Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Booranatti poolisiin lammii biyya alaa imalarra ture dhaabsisuun Birrii gaafate to'atame
Godina Booranaa aanaa Eelwayyeetti taateen tibbana mudate erga viidiyoon isaa miidiyaa hawaasummaa irratti qoodameen booda ijoo dubbii ta'e.
Guyyootaan dura lammiin Chaayinaa Koonsoorraa gara magaala Yaaballoo biskileetiin imalaa ture poolisii fi nama sivilii tokkoon dhaabsifama.
Viidiyoo tuuristiin kuni waraabee qoode kanarratti akka mul'atutti lammiin alaa kuni yeroo gara Yaaballoo biskileetiin imalu poolisiin kunii fi namni sivilii kan motora hoofu daandii faallaa irraa tursitii kanatti dhufanii dhaabsisan.
Sanbooda paaspoortii gaafatan. Imalaan kunis lammii Chaayinaa akka ta'e ibsuun gara Yaaballoo deemaa akka jiru itti hima.
Gocha poolisii kanaa kan shakke imalaan kuni dhoksaadhaan waan namootni lamaan kuni isarratti raawwatan hunda kaameeraa isaatiin waraabeera.
Viidiyoo kanarratti akka mul'atutti poolisiin uffata seeraa uffate kuni paaspoortii imalaa kanaa erga ilaaleen booda 'maallaqa kenni' yeroo jedhuun mul'ata.
Turistin kunis "maaloo paaspoortiikoo naakennaa. Ani Itoophiyaa nan jaaladha" jedhan. Eegasii poolisiin kuni motorarraa hiixatee Paaspoortii isaa kennaaf.
Eegasii 'Birri kenni' yoo jedhaniin ammoo Lammiin alaa kuni 'nni Birrii hin qabu' jechuun deebisaaf.
Yeroo kana Poolisichi doqdoqqee ittiin imalaa jirurraa bu'uun biskileetii turistii kanaa yaabbatee yoo daandirra oofu mul'ata.
Erga poolisiin kuni Biskileetii isaa deebiseefii jarri achii deemaniin booda lammiin Chaayinaa kuni akkas jechuun viidiyoo ofwaraabee miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiise.
"Poolisii fi hiriyaan isaa bakka keellaa sakatta'iinsaa hin taanetti nadhaabsisanii eessa deemta, eessaa dhufta jedhanii nagaafatan. Ilaalcha gaarii hin taaneen 'Paaspoortiikee fidi' naan jedhan.anis ittan kenne. Uffata seeraa waan uffatee jiruuf"
"Eegasii 'maallaqa fidi, maallaqa fidi' naan jedhan. Yeroo kana dhokseen kaameeraakootin waraabuu jalqabe. Kaameeraa akkan qabu baraniiyyuu ilaalcha gaarii hin taaneen 'maalalqa fidi, nyaata fidi, kaameeraa nuukenni, biskileetii nuukenni' naan jedhan" jedha.
'Itoophiyaatti poolisiin malaammaltummaa akkamii hojjeta? jedheen ofgaafadhe' jedha lammiin Chaayinaa kuni.
"Itoophiyaa onneekoo keessatti jaalala gaariin qabaaf. Ummannishee namoota gaariidha. Poolisiin kuni garuu maqaa gaarii biyya kanaa balleessa. Dhiisi maqaa biyya kanaa balleessaa jirta yooon jedhuunillee 'birrii fidi' jechuu ittuma fufe. Maali waan badan akkanaa?" jechuun ibse Turistiin kun.
Gochi lammii biyya alaa biskileetiin Booranatti imalaa jiru kanarratti raawwatame Vidiyoon isaa erga miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiifameen booda Poolisiin gocha kana raawwatee fi namni sivilii isa waliin ture too'annoo jala ooluu bulchiinsi aanaa Eelwayyee ibseera.
Bulchaan aanaa Eelwayyee Obbo Galgaloo Dabbasoo BBCtti akka himanitti gochi lammii alaa kanarratti namoota lamaan Kanaan raawwatame maqaa gaarii Booranaa kan miidhudha jedhan.
"Jarri kuni tuuristii karaa deemuu jiru karaatti dhaaban. Biskileetiisaa irraa fuudhanii, paaspoortii irraa fuudhanii qarshii gaafachaa turan. Namni yeroo sana achi ture poolisiin tokkoo fi namni siivilii tokko too'atamanii dhimmi isaanii seeran ilaalama"
"Uummanni Booranaa aadaasaa keessatti keessummaa itti dhufe kabajaan simachuun beekama. Nama karaa deemu jajjabeessanii deeggaru malee meeshaa isaa irraa fuudhuu hin qaban. Qarshiis gaafachuu hin qaban. Gocha hammeennaa safuu cabse" jedhan.
Poolisiin gocha kana raawwate miseensa Poolisii aanaa Eelwayyee ta'uu kan ibsan Obbo Galgaloon, gochi akkanaa Turistiin gara Booranaa dhufee akka hin daawwanne maqaa gaarii hin taane uumuu mala jedhan.
"Booranni nama bisaan gaafateyyuu aannan itti kenna. Booranni waan qabu keessummaaf kenna malee dhaabatee nama waa hin gaafatu. Gochi namoota kanaa akka waan kirsassaabdummaan babal'ateetti akka namni garana dhufee hin daawwanne dhiibaa uumuu mala" jedhan.
Tursitiin gochi kuni irratti raawwatame qaamaan bulchiinsa nannoo sanaatti akka hin beeksisnee fi tarkaanfiin namoota gocha kana raawwatan too'achuus viidiyoo gadhifamerratti eenyummaan Poolisii kanaa fi nama isa waliin turee waan mul'atuufi jedhan.
Poolisii fi namni sivilii tokko gocha aadmalee turistii irratti raawwatan guyyoota lamaan dura too'atamanii waajjira poolisii aanichaa kan jiran yoo ta'u ademsa seeraatiin murtii barsiisaa ta'e ni argatus jedhan obbo Galgaloon.