Gameessi waraana Itiyoo- Somaalee irratti Itoophiyaaf utubaa injifannoo turan Alii Barkii eenyu?

Alii Barkii waggaa sadi dura miidiyaa biyya keessaa EBC waliin turtii taasisanii ture

Madda suuraa, EBC

Waraana Itoophiyaa fi Somaaliyaa irratti gama Itoophiyaatiin sababa injifannoo ti jedhamuun seenaansaanii kan ka'u Ajajaa Shantamaa Baashaa Alii Barkii Tuuchoo ALI Caamsaa 28, 2015 boqotanii, guyyaa har'aa (Waxabajjii 07, 2023) sirni awwaalcha isaanii raawwateera.

Gameessi waraanaa kun qe'eesaanii Laga Xaafoo jirutti kan boqotan yoo ta'u sirni awwaalcha isaanii bataskaana Kaateederaalii Sillaasee magaalaa Finfinnee jirutti raawwate.

Shaalaqaa Baashaa Alii Barkii umrii ijoollummaasaaniirraa eegalanii biyyaaf aarsaa kaffalanis, jireenyisaanii gara dhumaa garuu rakkinaa fi dararamaan kan guutameedha jedhan Obbo Isaayyas Hordofaa.

Obbo Isaayyas seenaa Shaalaqaa Baashaa Alii Barkii irratti Afaan Oromootiin kitaaba barreessaniiru.

Seenaa nama kanaa akkanaan gabaabinaan nutti himaniiru.

Alii Barkii- goota ijoollummaa ajjeesaa jedhame...

Shaalaqaa Baashaa Alii abbaasaanii Barkii Tuuchoo fi haadhasaanii Aadde Amiinaa Ayyaanaarraa Waxabajjii 08, bara 1943 Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Begii keessatti dhalatan.

Abbaansaanii Alii dabalatee ijoollee digdama godhatan. Aliin ijoollummaasaaniitti barnoota Qur'aanaa barachaa, horii tiksaa turanis kanaan itti hin fufne.

Faana abbaasaanii hordofuun ijoollummaan adamoo deemuu eegalan.

''Aliin gootummaa bara sanarraa jalqaban jechuun ni danda'ama,'' jedhu Obbo Isaayyas Hordofaa.

Wayita adamoo deemaa turanitti bineensota bosonaa ciccimoo akkaan sodaataman kanneen akka leenca, arba, gafarsa, qeerransa ajjeesuudhaan akka aadaa Oromootti ''ajjeesaa'' jedhamuun akka gootaatti faarfamaniiru jedhan.

''Jalqaba yeroo leenca ajjeesan dargaggoo umrii waggaa 15 turan,'' jedhan Obbo Isaayyas.

Aliin wayita adamoorra turan rasaasa tokko lafatti balleessanii hin beekan. Erga jabaatanii bineensi isaan hin ajjeefne akka hin jirre himan.

Maatii adamoodhaan jabaa ta’e keessaa dhalachuun akka meeshaa waraanaan michoomaa guddatan isaan taasise.

Wayita dirrree waraanaa seenanis leenjii muraasa argatanirraan kan hafe muuxannoodhuma adamoorratti qaban hojiirra oolchan.

Imala gara dirree waraanaa..

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Alii Barkii Tuuchoo osoo jiruu adamoo keessa jiranii, dureen biyya ollaa Itoophiyaa taate Somaaliyaa Ziyaad Barree fonqolchaan mootummaan aangoo qabatan, lixaa fi kibba Itoophiyaatiin weerara eegalan jedhu Obbo Isaayyas.

''Ziyaad Barree wayita aangoo qabatu alaabaa Somaaliyaa kan duraan urjiin tokko qofti irra ture irratti urjii afur dabalee, Itoophiyaa, Jibuutii fi Keeniyaarraa biyya kutatee qaama mootummaasaa godhachuun 'Somaaliyaa guddittii' hundeessuuf sochii eegale.''

Mootummaan Ziyaad Barree karoora Somaaliyaa guddittii uumuuf baafate hojiirra oolchuu wayita eegalu bara 1968 Itoophiyaa karaa Bahaa fi Kibba Bahaatiin weerare.

''Magaalaa Jigjigaa, konyaalee Ogaadeen, Qabri Dahaar, Goodee, Qallaaffoo, Hardeer fi Daga Haburiin qabate.''

Yeroo sana waraanni Somaaliyaa meeshaa ammayyaa hidhate daangaa Itoophiyaatti ce'ee kiilomeetirii 800 imaluu kan himan namni seenaa Alii Barkii barreessan Obbo Isaayyas, ''mootummaan dargii waraana idileen humna kana qolachuu waan dadhabeef uummata hirmaachisuuf murteesse,'' jedhan.

''Haala kanaan baadiyyaa biyyattii hunda keessaa milishaa filuu eegale. Aliinis magaalaa Begii keessaa filatamee bara 1969 Finfinnee buufata leenjii loltummaa 'Taataq' jedhamutti ji'oota sadiif leenji'e,'' jedhan.

Alii Barkii leenjii waraanaa Waxabajjii 18, 1969 xumuruun guyyaa itti aanu Waxabajjii 19 waraana uummataa milishaa kuma 300 waliin adda waraanaa Hararitti duulan.

''Alii Barkii kutaa waraana milishaa 8ffaa birgedii 94ffaa shaalaqaa lammaffaatti ramadamuun adda waraanaatti bobba'e,'' jedhan Obbo Isaayyas.

Alii Barkii humnoota hidhannoo guutuudhaan Somaaliyaarraa Itoophiyaa seenan qolachuu keessatti adda duree ta'uuf yeroo dheeraa itti hin fudhanne.

''Humnoonni taankii fi meeshaalee waraanaa hidhatanii magaalaa Moqadishoorraa Itoophiyaa seenan bara 1970 magaalaa Harar qabachuuf turan. Wayita bakka Baabbileetti dhihaattee jirtu Abu Shariif ga'an waraana Itoophiyaa marsan.''

''Yeroo kana Aliin boombii harkaa hoogganaa birgeediisaanii kan turan Koloneel Gabayyoo Abbabaa harkaa fudhachuun taankii Somaaliyaa sadi guban. Wayita kana taankiiwwan lama ammoo of duuba osoo deebi'anii baqachuuf yaalanii hallayyaa keessatti kufuun gubatan.''

Wayita sana taankiiwwan humna waraanaa Somaaliyaa gubachuu taankiiwwan shananiitiin rifatanii of duuba deebi'an waraanicha dheessan.

Waraanni Itoophiyaa marfamee karaa ba'u dhabee tures karaa Aliin saaqaniin cabsanii ba'an jechuun ga'ee gootummaa gameessi waraanaa kun gumaache ibsan Obbo Isaayyas.

Shaalaqaa Baashaa Alii Barkii akkuma adamoo bineensaa irratti qiyyaafatanii ajjeesuu malee rasaasa balleessanii hin beekne, adda waraanaa kanarrattis rasaasa lafatti balleessanii akka hin beekne wayita lubbuun turanitti miidiyaalee biyya keessaatti himaa turan.

Diinasaanii ijaan argan malee sagalee dhukaasa gurguddaa nyaapha irraa waan dhagahaniif qofa dhukaasaa akka hin turre kan dubbataa turan Alii Barkii, gochasaanii kanaanis jaallan isaaniin komatamuu akka hin hafne ibsaa turan.

Haata'u malee dhumarratti mala-malteen isaanii kun injifannoof sababa ta'uun wayita mirkanaa'uu ittiin jajamaniiru.

''Haala kanaan Onkoloolessa bara 1971 injifannoo Kaarramaarraa fi qabamuu Jigjigaaf qoodi Alii Barkii raawwatan olaanaa ture,'' jedhan Obbo Isaayyas.

Alii Barkii gootummaa raawwatan kanaaf addatti Ajajaa Waliigalaa Humna Waraanaa Itoophiyaa kan turan Koloneel Mangistuu Haayilamaariyam irraa meedaalaaiyaa badhaafamaniiru.

''Alii Barkii kabajaa fi beekamtii gootummaa waraanaa olaanaa ta'uu agarsiisu fudhatan. Loltummaa idileerraa ol guddachuun al-takkaan gulantaa ajajaa shantamaa (shaalaqaa) argatan. Mindaansaaniis kan yeroo sana janaraalonni argatan qarshii 900tti guddateef.''

Gootummaa fi kabaji akkasumas gatiin gameessi waraanaa kun biyyaaf jedhanii kaffalan mootummaa dargii waliin bade kan jedhan Obbo Isaayyas mootummaan wayyaanee wayita dhufu Alii Barkii hidhaa buusuu himan.

Jiruu Alii Barkii injifannoo Kaarramaarraa booda...

Ajajaa shantamaa Alii Barkii Tuuchoo dirree waraanaa bahaa Qabrii Dahaar irraa gara iddoo dhalootasaanii kutaa waraanaa Wallaggaatti jijjiiramanii hanga ADWUI dargii kuffisutti sadarkaa Shaalaqaa Baashaatti guddatanii tajaajilaa turan.

''ADWUI wayita Finfinnee to'atu, bara 1983 xumuramee bara 1984tti goota kabajamuu bilisummaa fi daangaa Itoophiyaaf wareegama qaalii kaffalan Shaalaqaa Baashaa Alii Barkii Tuuchoo wayyaaneen mana hidhaatti darbattee bara 1993tti hiikaman,'' jedhan Obbo Isaayyas.

Shaalaqaa Baashaa Alii Barkii roorroon biyyaa baastee baqaan biyya ollaa Itoophiyaa, Keeniyaa yeroo muraasa turaniiru.

Wayita mooraa baqattootaa Keenyaa turanittis baqattoota Somaaliyaa achi turan waliin waraana keessa seenuun mootummaan Keeniyaa biyyatti deebise.

Wayita biyyatti deebi'an ammoo mootummaan Itoophiyaa dargii waliin hidhata qabda jechuun qabee hidhe.

Akka Obbo Isaayyas jedhanitti Shaalaqaa Baashaa Alii Barkii wayita hidhaarraa hiikaman homaa harkaa hin qaban.

''Namootuma jaalala biyyaa qabanii fi nama kanaaf kabaja qabantu carraa uumaniifii dhaabbata ijaarsaa CCD jedhamu kan Laga Xaafootti argamutti qacaramanii hojii humnaa hojjetaa turan.''

Laga Xaafoo ganda qonnaan bulaa Sadeen Eekkaa keessatti utuu rakkoodhaan jiraatanii, utuu hin darbiniif umriisaanii waggaa 72tti Caamsaa 28, 2015 addunyaa kanarraa du'aan boqotan.

Shaalaqaa Baashaa Alii ijoollee dhiiraa sadii fi durba shan horataniiru.

Ijoolleesaanii gariin hojii mataasaanii qabaatanis jireenyi maatiisaanii garuu ammallee rakkoo keessa jira.

Gameessi dirree waraanaatti aarsaa kaffaluun daangaa biyyaa kabachiise kun mootummaa biyyattiin xiyyeeffannaa hin arganne.

Waggaa lama dura bulchiinsi magaalaa Finfinnee carraa mana jireenyaa kenneefii qulfiin harkaan ga'us hanga yoonaa qulfii malee manni harka hin geenye jedhu Obbo Isaayyas.