhee yoon gaafadhu hundi isaanii eeyyamamoo turan jette.
''Tajaajilli interneetii dadhabaa waan taheef, konkolaachistootnis teeknolojii fayyadamuu irratti muuxannoo waan hin qabneef ergaa gabaabaan ture kan eegalle. Booda gaafa baramaa dhufudha kan teeknlojii keessa galchuun hojii eegalle jette.''
Rakkoolee mudatan yoo himtu jalqaba waan taheef kaappitaala gahaan hin turre. Maamiloota biratti beeksisuuf ammoo beeksisa miidiyaan hojjechiisuun dirqama ture. Beeksisa sekondii 30 hojjechuufillee Birrii 4,000 ol kaffalchiisaa waan tureef ulfaataa ture jetti Saamiraawwit.
Rakkoo biraa kan ture ammoo konkolaachistootnis akkamiin akka teeknolojii fayyadaman muuxannoo dhabuu isaanii yoo tahu isaaniifis leenjii kennaa waggaa tokko dabarsine jette.
Kana qofa osoo hin taane yoo teeknolojii fayyadaman galiin isaanii akka dabalu, osoo boba'aa hin fixiin bakkuma jiranitti maamila argachuu akka danda'an amansisaa turre jete.
Raayid akkuma tajaajila jalqabeen mootummaa irraas mormiin mudatee ture
Saamiraawwit dhimma kana yoo himtu ''mootummaan to'annoo hin qabu, cufamuu qaba jechuun nu morme. Mana murtiitti himachuun falmii mana murtii waggaa sadii booda Raayid injifachuun hojiitti galle,'' jette.
Amma magaalaa Finfinnee keessa kaampaanotni Raayid fakkaatan tajaajila geejibaa kennen hedduun jiru. Raayid garuu kaampaanii milkaa'ina gaarii agarsiisaa jiru tahuu himte hojii gaggeesituun kun.
Biyya keessattis hojii kanaan badhaasa adda addaa kan injifatte yoo tahu, amma badhaasni idiladdunyaa argatte kun kan jalqabaati.
Raayid namoota jahatu walitti dhufuun akka hojjetaa jiranis himteetti.