Sagantaan yaadannoo Heevan, kan Baahir Daaritti gudeedamtee ajjeeffamteef Finfinneetti qophaa’e poolisiin dhorkame

Sagantaan yaaddannoo dungoo ibsuufi ibsa gaazeexaa mucaan wagga torbaa Heevan Awatii kan haala sukkanneessaadhaan Baahir Daaritti gudeedamuun ajjeefamtee ilaalchisee hoteela Iliillii Finfinneetti Jimaata kaleessaa taasifamuuf ture pooliisiidhaan akka adda citu taasifamuun dhagahame.

Sagantaan Heevan Awwatiif haqa gaafachuuf kaayyeefate kun eegalamee daqiiqaawwan muraasa keessatti poolisiidhaan adda kutamuu hundeessituufi pirezidantiin Paawor Seetaa Seet kan dhimma dubartootaafi daa’immanii irratti hojjatuufi ittaantuun pirezidantii Gamtaa Falmitoota Mirga Namoomaa Dubartoota Itoophiyaa Beeteliheem Akaalawarq BBCtti himaniiru.

Mucaa ajjeeffamte tana yaadachuufi haqa gaafachuuf Hoteela Ililliitti kan walitti qabaman Hagayya 23, 2024 guyyaa keessaa sa’aatii 8 irraa kaasee yoo ta’u, saganticharratti namoonni 57 argamanii akka turan dubbatan Beeteliheem.

Haata’u malee, ibsi gaazeexootaaf kenname adda kutamuudhaan poolisoonni karaarra dhaabbatanii hirmaattoonniifi gaazexessitoonni viidiyoo waraaban yoo balleessisaniifi bilbila harkaa fudhachuufi rakkisuun biraa akka raawwatame himtee jirti.

Qaamooleen qophicha qopheessan sa’aatii lamaaf to’atamanii akka turan Heevaniif deeggarsa ishee ibsuuf achitti argamtee kan turte Beetiliheem, mormii hedduun booda bittiniifamuu dubbatti.

Sagantaan dungoo ibsuu kunis Waldaa Qindoomina Dubartoota Itoophiyaa, Falmitoota Mirga Dubartoota Itoophiyaa, Waldaa Dahannoo fi Misooma Dubartootaa, Waldaa Dubartoota Ogeessoota Seeraa Itoophiyaatiin kan qophaa’e ture.

Sirnichis kan Heevaniifi haqa gaafatuufi ajjeechaan dubartoota irratti xiyyeeffate akka dhaabbatu gaafatu ture.

Sirna kanarrattis miseensoonni poolisii meeshaa waraanaa qabatan argamuun hookkarri guddaa n akka ture BBCtti himtee jirti.

Sirni dubgoo ibsuufi ibsi gaazexessitootaa sunis kan adda kutame ‘‘hayyama waan hin gaafanneef ta’uu’’ qopheessitootarraa dhagahuu Beetiliheem BBCtti himtee jirti.

Miidiyaalee hawaasaa gubbaatti miidhaa Heevaniifi dubartoota birraarra gahu akka morman kan dubbattu Beetiliheem, poolisoonni hirmaattootatti wanti himan omtuu akka hin turre kaafti.

BBC’n sirni yaadannoo kun sababii akka adda citu itti taasifame poolisii Magaalaa Finfinnee fi Poolisii Federaalaa irraa yaada argachuuf hanga galgalaatti yaalii taasisuulleen hin milkoofne.

Namni barattuu kutaa lamaa kan turte Heevaniin haala sukkanneessaa ta’een gudeduun ajjeesse abbaa ijoollee sadii Geetinat Baayyee murteen irratti darbe biyyattii keessatti dheekkamsaafi mormii kaaseera.

Ajjeechaafi gudeeddiin Heevan kan raawwatame bara darbe Naannoo Amaaraa Magaala guddoo Baahir Daar keessatti yoo ta’u, garuu taateen kun bal’inaan kan dhagahame dhiheenya kana ture.

Daa’imti tunis gudeedamtee akka hin iyyineef afaanshee keessatti ashawaa naquudhaan, ukkaamfamtee ajjeeffamuun, akkasumas qaamnishee murmuramuun mana jalatti gatamtee argamte. Namni haala sukkaneessaa kanaan lubbuu daa’ima tanaa dabarse kunis hidhaa wagga 25tu itti murtaa’e.

Namni kunis ol iyyachuu isaa hordofee haati Heevan dhimmicha gara miidiyaatti qabattee kan baate yoo ta’u, manni murtiitis murtee kennuuf baatii Onkololeessa dhufuutti beelamma qabateera.

Ajjeechaa daa’ima tanaarratti dheekkamsaa fi gadda olaanaa kan umee yoo ta’u, kana ibsuudhaafis mallattoo walitti qabuudhaaf sochiin intarneetii irratti eegalame guyyoota muraasa keessatti namoonni kuma 200 ol mallatteeffamun barameera.