Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Warra Jaarsootti namtichi dubartii of fakkeessuun halkan mucaa dhiiraa warra mana bulee gudeede hidhaan adabame
Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Warra Jaarsootti namtichi dubartii of fakkeessuun keessummaa ta’ee mana namaa erga buleen booda halkan ka’uudhaan mucaa dhiiraa umuriin waggaa 17 ta’e gudeede hidhaan adabamuu manni murtii aanichaa hime.
Pirezedaantii mana murtii Aanaa Warra Jaarsoo kan ta’an Obbo Kabbabaa Birruu BBC'tti akka himanitti, gochi safuu hawaasaa cabse kun kan raawwatame aanicha bakka addaa Leencoo jedhamutti.
Himatamaan maqaa isaa Adaanaa Caannee jedhamuu fi uffata dubartii uffachuun dubartii yeroo fakkaatutti ammoo Maqaa Meerii jedhamuun waamamu ALI gaafa 05/09/2016 mana keessummummaan buleetti gocha qunnamtii saala walfakkaataa (Maddisa) raawwate.
“Himatamaan kun uffata Taayitii jedhamuu fi guutumatti dubartii of fakkeeseeti mana yakka itti raawwate kana kan bule. Mucaa dhiiraa maatii sanaa waliin madabiirra erga rafanii booda himatamaan kun halkan naannoo sa’aatii 8ti ka’uun mucaa kanarratti yakka kana raawwate” jedhan.
Qorannoon poolisii akka ibsetti, himatamaan kuni bakka maatiin hundi rafetti miidhamaan kuni akka hin iyyine uffata halkaniitiin afaan ukkaamsuun yakka qunnamtii saala walfakkaataa kana raawwachuu himan Obbo Kabbabaan.
Himatamaan kuni abbaa miidhamaa kana waliin firooma akka qabuu fi hawaasa biratti akka waan saala lamaanuu qabutti waliin dhahee nama jiraatu ta’uu ragaaleen mana murtiitti himuus dubbatan.
“Yakka kana raawwatee poolisiidhaan erga too’atameen booda qorannoo mana yaalaatti taasifameen yakkamaan kuni qaama saalaa dhiiraa akka qabuu fi qaamni saalaa isaa kunis yakka gudeeddii kana raawwachuu kan danda’u akka ta’e mirkanaa’era” jedhan.
Dhimicha kan ilaale manni murtii aanaa Warra jaarsoos ragaalee Abbaan alangaa dhiheeffate erga dhagahee fi himatamaan kuni ragaa ittisaa akka dhiheeffatu gaafatamee akka hin hin qabne waan himeef murtii balleessummaa kenneera.
Manni murtichaa dhadhacha gaafa 04/02/2017 ooleen himatamaa dubartii of fakkeessuun yakka dirqisiisanii gudeeduu saala walfakkaataa raawwate kana hidhaa cimaa waggaa afurii fi ji’a shaniin akka adabamu murteessuu himan Obbo Kabbabaan.
Gochi raawwatame kuni gocha aadmalee fi safuu hawaasaa cabse ta’uu kan himan Pirezedaantiin mana murtii aanaa Warra Jaarsoo kun, murtiin darbe ija seeraatiin yoo ilaalamu barsiisaadha jechuun, abbaan alangaa murtichi gahaa miti jedhee yoo amane ol iyyannoo gaafachuu danda’a jedhan.