Poolisiin Booranatti turisitii 'birrii naakenni' jedhee kadhate hidhaan adabame

Godina Booranaa Aanaa Eelwayyeetti ji'a Mudde darbe keessa namni miseensa poolisii ta'e tokko lammii Chaayinaa Koonsoorraa gara Yaabelloo Biskileetiin imalaa ture dhaabsisuun yeroo 'maallaqa naaf kenni' jedhuun viidiyoon isaa miidiyaa hawaasummaa irratti qoodamaa ture.

Viidiyoo sanarratti miseensa poolisii Aanaa Eelwayyee kan ta'e Inispeektar Abbabaa Kumsaa jedhamu tursitii kana dhaabsisuun Paaspoortii erga gaafateen booda Afaan Ingiliffaatiin 'Give me Money (maallaqa naaf kenni)' yeroo jedhuun sagaleen vidiyoo kanarraa nidhagahama ture.

Imalaan kuni lammii Chaayinaa akka ta'e ibsuufiin Paaspoortii isaas erga itti kennee booda poolisichi ammoo Biskileetii turistii kanaa irraa fuudhee yoo oofus mul'ate.

Viidiyoo lammiin Chaayinaa kuni dhoksaan waraabe gocha poolisii kanaa kan saaxile yoo ta'u, lammiin alaa kuni Itoophiyaa akka jaalatuufi wanti poolisiin kuni isarratti raawwate maqaa gaarii biyyattii kan balleessu akka ta'es vidiyoo kanarratti dubbata.

Vidiyoon kuni akkuma miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiifameen bulchiinsi aanaa Eelwayyee miseensa poolisii aanichaa gocha kana raawwatee fi nama kan biraa isa waliin doqdoqqeen imalaa ture to'achuu tibbuma sana Bulchaan aanichaa Obbo Galgaloo Dabbasoo BBCtti himanii ture.

Miseensi poolisii kuni erga to'atameen booda abbaan alangaa himata irratti banuun ji'a tokko darbeef dhimmi isaa mana murtii olaanaa Godina Booranaatti ilaalamaa ture.

Waajjira abbaa Alangaa Godina Booranaatti abbaa alangaa dhimmoota malaammaltummaan walqabatanii kan ta'an Obbo Dirribaa Dajanee, miseensi poolisii kuni mana murtii irratti gocha kana hin raawwanne jechuun waakkate jedhu.

"Gochi kuni guyyaa hin beekamne ji'a lamaan dura waan ta'e akka ta'ee fi guyyaa jedhame kana bobbii akka hin baane morme. Lammii alaa kana waliin akka walargan garuu amaneera.

"Akkan poolisii ta'etti imalaa kana shakkee jennaan bobbiirra waanan tureef adda baafachuuf paaspoortii isaa gaafadhe malee maallaqa hin gaafanne jechuun dhadhacha irratti morme" jedhan.

Abbaan alangaa gamasaatiin ragaalee namaa yeroo sana achi turanii fi ragaa viidiyoo miidiyaa hawaasummaa irratti gadhifamee kana mana murtiif dhiheessuun poolisiin kuni yakka kana raawwachuu ragaan deeggaruu himan.

Miseensi poolisii kuni labsii farra malaammaltummaa 881/2007 keewwata 9/1A jalatti himatamee ragaa ittisaa akka dhiheeffatu gaafatame.

Himatamaan kuni himata irratti dhihaate kana akka ofirraa ittisu gaafatamee ofirraa ittisuu waan hin dandeenyeef manni murtii murtii balleessummaa kennuu himan Obbo Dirribaan.

Dhimma poolisii lammii alaa 'Birrii naakenni' jechuun gafate kanaa kan ilaale manni murtii olaanaa Godina Booranaas poolisiin kuni namoota kaanifuu fakkeenya ta'ee barsiisuu osoo qabuu gocha maqaa gaarii biyyaa balleessu kanarratti bobba'ee waan argameef hidhaan akka adabamu murteesse.

Manni murtichaa dhaddacha Amajjii 20, bara 2018 ooleen miseensi poolisii kuni hidhaa cimaa waggaa tokkoo fi ji'a lama akkasumas birrii kuma tokkoon akka adabamu itti murteesseera.

Lammiin Chaayinaa gocha poolisiin isarratti raawwate kana viidiyoon waraabee miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiise ofii isaatii qaama mootummaatti dhihaatee hin himanne.

Eenyummaan isaas adeemsa mana murtii kanarratti hin baramne.