Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gumii Eeldallootti Poolisiin meeshaa waraanaan doorsisee Haadha ijoollee shanii gudeede hidhaan adabame
Godina Boorana Bahaa aanaa Gumii Eeldallootti miseensi Poolisii Farra Riphee lolaa meeshaa waraanaa hojiif hidhateen doorsisuun yakka gudeeddii raawwate hidhaan adabamuu Abbaan Alangaa aanichaa hime.
Itti gaafatamaan waajjira Abbaa Alangaa aanaa Gumii Eeldalloo Obbo Ibraahiim Mohaammad BBCtti akka himanitti, yakki kuni kan raawwatame aanicha Ganda Boobaa jedhamutti.
Miseensi Poolisii Farra Riphee Lolaa Boruu Halakee jedhamu kuni hojii idileesaarra osoo jiruu galgala naannoo sa'aatii tokkoo yoo ta'u bakka hojiitii heeyyamsiisuun hidhannoo Guutuu waliin gara bakka yakka gudeeddii itti raawwate kanaa imale.
"Bakka hojiitii akkuma nama shaayii dhugee deebi'uutti erga heeyyamsiiseen booda hidhannoo guutuudhaan gara maatii miidhaa irraan gahe kanaa imale. Halkan naannoo sa'aatii shanii yoo ta'u qe'ee maatii kanaa gahe"
"Akka waan dura walbeekan wayiiti. Erga achi gaheen booda abbaa warraa maqaadhaan waamee koottu bahi waraana mootummaatu sibarbaada jedhee fuudhee deeme" jedhan Obbo Ibraahiim.
Poolisiin kuni abbaa warraa miidhamtuu kana manaa baasee fageenya erga geesseen booda warra mootummaa waameefii akka dhufu itti himuun bakkuma jiru kana dhaabbatee akka eeguu ajaja kenneefii deeme.
Akka jedhe qaama mootummaa waamuurra gara qe'ee maatii kanaatti deebi'uun miidhamtuu dhuunfaa haadha ijoollee shanii taates bifuma walfakkaatuun 'Siinis qaama mootummaatu sibarbaada' jechuun qe'eedhaa fuudhee bahe.
Halkan walakkaan meeshaa waraanaa hojiif hidhateen sodaachisuun haadha warraa kanas kallattii abbaa warraa irra fuudhee deemeen addatti gara bosonaa geessuun yakka dirqisiisanii gudeeduu irratti raawwate jedha abbaan alangaa.
Miseensi Poolisii Farra riphee lolaa kuni yakka kana kan raawwate A.L.I Sadaasa 29, bara 2018.
Borumtaa yakka kana raawwatettis meeshaa waraanaa hidhatee jiru qabatee aanicha gadhiisee deemuun akka miliqe qorannoon poolisii ni akeeka.
Eeruu miidhamtoonni kuni gandaa fi poolisii aanichaatiif kennaniin miseensi Poolisii harmee ijoollee shanii dirqisiisee gudeeduun miliqe kana hordofuun torbee tokkoon booda Magaala Negellee Booranaatti meeshaa waraanaa guutuu waliin too'annoo jala oole.
Dhimmicha kan ilaale manni murtii aanaa Gumii Eeldalloos miseensa Poolsii Farra riphee lolaa halkan maatiitti seenuun meeshaa waraanaatiin deeggaramee yakka raawwate kana nibarsiisa jechuun dhadhacha gaafa Muddee 22, bara 2018 ooleen hidhaa cimaa waggaa sagalii fi ji'a torbaatiin adabeera.
Itti gaafatamaan waajjira abbaa alangaa aanaa Gumii Eeldalloo Obbo Ibraahiim Mohaammad, poolisiin seera kabajee kabachiisuu male yakka akkanaa raawwatee argamuun saalfachiisaa ta'uu eeruun adabbiin kunis barsiisadha jedhan.
Hawaasni yakkootni akkanaa naannoo isaaniitti yoo raawwatame eeruu qaamolee nageenyaatiif kennuun kanneen safuu hawaasaa cabsan seeran tarkaanfii barsiisaa akka agatan gaheesaa akka bahuu qabus dhaaman.