Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Iraan araaraafis waraanafis qophiidha jette

Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii biyyi isaanii mariifis waraanaafis qophii ta'uu ibsa Tarkiirraa miidiyaaleef kennaniin beeksisan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Afrikaan Kibbaa fi Israa'el dippiloomaatota waljalaa ari'an

    Afrikaan Kibbaa dippiloomaatii olaanaa Israa'el "duudhaa dippilomasii sarbe" jechuun yoo ofirraa ariitu, Israa'elis tarkaanfii kanaan kaka'uun ergamaa Afrikaa Kibbaa ofirraa ari'uun haaloo baate.

    Muddamni dippilomasii kun kan dhalate wayita ministeerri dhimma alaa Afrikaa Kibbaa bakka bu'aa ambaasaaddaraa (chargé d'affaires) Israa'el, Ariyaal Sa'idmaan, Imbaasii Israa'el jiru fudhatama dhowwattu (persona non grata) fi sa'aatii 72 keessatti biyya gad-lakkisee akka bahu itti himteetti.

    Sa'aatiiwwan keessatti immoo Israa'el tarkaanfii wal fakkaataa Paalestaayinitti ambaasaaddara Afrikaa Kibbaa kan ta'e Shaawu Edwaardi Biiynevelditrratti fudhatte.

    Erga Afrikaan Kibbaa Israa'el Filisxeeemota irrratti duguuggaa sanyii raawwatte jettee Mana Murtii Idil-addunyaatti himattee [Israa'el kan haalte] as hariiroon Israa'elii fi Afrikaa Kibbaa qorree jira.

  2. UN rakkoo maallaqaa hamaa keessatti kufaa jira - Barreessaa UN

    Sababa miseensonni biyyoota Gamtichaa baasii isaanirraa eegamu kaffaluu didaniif Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii rakkoo "hanqina maallaqaa hamaaf" saaxilamuuf akka jiru barreessaan Dhaabbatichaa Antooniyoo Gutaarez akeekkachiisan.

    Gutaarez, UN gaaga'ama faayinaansii "sagantaalee isaa akka hin hojjenne isa godhu isa qunnamuu" fi maallaqni jiruyyuu hanga Adoolessa dhufu akka hin dabarre ibsan.

    Gutaarez biyyootni miseensota UN baasii isaaniirraa eegamu akka kaffalan ambaasaaddaroota biyyoota 193tti xalayaa barreessuu himan. Dirqama faayinaansii kana bahaa dhaabbaticha kufaatiirraa oolchaa jedhan Gutaarez biyyootaan.

    Kun kan mudate Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif leecalloo idilee fi bajata nagaa eegumsaa hedduu kan gumaachitu Ameerikaan baasiiwwan baasuu diduu hordofeeti jedhame.

    Ameerikaan ejensiiwwan UN hedduu keessaa baateerti. Baasiin asitti baasus "qisaasasmaa fi maallaqa warra gibira kaffaluu bilaashatti baasudha" jettee didde.

  3. Iraan araaraafis waraanafis qophiidha jette

    Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii biyyi isaanii mariifis waraanaafis qophii ta'uu ibsa Tarkiirraa miidiyaaleef kennaniin beeksisan.

    Ameerikaan Iraan gara mariitti yoo hin dhufne tarkaanfiin irratti akka fudhatamu yeroo dhaadachaa jirtutti, aangawoota Tarkii waliin mariyachuuf gara Tarkii kan deeman ministirri dhimma alaa Iraan, filannoo lamaaniifuu -mariis,waraanas jirra jedhan.

    Rippaablikni Islaamaa Iraan mariyachuuf rakkoo hin qabdu, garuu marii doorsisa jalatti hin godhamuu hin danda'u," jedhan.

    Iraan marii haqa qabeessaa fi sirrii ta'e gochuuf qophii ta'uu fi dhimma kanarratti Tarkii waliin haasawaa akka jiran ibsan. Haata'uu malee, hanga yoonaa gama Ameerikaatiin mariif "yeroon murame hin jiru."

    Ministirichi biyyi isaanii "mariifis waraanaafis" qophii ta'uu jabeessanii hubachiisan.

    Iraan waraana Waxabajjii darbe guyyoota 12f ture caalaa qophii ta'uu ibsuun, "Miilana Ameerikaan kallattiin kan itti hirmaattu waraana as duraarra adda ta'e ta'a, Tarii immoo waraanichi waraana biyyoota lamaa olii gidduu ta'uu mala" jedhan.

    Gita isaanii ministira dhimma alaa Tarkii waliin ibsa miidiyaa kan kennan ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii, biyyi isaanii "adeemsa dippilomasii hiika qabeessa, ka'umsa bu'uura qabeessa qabuu fi haqa-qabeessa" ta'erratti hirmaachuu akka feetu ibsan jedhan.

    “Haala kamiinuu murtoo dhiibbaa qaama biraatiin durfamuu ykn dhiibbaa godhamu fudhachuuf fedha hin qabnu," jedhan. Muuxannoo kana duraatiin "Ameerikaan mariirratti qajeelummaa fi amanamummaan ishee hanqata" jechuun qeeqan.

    Haata'uu malee, Iraan marii sirnaawaa fi seera qabeessa faayidaa ishee kabajchiisu, akkasumas yaaddoo isheetiif beekkamtii kennu keessatti hirmaachuuf fedha ni qabdi jedhan.

    Ministirri dhimma alaa Iraan wayita Ameerikaan humna waraanaa ishee lafa dhiyeenya Iraanitti walitti qabachaa jirtutti jaarsummaa Tarkiitiin mariyachuuf Istaanbul jiru.

  4. Chaayinaan miseensota paarlaamaa UK irra qoqqobbii keessee turte kaafte - MM UK

    Chaayinaan miseensota Paarlaamaa UK jaharra qoqqobbii keessee turte hundumaa kaasuu Chaayinaa daawwachaa kan jiran MM UK Kiir Istaarmar himan.

    BBC Shanghai waliin gaaffii fi deebii tolchaniin Istaarmar, uggurri sochiifi qoqqobbiin kun Chaayinaan miseensota Paarlaamaa UK irra as dura Chaayinaan keessee turte amma booda ka'eera jedhan.

    Daawwannaan isaanii fi mariin Ministira Muummee Chaayinaa Shii Jiin Piing waliin godhan bu'a qabeessa ta'uu kan ibsan Istaarmar Shii Jiin Piing walgahii Garee biyyoota 20 (G-20) UK'n bara 2027 qopheessituun wal qabatee hogganaan Chaayinaa kun UK akka daawwatan abdii qaban ibsan.

    Yeroo Ministirri Muummee Beejiingi daawwachuu itti fufee jirutti Doonaald Tiraamp ''Chaayina waliin waliigaltee uumuun balaa itti fida,'' jechuun UK akeekkachiise.

  5. Iraan tarkaanfii waraanaa irratti fudhatamu hambisuuf "waan lama gochuu qabdi" - Tiraamp

    Yeroo US humnoota isaa Galoo Galaanaa keessa jiru cumsaafi itti butaa jiru kanatti, Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp, Iraan tarkaanfii waraanaa irratti fudhatamu hambisuudhaaf "waan lama gochuu qabdi" jedhe.

    "Tokkoffaan, nukilariin akka hin jiraanne. Lamaffaan ammoo, mormitoota ajjeesuu dhaabi," jedhe Tiraamp.

    Itti dabaluun, "isaan kumaatamaan ajjeesaa jiru [mormitoota]" jedhe.

    "Yeroo ammaa nuti dooniiwwan baayyee gurguddoo, baayyee ciccimoo ta'an yeroo ammaa kana gara Iraanitti qajeelan qabna, osoo silaa hin fayyadamnu ta'eee baayyee gaarii ture."

    Kun dhiibbaa torbanootaa Iraan dhimma nukilaraasheerratti akka mariitti deebituuf dhiibbaa gochaa erga tureen booda dubbiin Tiraamp ammaa kun isa dhiyoodha.

    Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Aragchii humnoonni hidhatan "quba isaanii qaataarra godhatanii battalatti humna guddaan weerara kamiifiyyu deebii kennuuf" qophiidha jedhe.

  6. Ameerikaan Iraan haleeluuf qophaa'aa jirtii?

    Jalqaba ji'a kanaa, Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp lammileen Iraan mootummaa Iraan irratti mormii kaasan "gargaarsi isiniif dhufaa jira" jechuun ergaa dabarseefii ture.

    Erga sanaa kaasee humnoonni waraanaa US suuta suutaan garuu osoo addaan hin citiin naannichatti kuufamaa jiru.

    Addunyaarratti humna waraanaa hunda caalaa guddaa ta'e kan qabdu Ameerikaan, Iraan haleeluu akka dandeessu agarsiisaa jirti.

    Oppereeshiniin Waxabajji darbe "Midnight Hammer" gaggeefame dhaabbileen nukilaraa Iraan irratti kan xiyyeeffate ture.

    Haleellaan Waxabajjii kun xiyyaarota 100 kan hirmaachise yoo ta'u, jeettiiwwan B2 dhokatanii Yunaayitid Isteetirraa ka'anii hanga Iraanitti balali'uun rasaasa cimaa lafa uree seeu "bunker-buster" bakka irratti xiyyeeffatame rukkutaa turan.

    Hunda ergaman keessaa tokkollee kan bakka hin taane rukkutes ta'e gufate hin turre.

    Amma gaaffiin jiru: US ammas irra deebitee Iraan haleeluuf jettii?

  7. Aanga'oonni Ameerikaa dhimma Iraan irratti Isaa'el fi Sa'udii waliin mariyachuuf

    Aanga’oonni olaanoo Amerikaa lama dhimma Iraan ilaalchisee aanga’oota ittisaa fi tikaa Israa’el fi Sa’ud Arabiyaa waliin mariyachuuf akka jiran Aksiyoos gabaaseera.

    Dooniiwwan waraanaa Ameerikaa gara Baha Giddu-galeessatti dhiyaachuu hordofee Ameerikaa Iraan irratti halellaa raawwachuu dandeessi jedhamee yaaddoon jira.

    Bulchiinsi pirezidant Doonaald Tiraamp doonii wraanaa dabalataa gara sanatti erguun isaas gabaafameera.

    Guyyoota darban keessa Israa’el, Sa’ud Arabiyaa fi biyyoonni biroo naannawaa sanaa Ameerikaan Iraan irratti haleellaa raawatti soda jedhuun yaaddoo keessa jiru.

    Bakkawwan Iraan keessatti irratti xiyyeeffachuun haleeluu qabanirratti Israa’el fi Ameerikaan odeeffannoo wal jijjiiraa akka jiran ragaan sabaa-himaan Ameerika Aksiyoos fuula marsariitii isaarratti baase ni eera.

    Waraanni ka’uu mala yaaddoo jedhu keessa kan galte Sa’ud Arabiyaanis furmaata dippilomaasii barbaadaa jirti.

    Ministirri dhimma alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo kanaan dura haasaa koree Kongirasiirratti taasiseen, mootummaan Iraan “yeroo kamirrayyu caalaa amma dadhabeera. Kufaatiitu isa eeggata,” jedheera.

    Mormiin ummataa kan itti cimaa jiru Iraan hogganaan waliigalaa biyyattii Ayaatolaa Komeenii yoo aangoorraa kaafaman eenyuun akka bakka bu’an akka hin beekamne dubbateera.

    sDhimmi Iraan kan Venezuweelaa caalaa wal xaxaa ta’uu kan hime Maarkoo Ruubiyoo, “waan of eeggannoo barbaadudha” jedheera.

    Ameerikaan lammileen ishee naannawaa sana keessa jiran eeguuf jecha, “haleellaa yeroo isaa hin eegganne raawwachuu akka dandeessu” dubbatullee Tiraamp murteerra akka hin geenye ibseera.

  8. YOOYYAA!

    Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo/

    Toora ittiin oduu kallattiin isin biraan geenyu eegalleerra.

    Muddama Baha Giddu-galeessaa sababa wal gaarerfannaa Ameerikaa fi Iraan gidduutti dhalate,

    Odeeffannoo addunyaa biroofi kan biyya keessaa ni argattu.

    Odeeffannoo biroof: Marsariitii, Facebook, YouTube, WhatsApp irratti nu hordofaa.