Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barattuu Yun. Haramaayaa daakkii bishaaniin medaaliyaa warqii sadii mo'atte
Feestivaala dorgommii ispoortii barattoota yunivarsiitiiwwan Itoophiyaa Jimmaatti taasifamaa jiru irratti dorgommii bishaan daakkiitiin barattuun yunivarsiitii Haramaayaa Eefuu Dammaqaa meedaaliyaa warqii sadii mo'atte.
Eefuu Dammaqaa barattuu yunivarsiitii Haramayaa waggaa tokkoffaati. Dhalattee kan guddatte biyya haroowwanii kan taate magaalaa Bishooftuutti.
Maatii isheef mucaa shanaffaa yoo taatu bishaan daakuu kan jalqabde daa'imummaadhaani. Umuriishee waggaa kudhanitti ammoo dorgommii bishaan daakuu eegaluu dubbatti.
"Magaalaan Bishooftuu naannoo haroowwan torbaa qabdi. Anis naannoo hara Baabboo Gaayaa jedhamuttan guddadhe.
''Maatiin kiyyas daakuu bishaaniitiin beekamu. Baay'een isaanii daaktuu bishaaniiti. Ani bishaan daakuu kanan bare daa'ima ta'eeni; gara dorgommiitti kanan seene waggaa kudhanitti" jette.
Abbaa fi obbolaan ishees sadarkaa kilabaatti gosa ispoortii bishaan daakuutiin akka hirmaatan dubbatti.
Maatiishee qofa otoo hin taane magaalaan Bishooftuu bakka daaktuun hedduun bahan ta'uu kan dubbattu barattuun kun, aadaan bishaan daakuu bal'inaan jiraachuu himti.
Akka magaalaa Bishooftuutti akkasumas akka Oromiyaatti dorgomaa turuu dubbatti.
"Umuriidhaanis ijoollee waanan tureef Shaampiyoonaa Oromiyaa irratti eeggattuun ture" jechuun dubbatti shamarreen daa'imummaan gara ispoortii bishaan daakuutti seente kun.
Dorgommii kanaan dura Magaalaa Bishooftuu bakka bu'uun dorgomte irratti meetii fi naasa akka argattes yaadachiisti shamareen ganna kudhaniin dorgommii bishaan daakuu eegalte kun.
Erga weerara Kooviidiitii dorgomtee akka hin beekne kan kaastu barattuun kun, ergasii dorgommiin ispoortii barattoota yunivarsiitii kan jalqabaashee akka ta'e dubbatti.
Qophiin taasisaa turte yeroo qormaataa waliin waan walirra bu'eef qophii gahaa akka hin taasisne kan dubbattu Eefuun "akkan mo'adhu garuu mirkanan ture.
''Nan mo'a jedheen dhufe" jechuun dubbatti barattuun meedaaliyaa warqii sadii mo'atte kun.
Eefuun yunivarsiitii Haramaayaatti barattuu waggaa tokkoffaa yoo taatu gosa barnoota saayinsii ispoortii galuuf fedha qabaachuu dubbatti.
"Waan baay'ee hojjechuu kanan barbaadu gama ispoortiitiini" jechuun karoorashee fuulduraa BBC'tti himti barattuun kun.
Gosa bishaan daakkii qomaa (breaststroke) meetira 50 fi meetira 100 akkasumas luqqifata (free style) meetira 100n kan dorgomte Eefuun, sadanuunuu meedaaliyaa warqee mo'atte.
"Ijoollee akka ani bishaan daakuudhaan dorgomu beekan kan anaa olitti [mo'achuukoo] eegan waan turaniif baay'een gammade.
''Isaaniinis waanan gammachiiseef baay'ee natti toleera" jechuun miira mo'achuusheetiin itti dhaga'ame ibsiti Eefuun.
"Jimma maarroo lammaaffaafan dhufe. Magaalli [Jimmaa] baay'ee miidhagdi" jechuun kan ibsitu barattuun kun haala waliigalaa achi jiruun gammaduushee dubbatti.
Barattoonni yunivarsiitii biraarraa dhufanis amala gaariidhaan turtii taasisaa jiraachuus himteetti.
Dorgommiin feestivaala ispoortii barattoota yunivarsiitii kun torban lamaaf kan turu yoo ta'u erga eegalee bubbuleera.
Ministeera Aadaaf Ispoortiitti deetaa dhimma ispoortii Makkiyyuu Mohaammadis sagantaa baninsa feestivaalichaa irratti haasaa taasisaniin feestivaalichi waltajjii hariiroon obbolummaa, sabdaneessummaa fi tokkummaan itti cimudha jedhaniiru.
Feestivaalli kunis waggootaaf addaan citee bara darbe deebi'ee eegale.
Kan bara kana yunivarsiitiiwwaan 49 gosa ispoortii 15'niin hirmaattota 7,500 ol akka hirmaatan sagantaa baninsaa irratti himamee ture.